Aadaa Oromoo: 'Duudhaa uffata aadaa fi faashinii ammayyaa walsimsiisuun Oromoo addunyaatti beeksifna'- Feeneet

Feeneet Indaale

Madda suuraa, Fenet Endale

Uummanni Oromoo uummata hortee Kuush gaanfa Afriikaa keessa jiran kan aadaa, duudhaa fi amantee isaa duriitiin buluun beekamuudha.

Aadaa fi duudhaatti cichuun uummatichaa ammoo namoota uffata aadaa Oromoo bocanii ammayyeessaniif qormaata ta'uu hin hafu.

Uffanni aadaa Oromoo waggoota dhiyoo as akka Oromiyaatti qofa osoo hin taane akka biyyaa fi addunyaatti beekamaa jira.

Qophii irreechaa hanga sirna cidhaatti, kilippii sirbootaa hanga sirnoota bebbeekamootti darbees ammoo hanga guyyuu uffatamuutti ga'eera.

Haata'u malee namoota uffata aadaa Oromoo bifa faashiniin qopheessan kan akka Feeneet Indaale biratti huccuuwwan aadaa hojjetaman, duudhaa ganamaan wayita walbira qabamuun madaalaman mufii kaasuu namoonni tokko tokko ni ibsu.

Hundeessituu faashinii uffata aadaa Oromoo 'Faaya Feeneet' kan taate Feeneet Indaale, kubbaaniyyaashee erga hundeessitee yeroo muraasa ta'us, yeroo ammaa fedhiin uummataa akkaan dabaleera jetti.

''Bara darbe Irreechi hin kabajamin waan hafeef hagas mara gabaan hin turre. Barana garuu fedhiin uummataa baay'ee dabaleera.''

Uffata aadaa, faashinii, fedhii namootaa...

Dhiirotaa fi shamarran uffata aadaa, siiqqee fi horooroo qabatanii dhaabbatan

Madda suuraa, Fenet Endale

Guddina faashinii uffata aadaa Oromoo keessatti qeeqi baayyeen akka mudatu kan himtu Feeneet, ''nuti garuu irra jireessaan kan xiyyeeffannu aadaan keenya akka beekamuudha,'' jetti.

''Uffata aadaa wayita jedhamu kan naannoo adda addaa fi kan haala qilleensaa garaagaraarratti hundaa'ee hojjetamutu jira. Fakkeenyaaf kan Arsii irraan kaabbaa kan qabuu fi jalaan ammoo wandaboo dheeraadha.

''Gara kaan kanneen akka Shawaa, Boorana, Harargeefaatti ammoo kan harka qullaa mul'isu jira. Akkaataa umuriitiin gargara ba'uun bakkeen namoonni uffata gabaabaa uffatanis inuma jira,'' jechuun uffanni aadaa haala qilleensaa naannootiin kan kalaqame ta'uu himti.

''Gara faashiniitti wayita dhufnu ammoo fedhii nama dhuunfaatiin hojjetama malee fedhii uummataatiin miti. Immoo haalli qilleensaas ilaalamuu qaba. Fakeenyaaf yero bonaa bullukkoo uffachuun hin danda'amu. Kanaafuu hojiif akka tolutti, sochiif akka tolutti, haala qilleensaaf akka mijatutti ammayyaa'ee aadaasaa osoo hin gadhiisin hojjenna.''

Haala uffanni aadaa bifa faashiniin itti bocamee uffatamaa jirurratti hawaasa irraa eegalee hanga beektotaatti yaadonni garaagaraa falmisiisoon ka'aa jiru.

Gama biraatiin ammoo dhimmoota aadaa fi afaan oromoo irratti qorannoo isaanii kan hojjetan barsiiftuun Yuuniversitii Wallaggaa Dr Haliimaa Jibriil uffanni aadaa Oromoo ammayyeeffamuu keessa duudhaasaa ganamaa gataa jira jedhu.

Dargaggoota uffata aadaa

Madda suuraa, Elias Badhaasaa

''Uffata aadaa Oromoo ammayyeessuun waan badaa miti. Akkuma ganamaa sanatti hafuu qaba yaada jedhu hin qabu. Akkuma addunyaan fooyya'aa deemtu, ammayyaa'aa deemuun waan gaariidha. Garuu naamusaa fi duudhaa ganamaa gataa jira. Yoo baay'ate hanga qullaa ofii mul'isuutti deemuu qabna jedhee hin yaadu,'' jedhan.

''Kaayyoon keenya uffata keenya filannoo jalqabaa gochuudha''

Uffata aadaa fedhii maamilaatiin bocnee/design/ hojjenna kan jettu Feeneet, hojiin ijoon namoonni akka uffata keenya filannoo jalqabaa godhatan gochuudha jetti.

''Huccuuwwan faashinii biyyoota alaarraa dhufan namoonni akkaan fedhu. Nuti isa kana huccuu keenyaan bakka buusuu barbaanna. Immoo haala addunyaan irra jirtus ilaaluu qabna,'' jetti Feeneet.

