Joorj Bileek: Basaastuun duraanii MI6 Sooviyeetif basaasaa ture Raashiyaatti du'aan boqote

Joorj bileek

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Joorj Bileek basaastota Biyyoota Lixaa 500 ol ganuu isaa BBC'tti himeera

Qondaalli duraanii dhaabbata basaasa UK, MI6 fi bara waraana ololaa Sooviyeetif basaasuun maqaa badaa horate Joorj Bileek umri 98’tti du’uu miidiyaaleen Raashiyaa gabaasaniiru.

Waggoota 9 keessatti basaastuun Sooviyeet kuni waa’ee isaanii odeeffannoo kennuun basaastota MI6 40 ta’an dabarsee kenneera.

Bara 1960 Landan keessa hidhamuus bara 1966’tti miliquun Raashiyaatti baqate.

Tajaajilli basaasa alaa Raashiyaa Bileek ‘’biyya keenyaaf jaalala garaarraa madde qaba’’ jedhee ibsee ture.

Duuni basaasaa kanaa miidiyaa mootummaa Raashiyaa RIA Novosti’n kan gabaafame yoo ta’u hogganaan pireesii Tajaajilli basaasa alaa Raashiyaa Sergeeyi Ivaanovis mirkaneessaniiru.

Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutin Joorj Bileek jajanii ibsaniiru.

Bileek eenyudha?

Joorj Bileek bara 1922 magaalaa Dach, Rotardaam keessa dhalate.

Abbaan isaa jewishii Ispeen bara Waraana Addunyaa Lammaffaa (WWII) Biritiish waliin ta’un lolaniiru. Ergasiis lammummaa Biriitish argatan.

Bileek bara waraana addunyaa lammaffaa fincila Dach taasisteerratti hirmaataniiru.

Boodarra isa dura basaasa keessa dalaguu ibsuun tajaajila basaasaa seenuu akka barbaadu gaafate.

Bileek bara 1953'tti Kooriyaarraa deebi'e

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bileek bara 1953

Gaaffiifi deebii bara 1990 BBC waliin taasisaniin, Joorj Bileek basaastota biyyoota Lixaa tilmaamaan 500 ta’an akka ganan himaniiru.

Kanneen keessaa 42 kan ta’an immoo dalagaa isaaniin lubbuu dhabuu isaanii garuu haalaniiru.

Dalagaan Joorj Bileek qondaalli basaasaa Poolaand Mikaa’el Goleniyewiskii biyyoota Lixaatti baqachuun jaalallee isaafi waa’ee Joorj bileek odeeffannoo dabalataa erga fide booda saaxilame.

Achiiti Bileek Landanitti waamame hidhaa seene. Dhimmi isaa mana murtiitti ilaalamee si’a shan Soviyeetif odeeffannoo miliqsuun yakkamaa ta’e.

Yeroo waraana ololaa dalagaa basaasa Biriitish irratti Joorj Bileek badii guddaa raawwate jechuun hima xiinxalaan nageenyaa BBC Gordan Koreeraa.

Basaastota ganuun akkasumas opireeshinii dhoksaan raawwatamu saaxiluun dhaabbati basaasaa Raashiyaa, KGB’n Biriitish keessa basaastuu ishii akka sochoostu taasise.

Dabalataan, mana hidhaa Biritishirraa miliquun isaas maqaa badaa itti dabale.

Maaliif Bileek akka kana raawwate ifa miti jedha Koreeraan. Ilaalchikoo hubatamee, hubatamuu baate anaaf gatii hin qabu naan jedhe jechuun hima Koreeraan yeroo sababa isaa gaafatetti.

Bileek kominizimii jaalatus osooma ijaan argu xumura sooviyeet arge jedha Koreeraan.

Joorj Bileek basaastota Raashiyaatin akka gootaatti ilaalama.