Somaalonni ajjeefamuu miseensa paarlaamaa UK hordofee 'itti dhaadatamaa jiraachuu' himatan

Erga miseensi mana maree Biriitish Sar Deevid Amees ajjeefamanii ergaan ajjeesuuf itti dhaadachuu miseensota isaa qaqqabaa jiraachuu Dhaabbanni lammilee Somaaliyaa UK keessa jiraatan gargaaruu beeksise.

Sar Deeviid ummata isa filate Saawozand Weest waliin marii idilee Jimaataa yeroo gaggeessaa jiranitti ture bakka hedduu waraanamuun kan ajjeefaman.

Namni hidda sanyii Somaaliyaa qabu umuriin isaa wagga 25 Alii Harbii Alii jedhamu ajjeechaa kanaan shakkamee to'atameera.

Abbaan nama ajjeechaa kanaan shakkame, Obbo Harbii Alii Kullanee duraan gorsaa ministira muummee Somaaliyaa turani.

Ilmi gorsaa Ministira Muummee duraanii Somaaliyaa Ali Harbi Ali, miseensa paarlaamaa UK Deeviid Amess waraanee ajjeesuun shakkamee kan to'atame jalqaba torban kanaati.

Taatee kanaan miirri isaanii daran jeeqamuu kan dubbatan abbaan shakkamaa kanaa-gorsaan duraanii Ministira Muummee Somaaliyaa Harbi Ali Kullane, ilmisaanii yakka akkanaa raawwachuun hafee abjooteeyyuu akka hin beekne barruu Sunday Newspaper jedhamutti himan.

Dargaggeessi umrii waggaa 25 Ali Harbi Ali, yakka ajjeechaan shakkame kun kanaan dura sagantaa duula farra mankaraaristummaa mootummaa UK prevent keessatti yeroo baayyee hirmaateera.

Sagantaan kun ogeeyyii fayyaa fi hawaasummaan kan hoogganamuu fi fedhiidhaan kan keessatti hirmaatamu yoo ta'u, yakka raawwatameef garuu adabbii kallattiin kennamuu miti.

Aliin ajjeechaa raawwachuun booda jalqaba shakkamee Essex keessatti to'atamee ture.

Isa booda akkaataa bu'uura seera shororkeessummaa keewwata 41n gara magaalaa Landan geeffamee yeroo ammaa mana hidhaa keessatti argama.

Miseensi paarlaamaa UK Deeviid Amees ajjeefamuu hordofee kan qabme lammiin Somaaliyaa Ali Ahrbi Ali, dhimmi isaa yakka shororkeessummaa jalatti ilaalamuu eegaleera.

Shakkamaan kunis bu'uuruma seera yakka shorokeessummaan mana hidhaatti argama.

Qondaaltonni mootummaa UK ajjeechaa miseensa paarlaamaa kana keessatti namni biraan kallattiin hirmaate jira jedhanii hin amanan.

Poolisiin biyyattii qorannoo duraan akka ibsanitti ajjeechaa qondaala kanaa duuba mankaraaristummaan amantii jira.

Warra cimsan (conservative) keessaa kan ta'an miseensi paarlaamaa UK Deeviid Amees, bara 1983 irraa eegalanii Saawuzend bakka bu'uun tajaajilaa turan.