Jaappaan: Lolaa hamaa Jaappaaniitti mudateen yoo xinnaatee 16 du'an

Madda suuraa, Reuters
Lolaa hamaa biyya Jaappaan odoola Kiyushuu keessatti qaqabeen yoo xinnaatee namoonni 16 du'anii baayyeen ammoo eessa buuteensaanii dhabamuun himame.
Namoota balaa lolaa kanaan du'an keessaa 14 isaanii mana kuunuusa maanguddootaa kan qarqara lagaatti aanee argamu tokkoo keessaa ta'uun barameera.
Aaanga'oonni biyyattiis namoonni kuma 200 ta'an akka bakka sana gadhiisanii bahaaniif kan ajjajan yoo ta'u, akka namoota lolaan kun danqe baasuu gargaaraniifis looltoonni 10,000 ta'an gara sanatti erganiiru.
Roobnii guyyaa Dilbata harraa kan haphate ta'ulleen, naannichatti halkan dhufu kana roobnii cimaa akka roobuu raagameera.
Lakkoofsi namoota du'aanii kan amma jedhameen ol ta'uu akka danda'u ni eegama.
Ministirii Mummee biyyattii Shinzoo Abee jiraattoonni naannichaa 'of eegannoo cimaa'' keessa akka ta'aniif akeekkachiisaniiru.

Madda suuraa, AFP
Suuraawwan wayita lagni Kumaa guutee riqicha irraa dhangala'u konkolaataawwaniifi manneen baatee deemuu agarsiisu.
Ejjansiin Metiriyooloojii Jaappaan akka jedheetti, naannicha keessatti roobni akkasii kana dura gonkumaa mudatee hin beeku.
Dubartiin jidduugala baraarsaatti kolugaltummaa gaafatte tokkoos, roobni hanga kana cimaa ta'a jettii gonkumaa yaaddee akka hin beekne dubbatti.
Kaan ammoo wayita bishaan laga dhiheenyaa keessaa socho'uutti dhagahamaa akka ture himuu.
Hurukaa Yaamaadaa kan Ashikitaa keessaa jiraatu Kiyodotti akka himteetti: ''Mukeeniifi qaamooleen manaa bishaaniin wayita fudhataman argeera.
Isaaniis waan ta'e waliin walitti bu'aa turan. Qilleensiis yaa'aa gaaxziifi ajaa balfaatiin guutamee ture.''
Naannichaatti manneen saddeeti bishaaniin fudhatamuun ragaaleen mullisan.













