Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Waraanni kaaba Itoophyaatti furmaata siyaasaa atattamaa barbaada' - ICRC
Waldaan Fannoo/Addeecha Diimaa Addunyaa (ICRC) waraanni kaaba Itoophiyaatti gaggeefamaa jiru furmaata siyaasaa ariifachiisaa barbaada jedhe.
Yeroo ammaa waraanni cimaan kaaba biyyattiitti dhiheenya magaalaa Daseetti gaggeeffamaa jiraachuun himamu kanatti, daawwannaa guyyoota sadii Itoophiyaatti taasisan wayita xumuraniitti gaaffiifi deebii BBC waliin kan taasisan hogganaan Waldaa Fannoo/Addeecha Diimaa Addunyaa Piitar Moorar, waraanicha dhaabuuf furmaati siyaasaa atattamaa akka taasfamuuf waamicha taasisaniiru.
Hogganichi itti dabaluunis, Itoophiyaatti lakkoofsi namoota gargaarsa barbadanii haalaan dabalaa jiraachuu himuun, rakkoolee gara garaa biyyattiin keessatti argamtu kana daran hammeessuu danda'a jedhan.
Xinxala waraana Itoophiyaa kan waggaa tokko guutuuf deemu kanarratti taasisaniin, haaliichi itti cimaafi fedhiiwwan deeggarsa namoomaa guyyaa gara guyyaatti guddataa jiraachuu dubbatan.
Akka hogganaan kun jedhaniitti, namoonni miliyonaana lakkaa'aman deeggarsa namoommaa atattammaa kan barbaadan yoo ta'u, kanneen kuma dhibbootaan lakkaa'aman ammoo beelaaf saaxilamaniiru.
Haalli kun furmaataa akka argatuuf ammoo, qaamoolee waraana irratti argaman hunda irraa ''fedhii olaanaatu'' barbaachisa kan jedhan hogganaan kun, haata'u malee kun kan jiru hin fakkaatu jedhan.
Mr Moorar, ''Yeoo ammaa kanatti ifti abdii argaa jirru omtuu hin jiru. Ergaan qaamoolee waraanarratti argamanii yeroo hundaa wal fakkaataadhuma. Yoo dafnee furmaata siyaasaa barbaadne caalaa dafee waraana keessaa nu baasa.
''Of sobuu haa dhaabnu, sababii osooma waraanichi boru dhaabbatees namoota fedhiiwwan hedduu qabaniifi bakka jireenyaa isaanii irraa buqqa'an kumaatama qabna,'' jedhan.
Waraana amma naannoo Amaaraa bakkeewwan humnootii TPLFn qabatamaniitti gaggeeffamaa jiruunis lakkoofsi namoota gargaarsa barbaadanii haalaan akka dabalu taasisa jechuudha jedhan.
Kana biraan ammoo namoota kanneen gahuun baayyee rakkisaadha jedhu.
Waraana kaaba biyyatti magaalaa Daseetti dhiyootti gaggeeffamaa jiruun walqabatee baatiidhuma kana keessa qofaa namoonni kummaatamaan lakkaa'aman bakka jireenyaa isaaanii irraa buqqa'aniiru.
Gama biraatiin ammoo sababiidhuma waraana amma gaggeeffamaa jirtuutiin deeggarsi namoommaa adda cituun kan himamaa jiru naannoo Tigraayiittis kumaatamni haala beela cimaa keessatti argamu maddeen dhaabbilee gargaarsa idil-addunyaa ni himu.