Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Poolisiin Gu'atimaalaa baqattoota 126 konteenara gatamee keessaa baase
Poolisiin Gu'atimaalaa baqattoota 126 kanneen konteenara keessatti qarqara daandii irratti gataman baraaruu beeksiise.
Jarreen kunneen magaalaa Neeyivaa Konsepki'oon fi Kaakaales jidduutti erga jirraattonni iyya namootaa konteenara keessaa iyyan dhagahuu eeruu kennanii booda poolisiin baafamu isaanii barameera.
Aanga'oonnis jarreen kunneen qaamolee namoota dadabarsanii kan isaan karaa Meeksikootiin Ameerikaa akka galchaniif maallaqa kanfalaniifin gatamu amanu.
Namoota ragaman kanneen keessaa 100 ol kan ta'an biyyaa Heeyitii rakkina keessatti argamtu irraayi jedhameera.
Akkasumas lammiileen Neeppaalii fi Gaanaas keessatti argamu.
Dubbi Himaan poolisii erga namoota kanneen baaseen booda, ''Konteenara keessa iyyaafi reebbiicha dhagaa turre. Achiinis karra yoo saaqnu namoota waraqaa seeraa hinqabnee 126 keessatti agarre,'' jedhan.
Qondaaltonni poolisi kunneenis namoota konteenara keessaa argaman kanneen osoo gara buufata dahannoo Inistitiyuutii Baqattoota Gu'atmaalaa bulfamuutti hingeessiin dura wallaansa duraa akka argatan taasisaniiru.
Dubbi himaan Abbaa taayitaa Baqattoota Gu'atimaalaa, Alejaandraa Meenaa akka jedhaniitti, baqattoonni kunneen Jidduugala Amaarikaa Honduraas erga gahaniin booda, achiin gara kaaba Ameerikaatti imala sukaneessaa kana taasisuuf ture jedhan.
Amma gara daangaa Honduraasiitti kan boodatti deebiifaman yoo ta'u, aanga'ootatti deebiifamanii ni kannamu.
Jarreen kunneen erga baqattoonni 652, kan daa'imman 350 keessatti argaman aanga'oota Meeksiikootiin to'atamanii guyyaa tokkoon booda ture. Baqattootni kunniin konkolaataa fe'umsaa qabbaneessaa (refrigerater) sadii keessatti fe'amuun dhiheenya kibba Ameerikaatti to'ataman.
Loltooti bakka buufata sakkata'insaa poolisii Taamaalipaas konkolaataa keessaa sagalee dhagahanii booda sakkata'insa taasisuun namoota kanneen argu danda'an.
Taatee kunis baayinna baqattootaa, kan baayyeen isaanii lammii Haayitii ta'anii fi kanneen gara Ameerikaa seenuuf balaa olaanaa fudhatanii, garmalee dabalaa jiraachu kan agarsiisuudha.
Erga jalqaba bara 2021 as, baqattoonni 50 ol ta'an daangaa Kolombiyaatti bosona bineensotaan guutamee qaxxaamuruuf osoo yaalanu du'usaanii qondaaltoonni beeksisaniiru.