Angeelaa Merkel akkamiin siyaasa addunyaa fi Awurooppaa jijjiirte?

Dargaggoota Jarmanii barnooti xumuramuu kabajaachaa jiran
Ibsa waa'ee suuraa, Dargaggoonni kunneen dhaloota haaraa filannoo Jarmanii Fulbaana 26 irratti sagalee kennanidha

Gaggeesitoota addunyaa kanaa dhiibbaa uuman keessaa tokko kan taate Angeelaa Merkel siyaasa ardii Awurooppaa fi addunyaa namoota jijjiiran keessaa tokko.

Waggoota 16'f Chaansilara Jarman tahuun yeroo bulchaa turtettis biyya ishee keessatti jijjiirama guddaa fiddeetti. Jireenya miliyoonotaa fooyyeessuun beekamti.

Isaan keessaa barattoota bara kana barnoota isaanii xumuratanii gammachuu isanii ibsatan.

Berlin keessatti ijoolleen barattootaa gammadan jaakketii miidhagaa uffatanii osoo shuubisanii argaman. Warri bara kana xumuran yeroo Merkel keessa warra dhalate yoo tahan Jarman keessatti gaggeessaa gara biraa hin argine.

''Dimokiraasii guutuu tahe hin qabnu,'' jedhe Ole Shirooder, ''garuu akkan yaadutti dimokiraasii gaarii qabna.''

Dargaggoonni Jarman akka Alisaa Angeelaa [Mirga] Merkel malee Chaansilera biraa hin beekan
Ibsa waa'ee suuraa, Dargaggoonni Jarman akka Alisaa [Mirga] Angeelaa Merkel malee Chaansilara biraa hin beekan

"Sirna godaansaa irratti Jarman gaariidha'' jette Aliisaa Gukasoov. ''Namni kamiyyuu as jiraatee abjuu isaa milkeessuu danda'a.''

Garuu waan gara fulduraa isaan yaachisa.

Liinaa Zuyiiteeniif ammoo yaaddoo guddaan jijjiirama qilleensaati. ''Kaanee konkolaachisuu dhaabaa, guyyaa ayyaanaa irra balaliisuu dhiisaa sababni isaas hamma kaarbonii qilleensa faaluu xiqqeessuu qabna jechuu qabna. Kana amma osoo hin taane waggoota 50 darban keessa hojjechuu qabna tureyyuu,'' jette.

Kun erga lolaan Jarmanitti namoota baay'ee fixee yaada namoota hedduu keessa waan jirudha.

Jarman bulchiinsa Merkel jalatti hamma kaarbonii qilleensa faaluu xiqqeesuun aannisaa haaromsaa irratti hojjetteetti. Haa tahu malee kun bakka amma gahamuu qabu waliin yoo ilaalamu gahaa miti.

Jaramn ammayyuu dhagaa cilee kan gubdee fayyadamtu yoo tahu, Merkel erga balaa Fukushima waggaa 10 dura mudatee aannisaa niwuukileeraa dhaabdeetti.

Mukeen biyyicha haguugan yoo ilaaltan sababa jijjirama qilleensaan miidhaa guddaan irra gaheera. Ilbiisa Borkenkaafer jedhamtu bakka ho'aa fi gogaatti kan wal hortu mukkeen kanneen balleessaa jirti.

Naannoo Hrzi keessatti sababa jijjirama qilleensaan qiinqaniin mukkeen miidhaan irra gahe
Ibsa waa'ee suuraa, Naannoo Hrzi keessatti sababa jijjirama qilleensaan qiinqaniin mukkeen miidhaan irra gahe

Humna ittisa uumamaa kan tahan mukeen dadhabaa jiru. Haansi Shaatenbergi bosona Baha Haarzi kan hoganu waan nuyi gochuu dandeenyu mukkeen muruun ilbiisni mukkeen nyaattu akka hin babbal'anne gochuudha.

''Bosonni jijjiirama qilleensaaf ariifatee waan deebii kennu nutti hin fakkanne,'' jedhe. ''Waan nu ajaa'ibe kan haalaan miidhame bosona koniferes qofa osoo hin taane mukeen dulloomoon kaan akka qilxuufaa akkasuma miidhamuu isaaniiti.

Merkel jalatti Jarman badhaateetti. Namootni ishee dura turanis badhaadhina har'aa kana keessaa qooda qabu. Garuu qeeqxotni akka jedhanitti dorgomtootni Jarman teeknoloojii fi dijitaalaan gatanii deemaa jiru, biyyi dinagdeen gutte kun ammoo kanaan dadhabaa jirti.

line

Filannoo Jarman 2021

Jarman filannoo paarlaamaa Fulbaana 26 gaggeesiti. Paartiin Aadde Merkel Kiristiyaan Dimokiraatik Yuuniyeen qindoomina paartilee yeroo filannoo afuriif dursaa ture.

Filanno ammaa kana irratti ammoo warri morkattota mo'achuu hin hafan jedhama.

