Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Tigraay: Waa'ee haleellaa magaalaa Wucaalee hanga ammaa maal beekna?
Naannoo Amaaraa, Godina Kibba Walloo aanaa Ambaassal magaala Wucaalee keessatti hidhattootni TPLF haleellaa meeshaa waraanaa gurguddaan raawwataniin lubbuun namoota hedduu darbuu mootummaan Itoophiyaa beeksiseera.
Haleellaa kanaan lubbuun namoota nagaa 30 olii darbuu Ministeerri Haajaa Alaa yoo ibsu, aanga'aan naannichaa ammoo magaala Wucaalee keessatti namootni sagal ajjeefamuu mirkaneessan.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa erga eegalamee waggaan tokko lakkaahamuuf guyyootni yeroo hafan kanatti torbee darbe keessa naannoo Amaaraafi Affaar keessatti waraanni hammaateera.
Hidhattootni TPLF naannolee kana keessati haleellaa haaraa kan banan yeroo ta'u, lakkoofsi namoota sababa waraanaan buqqa'anii kumoota dhibba hedduun dabaleera.
TPLF haleellaa Wucaalee kanarratti amma dura yaada hin kennine garuu amma dura namoota nagaa irratti xiyyeeffachuu waakkataa ture.
Hoogganaan waajira Koominikeeshinii aanaa Ambaasssal Obbo Habtee Mellesee BBC'tti yoo himan, magaala Wucaalee keessatti haleellaa hidhattootni TPLF meeshaa gurguddaan raawwataniin obbolaa lama dabalee walumatti namootni sagal ajjeefamaniiru.
Dilbata darbe gara magaalittiitti meeshaan guddaan dhukaafamee lubbuun namoota sagalii darbeera. Mana tokko keessaa obbolaan lama du'aniiru. Namootni baqachaa turan lubbuu isaanii dhabaniiru'' jedhan obbo Habteen.
Itti dabaluunis namootni afur miidhaan qaamaa irra gahee hospitaala galanii yaalamaa akka jiran himaniiru.
Hidhattootni TPLF naannolee Affaarii fi Amaaraa keessatti haleellaa haara tibbana bananiin miidhaa guddaan qaqqabeeraa kan jedhe ibsi Ministeera Haajaa Alaa ''Dhiyeenya kana osoo adda hin fo'iin gandoota namoota nagaa Cifraa fi Wucaalee jedhaman irratti haleellaa bananiiru, Wucaalee qofatti namoota nagaa 30 ol ajjeesan'' jedhe.
Obbo Habteen haleellaa Tibba kanaan walqabatee miidha qaqqabeen dabalataan aanaa Ambaassal dabalatee aanaalee ollaarraa namootni hedduun gara magaala Daseetti baqachuu isaanii himaniiru.
Namootni erga Dilbata darbee gara magaala Daseetti baqachaa akka jiraniifi kan magaalittii keessaa fira ykn hiriyyaa hin qabne daandiirra bulaa akka jiraniis himaniiru.
Obbo Habteen kallattii fi sa'aatii haleellaan kun itti raawwate yoo ibsan ''dhukaasa meeshaa guddaa kana kan raawwate TPLF'' jedhaniiru.
TPLF hanga gabaasni kun qindaa'etti haleellaa kana ilaalchisee wanti dubbate hin jiru.
"Namni akka baalaa harca'e"
Wucaaleen bara 1989 waliigaltee Mootiin Shawaa Minilikiifi Warra Xaliyaan gidduutti wal hubannaan michoomuuf mallattaa'ee booda sababa waraana biyyoota lamaanii ta'e (the wuchale treaty) itti mallataa'eedha.
Magaalaan Wucaalee teessoo aanaa Ambaassal yeroo taatuu teessoo godina Kaaba Walloo Dasee irraa km 40 fagaattee argamti.
Namootni haleellaa tibba kanaa ijaan argan waraana akka haaraatti humnoota TPLF fi mootummaa gidduutti dhalateen buqqaatiifi miidhamni guddaan gahuu BBC'tti himaniiru.
Godina Kaaba Walloo aanaa Habruu irraa waraana dheessanii ijoollee isaanii shan waliin gara magaala Kombolchaatti kan baqatan namni BBC'tti dubbatan tokko, namootni ajjeefamuufi kan maatii isaanii dabalatee manni namoota hedduu gubachuu himan.
"Hamroo keessa manneen 43 gubataniiru. Habruu keessa kan hafe hin jiru. Hanga kana jechuu hin danda'u. Namnis du'eera. Osoo wajjin baqannuu kan du'an ijaan argeera. Namni akka baalaa harca'e,'' jechuun dubbataniiru.
Kan isaanii oolus manni abbaa isaaniifi kan obbolaa isaanii gubacahuus himaniiru.
Magalaa Kombolchaa keessa namootni dahoo hin arganne akka jiran himanii kan bakka qubatu dhabe daandiirra bulaa jira jedhan.
Maatiin adda bahee akka jiruuf gariin walbarbaade wal-arges himaniiru.
Waraana torbe darbe keessa akka haaraatti baname ilaalchisee TPLF fi mootummaam, kan jalqabe ana miti jechuun quba walitti qabaa jiru.
Waraanni erga eegalee jiini 11 darbe hanga torbee darbe irra deebiin hammaatutti torbanootaaf faara qabbanaa'uu agarsiisee ture.
Waraana kanaan kanneen hanga miiliyoona torbaa ta'an qe'ee isaaniirraa kan buqqa'an ta'uufi miiliyoona tokkotti kan siiqan ammoo fiixee beelaarra jiraachuu dhaabbilee gargaarsaa ni himu.
Hawaasni idila addunyaa qaamoleen waraana kana keessaa hiree qaban haalduree tokko malee waliigaltee dhukaasa dhabuurra akka gahan dhiibbaa gochaa jiru.