Feeneet akka jettutti uffanni aadaa Oromoo waan gabaa faashinii addunyaatti ba'u kan hin tuqamne hedduu qaba.

''Qabeenya ammallee hin tuqamin jiru kana kallattii garaagaraan itti fayyadamuu qabna. Kan hojjennu ammoo fedhii namootaa bu'uura godhanneeti. Fedhiin namaa hunduu tokko ta'uu dhiisuu danda'a. Garuu namni fedhii garaagaraa qabu uffata keenyatti dhimmamuun nuuf waan guddaadha.''

Hanga nuuf danda'ametti aadaan keenya hawwataa akka ta'u gochuuf yaalla kan jettu Feeneet, uuffati waan gabaabbateef qofa safuu hin cabsu, waan dheerateefis safuu eega miti jette.

Uffati aadaa akka uffata kaanii miti kan jedhan Dr Haliimaan, ''calaqqee aadaa, duudhaa fi naamuusa sabaichaatis,'' jedhan.

Naamuusa keessaa ba'uu qofa hin taane, namootni dirree kana keessa jiran beekumsa muraasa waa'ee aadaa fi duudhaa sabichaarratti qabu, irra caalaa ammoo waa'ee biizinasii isaanii yaadu jedhan Dr Haliimaan.

''Mallattoolee fi Asxaawwan fayyadaman irratti hanqinatu jira. Fakeenyaaf Elellaan uffata dhiiraa irratti bocuufaan qaanii guddaadha. Elellaan kan dubartiiti.''

Ogeettiin Faashinii uffata aadaa Oromoo Feeneet Indaale gamasheetiin, uffanni afaan nama tokkooti, kan ittiin of ibsaniidha jetti.

''Aadaa, amantii fi ilaalcha kee ittiin ibsachuu dandeessa. Kun hunduu fedhii namaati. Nuti ammoo fehdii namootaa ittiin eegna,'' jette Feeneet.

Hanqina uffata Oromoo ammayyeessuu keessatti mudatu wayita ibsitu, rakkoo guddaan nama aadaa fi duudhaa sabichaa hin beeknetu hojjechaa ture jette Feeneet.

''Kanarraa kan ka'e uffanni aadaa Oromoo gabaarratti fudhatama dhabeera. Qulqullinaan hojjetamaa hin turre. Nama aadaa sabichaa hin beekne harka waan tureef duudhaasaallee gadi dhiisee ture. Kun nuuf qormaata guddaadha.''

Uffanni aadaa guyyuu akka uffatamu gochuu...

Dubartii uffata aadaan faayamte

Madda suuraa, Fenet Endale

Uffanni aadaa qulqullinaa fi baay'inaan akka hojjetamuuf dursa kennanii hojjetaa jiraachuu kan himtu Feeneet, kana milkeessuuf ammoo ogeeyyii baay'inaan leenjisaa jirra jetti.

''Uffanni aadaa Oromoo yeroo qophii yookiin sirna tokkorratti qofa osoo hin taane akkuma huccuu kaanii guyyuu akka uffatamu gochuuf kallattii garaagaraan ifaajaa jirra. Nuti uuffata gosa tokkoo qofa osoo hin taane kanneen akka bullukkoo, tuuttaa, qomeewwanii fi kanneen namoonni guyyuu itti fayyadaman qopheessaa jirra,'' jetti Feeneet.

Aadaa fi faashinii walsimsiisaa deemuun rakkisaa ta'us akka inni duudhaasaa ganamaa gadi hin dhiisne of-eeggannoo goona jette Feeneet.

''Seerri faashinii kan namoonni beekan irraa adda goonee akka hojjennu nu ajaja. Kanaafuu uffanni aadaa akkuma jirutti ta'ee kan faashinii garuu bifa nama hawwatuun, waan namoonni beekan irraa bifa addaa fi haaraa ta'een fooyyessanii hojjechuun aadaa calaqqisiisuudha malee aadaa balleessuu miti.''

Kaayyoon uffata aadaa ittiin duudhaa hawaasichaa calaqqisiisuu fi kunuunsuudha kan jedhan Dr Haliimaan gamasaaniin, namoonni addunyaa dorgommii keessa galuuf jecha duudhaa ganamaa balleessuu yookiin dagachuurraa of qusachuu qabu jedhan.

''Dubbiin dubbii aadaati, dubbiin dubbii eenyummaa fi safuu hawaasa sanaa eeguuti. Ammayyeessuun dhaloota ammaa waliin tarkaanfachuuf dirqama. Garuu warri faashinii bocan safuu sabaa eeguu qabu. Dubartoota waan qullaa dhaabu qopheessuurraa of haa eegan.''

Feeneet gamasheetiin uffata kan aadaa fi kan bifa faashiniin hojjettu adda addatti qopheessuuf yaada akka qabdu himte.

''Addunyaarratti kan dorgomnu aadaa keenyaani. Garuu faashinii fi aadaa walsimsiisuun akkuma jirutti ta'ee kan aadaa fi kan faashinii akkaataa fedhii namootaan adda adda baasnee qopheessina,'' jette.