Angela Merkel (file pic)

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Merkel erga 2005 Chaansilera Jarman turte

Aankee Ketereer Jarman alatti erguun kan beekamtu oomisu. Maatiin ishee erga 1877 as biiraa Miitelstandi jedhamu oomishuun alatti kan ergan yoo tahu, milkaa'ina dingdee biyyattiif bakka guddaa qaba.

Anke Ketterer (C) fi abbaa warraa ishee Filiip barri bulchiinsa Merkel biizinesii isaaniif gargaareera
Ibsa waa'ee suuraa, Anke Ketterer (C) fi abbaa warraa ishee Filiip barri bulchiinsa Merkel biizinesii isaaniif gargaareera

Yeroo gaarii ture, Merkel hojii gaarii hojjette jette Ankeen.

''Waan komannu guddaa hin qabnu,'' jedhe abbaan warraa ishee Filiip itti dabaluun.

''Jarman keessatti baay'ee hojjechaa jirra. Garuu waan hamaan bakka jirutti dhaabbachuu fi duubatti kufuudha.'' Dhiibbaan Merkel Jarman keessatti fidde hawwaasicha keessati waan mul'atudha.

Godaantota kumaatamaan kooluugaltummaa gaafatanitti bara 2015 karra cufachuu diduun ishee bara bulchiinsa ishee keessatti isa murteessadha.

Jarman hojiif irra caalaa godaantota irratti hirkatti. Uummatni ishee irra caalaan dulloomaa waan deemaa jiruuf dinagdee ishee kanaan si'eesiti.

Har'a tokko arfaffaan uummata Jarman seen duubee godaansaa qabu. Isaan keessaa Neegin tokko. Ijoollee tahee koolugaltummaan Iraan irraa dhufte. Bidiruu xinnoo tokkoon osoo galaana meditiraaniyaanii ceenuu nyaatamnee ture jette.

Har'a shaakala baatee kan jirtu yoo tahe ogeettii yaala ilkaanii tahuuf jirti.

BBC
Life's good. I have an aim in life. I'm fighting. But some things are still too difficult. I have to study a lot and work harder than other people. Sometimes I still feel new
Negin
1px transparent line

Merkel yeroo godaansi hammaate sana akkas jette. "Wir schaffen das" (NI dandeenya]. Waggoota jaha booda isheen sirrii akka turte hedduun isaanii itti waliigalu.

Tahus lammiileen Jarman muraasni har'ayyuu dhimma kana hin fudhatan. Farra godaansaa kan tahe paartiin AfD amma paarlaamaa seenee jira. Dhimma godaansaa kana ni balaleffata.

Erga bara 2015 godaantotni biyyattii irra bahanii Jarman gadi deemte jedhanii kan qeeqan jiru.

Jarman keessa wal qixxummaan fayyadamummaa hin jiru. Qeeqxotni Merkel akka jedhanitti garaagarummaa kaffaltii dhiiraaf dhalaa gidduu fooyyessuu irratti kana caalaa hojjechuu dandeessi ture jedhu.

Awurooppaa keessaa isa gadi bu'aa yoo tahu dubartootni biizinesii fi siyaasa ol aanaa keessatti akka hirmaatan jajjabeessuun danda'ama jedhu.

''Yaaltee jirti'' jette Daani'eella Shiwaarzer Faawondeeshinii Opin Soosaayitii [Open Society Foundation] irraa. Salphumatti ofii ishee bakka guddaa kana taa'uun mataansaa fakkeenya cimtuu ishee taasisa jette.

Deeggarsa isheen Ministera Ittisa Jarman ammaa Annegret Kiramp-Karrenbargiif oote kaaste. Yeroo tokko akka bakka ishee buutuuf deeggaraanii turte.

''Akkamittiin Chaansilerummaa ishee kana qabatte yoo dhageessu dubartootni bakka murteessoo tahan irra jiru. Akka gorsitoota isheetti dubartoota baay'een marfamtee jirti.''

Merkel gaggeesituu jaallatamtuu tahuun yeroo dheeraaf ni yaadatamti.

''Yeroo dheeraa keessa uummatni kun waggoota 16 kana walitti ida'uun yoo ilaalu baay'ee milkaa'aadha. Dinagdee qofaan osoo hin taane biyyattii qaqajeelchuun boruuf akka taatutti hojjechuun salphaa mit,'' jedhe Pirofeser Birechkeen 'Munich Institute of Contemporary History' irraa.

Leegaasiin ishee banaa fi furmaata barbaadu bakka bu'uudha. Siyaasa Jarman takkaan yoo mil'annu garuu nuffisiisaadha. Waliigaltee, araaraa fi itti fufuu qofadha. Karaa kanaa mErkel biyyishee waan irraa barbaadu hoggansa kenniteetti.

Adunyaa jijjiiramaa fi raafamaa jirtu keessatti Jarmanii sagalee tasgabbii dhagahama.