Afgaanistaan: Taalibaan wayita mootummaa haaraa ijaaru masaraa mootummaa keessatti wal-dhaban

Madda suuraa, AFP
Aanga'aa gameessi Taalibaan BBC'tti akka himetti, wayita mootummaa haaraa hundeessuuf masaraa mootummaa turanitti garee kana gidduutti waldhibdee cimaan mudateera.
Namoota Taalibaan hundeessan keessaa tokko kan ta'ee fi yeroo garaagaraatti garicha bakka bu'uun kan beekamu Mullah Abdul Ghani Baradar fi miseensota kaabinee gidduutti walfalmiin yeroo dheeraaf akka ture hima qondaalli odeeffannoo BBC'f kenne kun.
Dhiheenya kana Aab Baradar osoo hin mul'atin turuusaatiin walqabatee gabaasi hin mirkanoofne waldhibdeen garee kana gidduutti mudachuurratti heddumminaan ba'aa ture.
Taalibaan gabaasota akkanaa waakkataa ba'e.
Ji'a darbe guutuu Afgaanistaan kan to'ate gareen Taalibaan, kaabinooti isaa hundinuu dhiirota qofa, dubartoota hirmaachisuu waan dideef jedhamee hiriirri mormii irratti ba'amaa tureera.
Maddi Taalibaan BBC'tti akka himetti Aab Baradar fi Ministira Baqattootaa garee kanaa kan ta'e Khalil ur-Rahman aariidhaan walitti deddeebisaa turan.
Hordoftoonni isaaniis akkaatuma qondaaltota kunneeniin lamatti gargar ba'uu hime maddi kun.
Aanga'aa gameessi Taalibaan kan Qaataar jiru walfalmiin kan eegale torbee darbe ta'uu fi ammammoo daran hammaachuu hime.
Yeroo ammaa Ministira Muummee ta'uun kan tajaajilaa jiran Aab Baradar, haalli caasaa mootummaa ce'umsaa waan isaan hin gammachiifneef, maddi waldhibdee isa kana jedhe qondaalli Taalibaan kun.
Waldhibdeen kun jalqabasaa injifannoo argame wal-saamuurraa madduus hime.
Aab Baradar sababa namoonni akkasaa hojii dippiloomaasii milkaa'aa hojjetaniif injifannoon argame jedha, kaan ammoo(Fakkeenyaaf miseensonni garee Haqqani) injifannoon hunduu waraanaan argame jechuun falmu.
Gareen caasaa Haqqani miseensa gameessa Taalibaan tokkoon hoogganama.
Aab Baradar qondaala Taalibaan yeroo jalqabaaf kallattiin US waliin dubbatedha, bara 2020 Doonaald Tiraamp waliin bilbilaan dubbateera.
Isa durammoo akkaataa loltoota US Afgaanistaan keessaa baasuu irratti Taalibaan bakka bu'uun Dohaatti waliigaltee mallatteesseera.
Caasaan garee Haqqanii irraa ijaarame ammoo haleellaawwan Afgaanistaan fi lammiileesheerrratti, akkasumas michoota mootummaa Afgaanistaan warra lixaa irratti raawwatamaa turan waliin maqaansaanii ka'a.
Gareen kun mootummaa US'n shorokeessaa jedhamuun addatti farrajameera.
Hoogganaan garee kanaa Sirajuddin Haqqani, mootummaa ce'umsaa haaraa keessatti ministira dhimma biyya keessaati.
Erga waldhibdeen hammaatee booda Aab Baradar Kaabul keessaa miliquun gara magaalaa Kandahar seenuu maddi kun BBCtti himeera.
Hundeessitoota Taalibaan ganamaa keessaa tokko kan ta'e Baradar ergaa sagalee waraabuun Wiixata darbe dabarseen, ''an imalarran jira'' jechuun ibse.
"Bakkan amma jirutti, hundi keenyayyuu nagaa jirra,'' jedhe.
Sagalee waraabamee miidiyaalee Taalibaan hedduurratti gadi dhiifame kana BBC'n addatti mirkaneeffachuu hin dandeenye.
Taalibaan akka jedhutti waldhibdeen tokkoyyuu hin jiru, Aab Baradaris nagaa qaba, garuu haala amma irra jiruu fi hojii hojjetaa jiru irratti yaada walfalmisiisaa waan kenneef rakkoon uumame.
Dubbi himaan Taalibaan akka ibsetti Aab Baradar hooggansa olaanaa Taalibaan argachuuf gara Kandahara imale, inni garuu ''waan dadhabeef boqonnaa fudhachuuf garas akka imale'' BBC'tti hime.
Hoogganaa olaanaa Taalibaan Hibatullah Akhundzada, ija hawaasaa duraa erga dhabamee bubbuluudhaan walqabatee shakkii fi hamiin akkuma itti fufetti jira.
Namni kun aanga'aa gameessa Taalibaan yoo ta'u, dhimmoota siyaasaa, waraanaa fi amantii kan qajeelchudha.















