Manni Murtii Waliigalaa oliyyannoo Obbo Jawaar Mahaammadfaa dhaggeeffate

Obbo Jawaar Mahaammad dabalatee namootni afur jala murtii "dhimmisaanii iddoo isaan hinjirretti yaa ilaalamu" jechuun kenname irratti har'a oliyyannoo isaanii dhaggeessifatan.

Galmee himata Obbo Jawaar Mahaammadfaa keessaa namootni afur: Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Hamzaa Adaana /Booranaa/ fi Obbo Dajanee Xaafaa oliyyannoo isaanii gama abukaatoota isaaniitiin Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa dhaddacha oliyyannoo yakkaatti dhiyeeffataniiru.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti dhaddachi yakkaa farra shororkaafi dhimmoota heeraa tokkoffaa Obbo Jawaar dabalatee himatamtootni afran "fedhiisaaniitin mirga heeraan kennameef fayyadamuu waan hin barbaadneef dhimmisaanii iddoo isaan hin jirretti yaa ilaallamu" jechuun jala murti kennuunsaa ni yaadatama.

Himatamtootni afran gama isaaniitiin "murteen manneen murtii qaama seera raawwachiisun kabajamaa hin jiru, namootni manni murtii bilisaan gadhiise deebi'anii qabamaa jiru, hanga kun hin sirreefamnetti mana murtiitti dhiyaachuu hin barbaadnu" jechuun ture guyyaa beellama isaanii kan hafan.

Abukaatoota himatamtootaa keessaa tokko kan ta'an Obbo Misgaanuu Mul'ataa, "akka seeraatti namni tokko dhimma yakkaa irratti mana murtiitti dhiyaatee dhimmasaa dhaggeeffachuufi hordofuun dirqamadha. Namni osoo mana hidhaa jiruu 'bakka hin jirretti' haalli itti jedhamu danda'us seeraan hinjiru" jechuun har'a dhimmicharratti oliyyannoo dhaggeesifachuu isaanii BBCti himan.

Oliyyannoon murtee Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti dhaddachi yakkaa farra shororkaafi dhimmoota heeraa tokkoffaa mormuun dhiyeeffatan dhimmoota lama of keessaa akka qabus himaniiru.

Oliyyannoon isaanii inni tokko manni murtii gadii "bakka isaan hin jirretti dhimmi isaanii yaa ilaallamu" jechuun kan murteesse "sirrii miti" kan jedhu akka ta'es abukaatoo himatamtootaa kan ta'an Obbo Misgaanuu Mul'ataa dubbatan.

Qabiyyeen oliyyannichaa inni lammaffaan immoo "komiin isaan dhiyeeffatan ('murteen manneen murtii qaama seera raawwachiisun kabajamaa hin jiru' kan jedhu) mana murtiitiin ilaalamee kufaa yookiin immoo fudhatama qaba yaa sirreeffamu kan jedhuun tarkaanfiin fudhatame hin jiru. Isa kana irratti komii kan dhiyeessine" jedhan.

Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti dhaddachi oliyyannoo yakkaas galmee oliyyannoo dhiyaate qoratee ajaja kennuuf Sadaasa 24/2014ti beellama qabachuusaa Obbo Misgaanuu Mul'ataa himaniiru.

Waa'ee galmee himataa Obbo Jawaarfaa, namoota 24

Ji'a Waxabajjii bara 2012 keessa ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa booda kan qabaman Obbo Jawaar Mahaammad fi namootni galmee isaanii keessatti argaman kunneen biroon labsii yakka shororkeessummaa ittisuu fi to'achuuf bahe, labsii yakka telekoomii, labsii bulchiinsaafi to'annoo meeshaa waraanaa fi seera yakkaa biyyattii keewwata garaagaraa darbuun ture kan himataman.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaas himatawwan labsii bulchiinsaafi to'annoo meeshaa waraanaan walqabatan jaha akka addaan citan murteessuunsaa ni yaadatama.

Obbo Dajanee Guutamaa, Dr Birhaanamasqal Abbaba Sanyii fi Tsaggaayee Raggaasaa Araarsaa namoota biyya keessa hin jirreefi galmee Obbo Jawaar Mahaammadfaa keessatti himatamanidha.