'Galiin hojii kiyyaan argadhuurra gammachuun namoota kanneen gargaaruun argadhutu naaf caala'

‘’Osoon karaarra deemaa jiruu na argee dhaqnan si dhiqaa eeyyamamaadhaa? naan jedhe. Isaan boodas qaama narraa dhiqee uffata natti uffise. Na hooqsisa ture qaamni koo, amma dhiqannaan boqonnaan argadhe,'' jedhu maanguddoo jireenyasaanii daandiirra godhataniifi yeroo dheeraan booda dhaqna dhiqatan tokko.
''Ergan dhaqna dhiqadhee tureera waan ta'eef na nyaata ture. Fayyaa haa argatuu, nagaa haa tahun jedha’’ jechuun gochaa Salamoon Tazarraa galateeffatan.
Salamoon Tazarraa jedhama, Finfinnee naannoo Saarbeet jedhamu jiraata. Shofeera taaksii ‘Laadaa’ jedhamuuti. Yeroo hojiisaatiin alatti qaama manguddootaa fi namoota dhukkuba sammuu qabanii dhiquun tajaajila tol-oltummaa hojjataa jira.
‘’Guddinuma koorraa kaasee nama gargaaruu nan jaaladha. Daandii irratti namoota miidhaman argaa gaafan deemu immoo hojii kana jalqabe. Ergan dhaqna dhiquu jalqabee waggaa lamaaf ji’a shan ni taha,’’ jechuun BBCtti hime Solomoon.
Waggaa lamaan kana keessattis dhaqna namoota 750 tahan dhiquusaa dubbata. ’’Wayyaa fi kophee namoota irraan kadhadha. Dhaqna dhiiquuf kan itti fayyadamu haguugduu harkaafi saamunaa immoo ofii koon bita,’’ jedha.
Namoota daandiidhuma irra imalu hundarratti argu hunda qaama isaanii akka dhiqu dubbata Solomoon. ‘’Namoota dadhaboo daandiirra jiran, kan sammuun isaan dhukkubuu fi bobbaa isaaniillee to’achuu kanneen hin dandeenye faa argadhee beeka,’’ jedha
Tola oolaan kun nama miidhamaa daandii irratti argate osoo hin filatiin qaamasaanii dhiqee waan argate kenneef akka darbu hima.
Hojii galii irraa argatu namoota kanneen deeggaruu maaliif akka filate yoo dubbatus ‘’inni kuni haara galfii sammuu namaa kenna,’’ jedha.
Hojiin dabalataa hojjatu kunis galiisaa irratti dhiibbaa akka qabu ilaalchisuun, ‘’rakkoo jiru dandamachaa, maatii koos deeggaraa wal-simsiiseen adeemsisuu yaala malee jireenyarratti dhiibbaa guddaa qaba,’’ jedha.
Jalqaba wayiti hojii kana jalqabeetti namoonni akka isa hin deeggarree fi hawaasni dafee waan haaraa akka hin fudhanneefi attamiin akka eegalee ni yaadata.
'’Gaafan jalqabu uffata mataa koo kennuunin eegalee, wayita na jalaa dhumun kadhachuu jalqabe. Uffata tokko argachuudhaaf torbee tokko natti fudhatee ture,’’ jedha.
Haa tahu malee haatii warraasaa baayyee akka isa hubattuu, isas gargaaraa akka turte ragaa bahaafi.
Boodarra erga namoota gara 50 hanga 100 ta'aniif tajaajila dhaqna dhiiquu erga kenneen booda, namni itti amanaa dhufanii deeggarsii argatus dabalaa dhufuu hima.
‘’Amma gargaarsaaf namoota bira yoon deemu hin qaana’u, deebii gaariis argachaan jira,’’ jedha.
Haa tahu malee jedha Salamoon, ‘’Uffatan namootarraa walitti qabu iddoon keessa kaa’u hin qabu. Namootas daandiirrattan qullaa isaaniin dhiqaa jira. Filannoo waanan hin qabneefan kana raawwadha,’’ jedha.
Kanaafuu mootummaanis tahe namni qaba gama kanaan akka isa gargaaru gaafateera.
‘’Saamunaa bitee, bishaan jariikaana shan ykn ja’a kan litiroo 30 tahu fuudhee deema. Yoon isa fixu ammoo naannooma jiruutii bishaan nan kadhadha.’’
Guyyaa Sanbataa fa’irra hojii kanaaf gaafan bahu bishaan baayyisee fudhee baheen namoota hanga kudhanii dhiqeen gala.
Namoonni sammuu fayyaa tahan dhiqatanii na galateeffatanii, gammadanii deemu. Garuu kanneen sammu dhukkubsatan xiqqoo wal’aansoo si qabuu. ‘Guyyaan itti kaballaadhaan dhahamees jira’ ture jedha.
Gara fuulduraatti dahoo bal’aa fi uffata isaaniif tahu iddoo itti kuusu qabaadhee baayyee natti tola kan jedhu Salamoon, kana malees konkolaataan isa waan dulloomteef iddoo dheeraa deemee deeggarsa kana taasisuu akka hin dandeenye dubbata.
Magaalaa Finfinnee keessa namni miidhame baayyeen waan jiraniif, guyyaatti hanga namoota shanii dhaqna akka dhiqu dubbata Solomoon.
Amma gaafa Dilbataa, ''naannoo Koyyee Faccee namoonni uffata hin qabneefi nyaata hin arganne jiru naan jedhanii isaan fa'iifa ammoo nyaata fudheen deema.’’ Haata'u malee Salamoon qofaasaa waan taheef dhimma kanaaf furmaata waaraa tahe fiduu akka hin dandeenye dubbata.
‘’Ani hojii kanaan alatti yeroon deemee hiriyyoota waliin shaayii buna jedhullee hin qabu. Gaafan xumuru nama maatii qabu waanan taheef gara ijoollee koottiin gala.''
‘’Ijoollee afuran qabaa. Haati warraa kiyyas baayyee na deeggarati,'' jedha.














