Gamtaa Awurooppaa: Hoggantoonni dhimma godaantotaa irratti waliigalan

Godaantota qarqara galaana Kataaniyaa, Xaaliyaanitti fidaman, Waxabajjii 13, 2018

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Biyyi Xaaliyaanii biyya godaantonni biyyoota Afrikaa keessumaa Liibiyaa irraa ka'an itti qubatanidha

Hoggantoonni Gamtaa Awurooppaa walgahii sa'aatii 10 fudhaten Biraasalsitti erga marii taasisanii booda dhimma godaantotaa irratti waliigalan.

Biyyi godaantonni hedduu itti baqatan, Xaaliyaanin dhimma kana irratti yoo gargaarsa argachuu baatte murtee walgahii kanaa akka diigdu beeksifteetti.

Hoggantoonni akka jedhanitti fedhii irratti hundaa'us giddugalli godaantotaa biyyoota Gamtaa Awurooppaatti ni hundaa'a jedhan.

Giddugala kanattis kamtu baqattoota kamtu godaantotaa kan jedhuufi kan deebi'u qaban adda baasa jedha barreeffamni irratti mari'atan.

Biyyoonni 28 miseensa Gamtaa Awrooppaa ta'an kunneen to'annaa daangaarra cimsuufi Tarkii, Morokoo fi biyyoota Kaaba Afrikaa biroo qarshiin tumsuuf waligalaniiru.

Pirezidantiin Faransaay Imaanu'el Maakroon ''Walittidhufeenya Awuroppaatu kana godhe,'' jedhan.

Chaansilarri Jarman Angelaa Merkel illee dhimmi godaantotaa dhimma guddaa Gamtaa Awuroppaati jedhan.