Ilmi mootii Sawudii, mootii duraanii 'qubeelaa summii qabu' fayyadamuun ajjesisuu hin oolle jedhame

Ilmi mootii Sa'ud Arabiyaa mootii biyyattii duraanii Abdullaa “qubeelaa summii qabu” fayyadamuun akka ajjeefamuuf yaada dhiyeessee ture jechuun qondaalli duraanii Dhaabbata Tikaa Sawudii hime.

Gaaffiifi deebii CBS waliin taasiseen Saad al-Jabri, bara 2014tti Mohaammad bin Saalmaan mooticha ajjeessuu kan barbaade abbaa isaa aangootti fiduufi jechuun durbii isaatti himuu isaa dubbateera.

Yeroo sanatti wa’ee aangoo qabachuu irratti maatii biyyattii bulchan gidduu wal dhabdeen jira ture.

Mootummaan Sawudii, Jabriin qondaala duraanii dhageettii hin qabneefi nama seenaa dheeraa oduu sobaa uumuu qabudha jedha.

Gaaffiifi deebii kana irratti Jabriin, bulchaan Saawudii Ilmi Mootii Mohaammad, - abbaan isaa Mootii Salmaan kan ta’e, “ marataa, ajjeessaa, Gidduu-gala bahaa keessatti qabeenyaa hedduu qabuufi, kan uummata isaa, lammilee Ameerikaa hundaafi addunyaa maraaf sodaachisaa ta’edha,” jedheera.

Walga’ii bara 2014 irratti Ilmi mootii kun durbiin isaa ilmi mootii Moohammad bin Nayeef, yeroo sanatti ministeera biyya keessaa kan tureen, ajjeechaa Mootii Abdullaa akka karoorsuu danda’u yaada dhiyeesseefi ture jedha.

“ Ilmi mootii kun : ‘Mootii Abdullaa ajjeesuun barbaada. Qubeelaa summii qabu Raashiyaa irraan argadha. Ani salphaamatti harka yoon fudheeni, inni ni du’a,’ jedhe “ jechuun Jabriin dubbateera.

“Of jajaafis jedhe yoo ta’e… kana jedheera, nuti ammoo akka waan sirritti fudhanne.”

Dubbiin kun dhuunfaamatti mana murti moototaatti xumurame jedha. Ta’us garuu mariin kun dhoksaan waraabamee fi kooppiin viidiyoo kanaa lama eessa akka jiru akka beeku ture ibseera.

Mootiin Abdullaa bara 2015tti umurii ganna 90 ta’ee kan du’e yoo ta’u, aangoo kan fudhate obboleessa buddeenaa isaa Salmaan, abbaa Mohaammed bin Salmaanidha, innis Mohammaad bin Nayeefiin akka ilma mootiitti aangoo itti aanu fudhatu gochuun muudeera.

Bara 2017tti, Mohaammad bin Nayeef, mudama aangoo itti aanuun fudhachuu irraa bu’un Mohaammad bin Salmaaniin bakka buufame.

Dabalataanis aangoo ministeera biyyaa keessaa irraas kaafame mana isaa keessatti akka hidhamu erga godhamee booda, bara darbe himata hin beekamneen to’annoo jala oolfameera.

Mohaammed bin Nayeef aangoorraa erga kaafamee booda, Jabriin gara Kaanadaatti baqate.

Onkololeessa 2018’tti ,Tarkii keessatti gaazexxeessaan Jamaal Kashoogii qondaaltota Sawudiin erga ajjeefamee guyyaa muraasa booda, hirriyyaan isaa Tajaajila Tikaa Giddu galeessa Bahaa keessaa hojettu, Mohaammad bin Salmaan isa ajjeesisuuf gartuu isatti erguu isaa akka akeekkachiisen hima.

Gartuun namoota ja’a buufata xiyyaaraa Ottawaa ga’anii turani garuu sababa qondaaltonni “ meeshaa qorannoo DNA sakkisiisaa ta’e’ qabachuu isaani waan arganiif akka biyya hin seenneef dhorkamuun deebi’ani jedha.

Waggaa darbe, Jabriin yaalii ajjechaan mana murii federaalaa UStti ilma mootiichaa himatee ture.

Ilmi mootii himannaa kana haaleera. Dabalataanis, ajjeechaa Jamaal Kaashogii keessaas harka akka hin qabne haaleera, ta’us dhabbileen basaasaa US ajjeechaa kana eeyyamuu isaa argataniiru.

Himannaa haraa kana irratti deebii akka kennaniif BBC’n mootummaa Sawudii qunnamee ture.

Ibsa CBS’f ergeen imbaasiin Saawudii Waashingitan jiru, Jabriin, “ qondaala duraanii mootummaa hojiirra ar’ame fi seenaa dheeraa oduu sobaa uumuu qabu, akkasumas ofii isaa fi maatii isaaf jireenya bashaa’aa uumuuf jecha yakka maallaqaa doolara biiliyoona hedduun lakkaa’amu raawwate irraa xiyyeeffannoo kaasuuf kan yaaludha,” jedheera.

Qaamoleen Sawudii hedduun malaammaltummaadhaan Jabri ikan himatan yoo ta’u, abbaan murti Kaanadaas “ragaan hannaa heedduutu jira,” jechuuf qabeenya isaa akka hin sochosneef dhorkii ka’uun to’ateera.

Maallaqa mootummaa homaa akka hin hatne haaluun, namootni kanaan dura isa qacaran maallaqa hedduu akka kennaniif hima.

Bitootessa 2020 keessa, abbootiin taayitaa Saawudii, ilmaa isaa Omaar fi intala isaa Saaraa to’annoo jala kan olchaa yoo ta’u, gartuuleen mirga namoomaaf falman, kun akka innni Saawudii Arabiyaatti deebi’uuf dirqiisiisuuf wanta godhamedha jedhaniiru.

Sadaasa darbe, erga abbaan isaanii ilma mootii kana irratti himata bane booda, obbolaan kun himata maallaqa karaa seeraan alaan sochoosuu fi “biyyaa miliquuf yaa’uun” himatamanii manni murti Sawudii hidhaa wagga sagalii fi wagga ja’aa fi walakkaa irratti murteesseera.

Himata irratti dhiyaate kana haalaniiru.

Manni murti kun murtee kana kan dabarse dadhachaa dhoksaa isaan irratti hin argamne irrattidha.