Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
COP26: Mariin jijjiirama qilleensaa waliigaltee haaraa hineegamne irra gahe
Marii jijjiirama qilleensaa COP26 Gilaasgoow keessa taa'ameen, jijjiirama qilleensaa hamaadha jedhamu hambisuu haala danda'amurratti waliigalteerra gahame.
Waliigalteen Jijjirama Qilleensaa Gilaasgoow kunis, cilee jijjiirama qilleensaatiif isa hamaa ta'e hir'isuuf ifatti yoo irratti waliigalamu kan jalqabaati.
Akkasumas marichi gaaziiwwan qilleensa faalan caalaa atattamaan hir'suu cimsee kan kaase yoo ta'u, biyyoonni guddataa jiran miidhaa jijjirama qilleensaa akka dandamataniif maallaqa dabalataan kennuuf waadaan galameera.
Haata'u malee, gama ol ka'iinsa ho'aa 1.5C tti dhaabuuf kaka'umsi guddaan hin mul'anne.
Waadaan cilee hir'isuu kan wixinee marii kana duraa keessatti hammatames, erga mormiin Indiyaan eegalame dhiyaate booda, haala hineegamneen waliigalteerra gahame.
Ministirri Jijjirama Qilleensaa Indiyaa Bhupendar Yaadaav biyyoonni guddinarratti argaman osoo ''ajandaawwan misoomaa fi hiyyummaa hir'isuu'' gaggeessaa jiranu attamiin akka cilee fi gaazii qilleensa faalan hir'isuuf waadaa itti galuu danda'an gaafatan.
Dhumarratti, biyyoonni cilee guutummaatti dhaaburra, waljalaan hir'isuu irratti waliigalan. Kunis biyyoota muraasa aarseera. Pirezidaantiin COP26 Alok Shaarmaa, taateewwan haala itti babal'ataa jiraniin ''baayyee yaadda'uu'' himan.
Waliigaltee galame guutummaatti eeguun barbaachisaa ta'uu hirmaattotatti wayita himanittis imimmaaniin hudhamaa turan.
Minisitirri Mummee UK Booris Joonsan addunyaan ''jalqaba dhuma jijjirama qilleensaatiif COP26 Gilaasgoow akka yaadatan'' abdii akka qaban himan.
''Ammalleen waggoota dhufan keessaa wantoonni raawwatamuu qaban hedduutu jira. Garuu waliigalteen har'aa tarkaanfii isa guddaafi murteessaa sadarkaa idil-addunyaatti cilee hir'isuufi ho'a addunyaa digrii senti gireedii 1.5tti to'achuuf yeroo jalqabaatiif irratti walii galledha,'' jedhan.
Ergamaan dhimma jijjirama qilleensaa US Joon Keerii, yaaliin Gilaasgoow kun yeroo hunda murtee ''balaa dhaabsiisuuf dandeessisu irra waan gahamu hinfakkaatu ture'' garuu amma ''shugguxiin jalqabaa dhokaatee jirti'' jedhan.
Haaluma walfakkaatuunis, Barreessaa Olaanaan UN Antoonii Gutereez, pilaaneetiin ''fiixeerra geessee turte,'' jedhan. ''Ammalleen balaan qilleensaa karra rukutaa jira... yeroon miira atattamaatiin socho'uu qabnu amma. Yoo ta'uu baatee carraan zeeroo irra gahuu keenya mataansaa zeeroo ta'u male,'' jechuun akeekkachiisan.
Haaluma qaama waliigaltichaattis, galma 1.5C irra gahuutiif kaarboonii dabalataa hir'isuu irratti mari'achuuf biyyoonni bara dhufaa walgahu. Waadaan ammaa yoo guutamee, ho'a addunyaa gara 2.4C qofaatti kan ittisu ta'a.
Ho'a addunyaa 1.5C ol yoo ka'e ammoo, dachiin dhiibbaa tarii namoota miiliiyoonoota ho'a garmaleetiif saaxiluu mudachuu akka danda'u saayintistoonni ni himu.
Bu'aalee marichaa ijoo:
- Bara dhufaa karoorawwan gaazii qilleensatti gadhiisan hir'isuu keessa deebiin ilaaluun galmi 1.5C akka fiixaan bahuu gochuuf
- Fayyadama cilee xiqqeessuuf waadaa hunda hammataa jalqabaa galame
- Biyyoota guddinarratti argamaniif gargaarsi maallaqaa dabalame.
Odeessaalee dabalataatiif: