Qondaaltonni waraanaa Giinii torbanoota keessatti mootummaa haaraa hundeessuuf

Alfaa Kondee

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidant Alfaa Kondee Dilbata darbe qabaman

Qondaaltota waraanaa pirezidantii mootummaa Giinii Alfaa Kondee fonqolchuun aangoo qabatan mootummaa tokkummaawaa torban muraasa keessatti hundeessuuf akka jiran beeksisan.

Dursaan Garee Humna Addaa Kolonel Mamady Doumbouya minisiroota pirezidant Alfaa Kondee waliin hojjetaa turanitti akka himetti, kanaan booda qondaaltota mootummaa adamsanii qabuun yeroonsaa ga'eera.

Pirezidant ALfaa Kondee eessa akka jiran beekamuu baatus ammallee hidhaa jiraachuunsaanii mirkana.

UN, US, Gamtaa Afriikaa fi Gareen Diinagdee biyyoota lixa Afriikaa, Ecowas, fonqolcha mootummaa kana mormuun, biyyattiin bulchiinsa waraanaa irraa gara bulchiinsa siiviliitti akka deebitu gaafatan.

"Afaan qawweetiin mootummaarraa humnaan aangoo fudhachuu cimseen morma. Pirezidant ALfaa Kondee hatattamaan gadi dhiifamuu qabu,'' jechuun akeekkachiisan, Hoogganaa Olaanaan UN Antooniyoo Guteerez.

Humna waraanaa amma aangoo harkaa qabu bakka bu'uun waa'ee hundeeffama mootummaa haaraa kan dubbate dursaan garee humna addaa Giinii Kolonel Doumbouya, ''akkaataa mootummaa ce'umsaa hundeessinu irratti jalqaba mariitu gaggeeffama. Isa booda mootummaa tokkummaa biyyaaleessaa calaqqisiisutu hundeeffama. Mootummaan kun milkaa'ina ce'umsa kanaaf bu'uura kan ta'uudha,'' jedhe.

Kaabinoonni mootummaa biyyaa akka hin baanee fi konkolaattota humna waraanaatti akka dabarsan akkasumas daangaan lafoo fi qilleensarraa akka banamu beeksiseera qondaalli waraanaa kun.

Sababuma hookkara biyyattii keessatti mudateen gatiin aluuminiyemii akkaataa waggoota kurna darban keessatti dabalee hin beekneen dabaleera.

Giiniin albuuda bauxite kan aluuminiyemiin irraa oomishamu qabaachuun addunyaarraa sadarkaa lammaffaarra jirti.

Aluuminiyemiin tooniin tokko doolaara Ameerikaa 2,776 kan gale yoo ta'u, kunis erga bara 2011 as isa olaanaadha.

Giiniin albuuda bauxite addunyaan qabdu keessaa harka tokko afraffaa gumaachiti, heddumminaan ammoo gara Chaayinaa fi Raashiyaatti ergiti.

Kolonel Doumbouya magaalaa Konaakrii keessatti wayita ibsa kennu, Giiniin oomisha albuudaa ishee danqaa tokko malee itti fufti jechuun investeroonni hojiisaanii akka itti fufan ibse.

Erga bara 2020 as fonqolchi mootummaa biyyoota Lixa Afriikaa keessatti wayita mudatu kan Giinii kanaan yeroo afraffaadha.

Maalii keessatti humnoonni waraana yeroo lama fonqolcha mootummaa gaggeessan, Niijeer keessatti ammoo yaaliin fonqolchaa yeroo tokko gaggeeffamee fashale.