Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pool Kaagaameen Arsenal akka namni itti eegu osoo hin taane akka dansaa jira jedhan
Pireezdantiin Ruwaandaa Pool Kaagaameen Arsenal kilaba Tootinhaam 3 fi 1n mo'achuusaatti gammachuu qaban ibsuun, kilabichaafi hoogganaa isaa, akkasumas deeggartoota garichaan baga gammaddan jedhan.
Dursaan gameessi paartii mormituu Keeniyaa Raayilaa Odingaa gamasaaniin, Arsenal gara mo'uuttti baga nagaan deebi'e jechuun gammachuusaanii ibsataniiru.
Darbiiwwan Kaaba Landan tapha Dilbata kaleessaa taphataniin taphichi mo'icha Arsenal, 3 fi 1'n xumurameera.
Pool Kaagaameen akkas jechuun tiwiitarii isaaniirratti barreessan: Gareen Arsenal akka namni itti eege osoo hin taane akka mishaa jira, kanaaf ammoo taphattoonni fi hoogganaan garechaa qooda olaanaa qabu.
Pireezdantichi ji'a darbe wayita Arsenal tapha piriimerliigii baranaa wayita eegalu kilabii yeroo dheeraa booda taphatti deebi'e Brentord'n mo'ame Arsenal akkaan qeeqanii turan, ammammoo faallaasaa jajuu baayyisan.
"Yaada mo'amuu yookiin giddu-galeessuma ta'anii itti fufuu hin fudhannu. Garechi qixa sirriin of ijaaree mo'achuu qaba,'' jedhan.
Karoora hojii qabatamaa hojjisiisuu danda'utu barbaachisa kan jedhan pireezdantichi, deeggartoonni garechaa yeroo hunda mo'amuusaa amaleeffachuun waan hin malle jedhan.
Mo'ichi Arsenal Dilbata kaleessaa duubatti jechuu hin qabus jedhan.
Mootummaan Ruwaandaa bara 2018 irraa kaasee dhimma ispoonsarummaa kilabii Arsenal irratti dubbii xaxaa keessa jira.
Doolaara miiliyoona 42 ispoonsara ta'ee jiraachuu kan himu mootummaan Ruwaandaa, Kanaan walqabatees qomee taphattoota kilabichaarratti asxaan "Visit Rwanda" mul'achaa jira.
Namoonni pireezdanticha qeeqan, biyya hiyyummaa keessa jirtu osoo harkaa qabanii kilabii biyya dureessaaf maallaqa kennu jechuun himatu.
Kun mallattoo of-tuulummaa fi abbaa irrummaatis jedhuun.
Mootummaan Ruwaandaa garuu hojiin ispoonsaraa kun galiin tuurizimii biyyattii daran akka guddatu karra saaqeera jedhe.