Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ajaja qoqqobbii US booda TPLF fi naannoon Amaaraa maal jedhan?
Pireezdantiin US Joo Baayidan Jimaata darbe qaamolee waraana Tigraay keessatti dhiittaa mirgoota namoomaa raawwataniiru jedhan irratti qoqqobbii kaa'uuf kan isaan dandeessisu sanada ajaja pireezdantummaa mallatteessaniiru.
Qoqqobbiin kun qaamolee mootummaa Itoophiyaa, mootummaa Ertiraa, mootummaa naannoo Amaaraa fi TPLF keessaa waraana keessatti hirmaachuun lammiilee dararaniiru jedhaman kan ilaallatu ta'uu himan.
Ajaji qoqqobbii kun namoota waraanichi akka babal'atu haala mijeessan, deeggarsa namoomaa kanneen ugguran, dhukaasi fi waraanni akka hin dhaabbanne kanneen godhan irratti kan xiyyeeffatuudha.
Qaamoleen waraanicha keessatti hirmaatan dhukaasa dhaabuuf tarkaanfii hatattamaa kan fudhatan yoo ta'e Ameerikaan qoqqobbii kaa'uuf yaadde tursiisuuf qophii ta'uu Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii ibseera.
Pireezdantiin US Joo Baayidan sanada ajaja qoqqobbii kana kan mallatteessaniif qaamoleen wal waraanaa jiran dhukaasa dhaabanii taa'anii karaa nagaan akka mari'atan dhiibbaa uumuufi.
Haata'u malee ajaja Baayidan hordofee Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad, imaammati US Itoophiyaarratti qabdu mirga namoomaaf quuqamuurra kan darbeedha jedhan.
Mootummaan naannoo Amaaraa qoqqobbii kaa'amuuf jedhame keessatti naannoon biyya tokkoo eeramuun isa gaddisiisuu hime.
Ministirri Muummee Abiy Ahmad xalayaa pireezdant Baayidaniif barreessan keessatti dhimma Itoophiyaarratti imaammati US kan hin eegamne ta'uu fi mirga dhala namaaf quuqamuu bira kan ce'eedha jedhan.
TPLF naannolee Amaaraa fi Affaar keessatti miidhaa lammiileerraan ga'e kaasuun, hawaasi idil-addunyaa TPLF addatti gaafatamaa gochuu dhiisuun hanqina Itoophiyaa qofa dubbachuun sirrii miti jedhan.
Mootummaan naannoo Amaaraa gamasaan, ''uummanni Amaaraa weerartuu alaa dhufe ofirraa qolataara malee darbee nama hin tuqne,'' jechuu Rooyitars gabaaseera.
Mootummaan naannochaa qorannoo mootummaan Ameerikaa gaggeessu akka tumsu ibseera.
TPLF ammoo ibsa baase keessatti, bulchiinsi Joo Baayidan walitti bu'iinsaa fi rakkoo nageenyaa Itoophiyaarratti hordoffii walirraa hin citnee fi tarkaanfii fudhachuuf dhimmamuun yaada deeggaramu ta'uu ibse.
TPLF waliigaltee dhukaasa dhaabuu keessatti Ameerikaan waahillan ishee biroo waliin ta'uun haasaa jaarsummaa akka gaggeessitu gaafateera.
Dhalattoota Tigraay fi kutaalee biyyattii biroo irratti haleellaa raawwatame qorachuun qaama gaafatamu seeraaf dhiyeessuuf hojjechuu keessatti Ameerikaa akka tumsu ibseera TPLF.
Mootummaa Itoophiyaa deeggaruun waraana Tigraay keessatti hirmaate jedhamuun kan himatamu mootummaan Eertiraa garuu hanga yoonaa dhimma kanarratti homaa hin jenne.