Ameerikaan yeroo jalqabaaf namoota saala lameeniin of hin ibsineef paaspoortii qopheessite

Paaspoortii Dana Zzyym's

Madda suuraa, Reuters

Ameerikaan yeroo jalqabaaf namoota saala lameeniin of hin ibsineef paaspoortii qopheessite

Ameerikaan paaspoortii jalqabaa koorniyaa adda hin baasne kennite jirti.

Paaspoortii kana irratti sanduuqni agarsiistuu saalaa mallattoo ‘‘X’’ jedhu ni qabaata, kunis namoota saala dhiiraa ykn dubartiin of ibsuu hin barbaanne tajaajila jechuu dha.

Paaspoortiin kuni nama ganna 66 saala dhiiraanis tahe dubartiin of hin ibsine, Dana Zzyym jedhamuuf kan kenname yoo tahu, namni kuni bara 2015tti dhimma kanarratti himata bananii turan.

Namni ganna 66 kuni loltuu galaanarraa Ameerikaa kan turan yoo tahu, ‘’kuni anaaf yeroo gammachuuti,’’ jedhan, erga paaspoortii haaraa argataniin booda. ‘’Iddoo garagaraa deemeen, eeyyee kuni ana jedheen of himuu barbaada,’’ jedhan.

Zzyym kana dura saala dhiiraanis tahe dubartiin of hin ibsu jechuu irraan kan ka’e paaspoortii dhorkamanii turan.

Paaspoortii kana argachuun duras, Zyym,’’ waanin mana hidhaa jiru natti fakkaata,’’ jedhanii turan.

Beekamtii nama tahuu keef yeroo dhorkamtu, akka lammii biyya kanaatti hin ilaalamtu, sababiinsaa boqonnaa hojii hin argadhu, akka yakkamaattis imala dhorkamaan ture jedhan.

Baatii Waxabajjii keessa Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan mallattoon ‘’X’’ agarsiistuu saalaa dhiiraafi dubartiin alatti akka filannoo biraatti ni kennama jedhanii turan.

Kana dura namoonni saalli isaanii isa waraqaa ragaa dhaloota isaaniin adda tahuusaa ibsuuf ragaa hakiimaa dhiyeessuun isaanirraa eegama ture.

Yeroo ammaa Kanaadaa, Jarmanii, Awustiraaliyaa, Indiyaa dabalatee biyyootni kudhanii ol paaspoortii irratti filannoo agarsiistuu saala sadaffaa kennanii jiru.

Ministirri Dhimmi Alaa Ameerikaa namoonni dhiira ykn dubartii jedhanii of ibsuu, ofiin akka filatan kan eeyyamu yoo tahu, isa sadaffaas bal’inaan tajaajilamtootaaf akka dhiyeessu himeera.

‘’Guyyaa paaspoortiin kennamu kanarratti waajirichi bilisummaa fi wal-qixxummaa namoota hundaa (LGBTQI) dabalatee kanneen saala garaagaraan of ibsan jajjabeessuuf akka hojjetu irra deebiin himuu fedha,’’ jedhan dubbii himaan ministeerichaa Ned Price.

Tarkaanfiin kuni namoota saala ykn koorniyaa dubartiifi dhiiraan of ibsuu hin barbaanneef filannoo ittiin of ibsan ni kenna, kunis dhimma kanarratti bulchiinsa Joo Baayidanitti tarkaanfii isa dhiyeenyaati.

Pireezidantichi dhimma mirga namoomaa namoota saala dhiraa fi dubartiin alatti of ibsan(LGBT ) deeggaruuf bakka buutuu addaa Jeessikaa Istern muudaniiru.

Isteernis maqaan koorniyaa haaraa kuni namoonni daangaa yeroo ce’anii deeman,’’namaa gaditti ilaalamuufi qoccollaa irraa isaan eeguu qaba. Kunis ibsannoon saalaa isaanii waan paaspoortii isaanii irratti barreefame waliin yeroo wal hin simnetti uumamaa ture,’’ jedhan.