Miseensi paarlaamaa Maalaawii duraanii mana maree keessatti ofitti dhukaasuun of ajjeesan

Madda suuraa, TedX
Miseensi paarlaamaa Maalaawii duraanii Kileemant Chiwaayaa waajira mana maree bakka bu'oota uummataa keessatti ofitti dhukaasuun of ajjeessan.
Chiwaayaan wayita umuriinsaanii waggaa lama turetti dhibee pooliyoo isaan mudateen miidhaa qaamaa isaan irra gaheen wiilchariitti kan fayyadaman yoo ta'u, bara 2014- 2019tti paarlaamaa Maalaawii keessatti af-yaa'ii yeroo ta'uun tajaajilanii ture.
Miseensi paarlaamaa duraanii kun osoo of hin ajjeesiin dura yaadannoo barreessuun kaa'aniin, abbummaa konkolaataa haala addaatiin qophaa'e irratti aanga'oota waliin wal dhabuu eeran.
Chiiwaayaa osoo af-yaa'ummaa irraa hinkaafamiin dura, adeemsa bittaa konkolaataa qaama miidhamaa ta'anilleen konkolaachisuu isaan dandeessisu eegalanii turan.
Miseensi paarlaamaa duraanii kun konkolaatichaaf kanfaltii raawwachuufi garuu ammoo paarlaamaan abbummaa isaaniif dabarsuu akka hinhayyamne himatanii ture.
Manni marichaas ibsa du'a miseensa kanaatiin booda baaseen, dhimmichi ammalleen mana murtiin kan qabame ta'uu ibseera.
Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasaniitti Chiiwaayaan guyyaa Kamisaa gara waajjira barreessituu mana marichaa erga seenaniin booda, osoo isaan arganuu ture kan ofitti dhukaasuun of ajjeesan.
Chiiwaayaan yaadannoo kaa'an irratti waan kan mataasaanii ta'e argachuuf kadhannaa akka isaan nuffisiise ibsuun, ''warra kaan miidhuu'' sodaachuun jireenya isaanii balleessuuf murteessuu ibsan.
Gaheessa umuriin waggaa 50 kan ta'an Chiiwaayaan falmaa mirgoota qaama miidhamtootaa kan turan yoo ta'u, miseensummaa mana maree biyyattiif al sadii dorgomuun filatamaniiru.
Mana maree eegumsi olaanaan taasifamuuf keessa attamiin shugguxii qabatanii akka itti galan ilaalchisuun poolisiin qorannoo gaggeessaa jiraachuu hime.
Ibsa waajjirri mana marichaa baaseen, qondaaltoonni nageenyaa wayita Chaawiiyaan seenan meeshaaleen sakatta'insaa sagalee kan dhageessisan sababii wiilchariitiin jechuun yaadanii akka turan himeera.















