Lolaan dhiiga fakkaatu ganda Indooneeshiyaa gute

Daa'ima lolaa halluu dhiigaa qabu keessa ijaajjitu

Madda suuraa, Reuters

Gandi Indooneeshiyaa erga lolaan warshaa halluu wayyaa rukutee booda bishaan diimaa dhiigaa fakkaatuun guutamte.

Lolaan dhiiga fakkaatu kun Sanbata magaalaa Java daandii Jenggoot keessa lola’aa ture.

Naannoon kun haalluu fi shaamaa aadaa huccuuf hojiirra oolu omishuun beekama.

Miidiyaa hawaassummaa irratti namootni kumaatamaan lakkaa’aman suuraa lolaa haalluu diimaa dhiiga fakkaatu kun yeroo gandichaa keessa lola’u agarsiisu qoodaniiru. Qondaalli to’annoo balaa naannichaa suuraaleen kun sirri ta’uu mirkaneesseera.

Lolaan diimaan kun sababa halluu warshaan itti fayyadamuun kan uumamedha, jechuun Dimaas Arga Yudaa Reuters’tti himeera.

“Yeroo booda rooba waliin yeroo wal maku nii bada.”

Jiraattota doqdooqqee oofan

Madda suuraa, Reuters

Kana dura lageen Pekalongan sababa halluu wayyaa kanaan ji’a darbe bishaan halluu magariisaatti geeddaramee ganda biraa keessa lola’aa akka ture Reuters gabaaseera.

Indooneeshiyaan yeroo hedduu lolaan kan rukutamtu yoo ta’u, jalqaba waggaa kanaatti lolaa magalaa gudditti Jaakaartaa rukuteen yoo xiqqaate namootni 43 lubbuu isaanii dhabaniiru.

Aanga’oonni naannichaa erga lolaan hamaa bara 2013tti biyyatti rukutee as rooba hir’isuuf jechaa mala 'cloud seeding' jedhamu kan xiyyaaronni keemikaala hurritti naqan fayyadamuu eegalaniiru.