Balaan lolaa Jarmaniitti mudate yoo xiqqaate namoota 80 galaafate

Madda suuraa, EPA
Balaa lolaa waggoota kurna keessatti isa hammaataa ta'een lammiileen Jarmanii 80 caalan lubbuu dhaban, kanneen achi buuteen dhabames hedduudha.
Rooba hamaa lixa Awurooppaa mudateen laggeen booyii isaanii cabsanii dhangala'uun biyyoota qaxanaa kanaa balaa hamaaf saaxilaa jiru.
Beeljiyam gamasheen haala qilleensaa hammaateen namoonni yoo xiqqaate namoonni 12 jalaa du'uu himte, qondaaltonni biyyattii balaa kana jijjiirama qilleensaatu fide jedhan.
Chaansilarri Jarman Angelaa Merkel kanneen miidhaman kutannoon akka deggeran himan.
Jarmanii keessatti bulchiinsonni Rhineland-Palatinate fi North Rhine-Westphalia jedhaman balaa lolaa kanaan baayyee miidhaman.
Beeljiyam, Neezarlaands, Laksembarg fi Siwiizarlaand akkasuma balaa lolaa hamaan miidhamaniiru.
Jarmanii gara lixaa bulchiinsa Ahrweiler jedhamtu keessatti namoota balaa lolaan miidhaman keessaa hanga namoota 1,300 kan ta'an bira ga'anii baraaruun hin danda'amne.
Bilbillis waan tajaajilaan ala ta'eef haala namoonni kunneen keessa jiran hubachuun hin danda'amne.
Gandi Schuld jedhamtu kan uummata 700 qabdu guutummaatti barbadoofte.
Hidhi guddichi Jarmanii daangaa Beeljiyam irratti argamus guutee suduudaan dhangala'uu eegaleera.
Kunis yaaddoo guddadha jedhan qondaaltonni biyyattii.
Roobni hamaan ammas guyyaa har'aa ni rooba jedhamee eegama.

Madda suuraa, EPA
Poolisoonni 15,000, humni waraanaa fi hojjettoonni yeroo balaa tasaa bakkatti argamanii uummata baraaruurratti argamu.
Heelikooptaroonni ammoo namoota gamoowwan irratti akkasumas dambalii lolaa gidduutti ugguramamnii jiran guuraa jiru.
Magaalaa Erftstadt-Blessem keessatti balaan lolaa kun manneen hedduun barbadeesse, jiraattota magaalattiif qaqqabun kan danda'amu bidiruu qofaani.














