Dhaabbileen fayyaa kumaan lakkaawaman TPLF'n mancaafamaniiru jedhe mootummaan

Hidhattootni TPLF naannolee Amaaraafi Affaar keessatti dhaabbilee fayyaa kumaan lakkaawaman mancaasaniiru jedhe mootummaan.

Waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeefamaa jiruun naannolee Amaaraafi Affaar hanga ta'e to'atanii kan jiran hidhattootni TPLF naannolee qabatan keessatti dhaabbilee fayyaa kumaan lakkaawaaman mancaasuu himame.

Gabaasa miidiyaalee kan hordofu BBC monitoring mancaatiiwwan humnoota TPLF'n naannolee Affaariifi Amaaraa keessatti raawwatame irraa kan ka'e namootni miiliyoona 1.9 ta'an tajaajila fayyaarraa adda citaniiru jedha.

Tibba kana Rayyaa Qobbootti qonnaan bultoota hedduu haleeluun kan komatamu gareen hidhattootaa TPLF, himannaa dhaabbilee fayyaa naannolee lamaan keessatti mancaasuu ilaalchisee yaadni kenne hin jiru.

Ministirri Fayyaa Dr. Liyaa Taaddesee Kibxata miidiyaalee biyya keessaaf yoo dubbatan, hidhattootni TPLF naannoo Amaaraa keessatti hospitaalota 20, gidduugala fayyaa 277 fi buufata fayyaa 1,162 mantcaasaniiru jedhan.

Naannoo Affaar keessatti ammoo hospitaala tokko, gidduugala fayyaa 10 fi buufataalee fayyaa 38 mancaasaniiru jedhan.

Humnootni TPLF torbanoota dura naannoo Affaar keessaa kan bahan yeroo ta'u mootummaan humnoota kana injifatee naannichaa ari'uu ibsa. Hidhattootni gama isaaniin tooftaaf jedhanii naannichaa akka bahan ibsu.

Toraban sadiin dura Ministirri barnootaa Itoophiyaa Geetaahuun Makuriiyaa hidhattootni TPLF Kaaba Itoophiyaa keessatti manneen barnootaa 7,000 mancaasaniiru jechuun himatanii ture.

Manneen barnootaa manca'an keessaa 445 naannoo Affaar keessatti 140 ol ammaa naannoo Amaaraa keessatti jedhan.

Waraannii naannoo Tigraayitti ji'a sadaasaa darbe eegale erga ji'a sadii dura gara naannolee ollaa Amaaraafii Affaaritti ce'eera.

Sababa lola kanaatiin namootni miiliyoonaan lakkaawaman qe'eesaaniirraa buqqa'aniiru miiliyooni hedduunis deeggarsa namoomaa eeggachuuf dirqamaniiru.