'Gareen gara-jabeessi Taalibaan jiijjramuunsaa ifaa miti'- Qondaala Waraanaa US

Madda suuraa, US Pool
Qondaalli waraanaa olaanaan US jenaraal Mark Milley, Taalibaan ''garee gara laafina hin qabne'' kan jijjiiramuunsaa ammallee ifatti hin beekamneedha jedhan.
Haata'uyyuu malee biyyisaanii US shororkeessummaa qolachuurratti Taalibaan waliin qindoominaan akka hojjechuu danda'u ibsan Jenaraal Mark Milley.
Loltoonni US turtii waggaa 20 booda Kibxata(Hagayya 31, 2021) guutummaatti Afgaanistaan keessaa ba'an.
Pirezidaantiin US Joo Baayidan akkaataa hin eegamnee fi sirna hin qabneen loltoota baasan jedhamuun komatamu.
Tarkaanfiin Baayidan humni loltoota Afgaanistaan kan US waggoota 20f ijaaraa turte akka laafuu fi diigamu godheera.
Taalibaan Afgaanistaan to'achuun ammoo lammiileen alaa fi kanneen US waliin hidhata qaban biyyattii keessaa akka godaanan dirqamsiiseera.
Jenaraal Mark Milley garee IS-K jedhamu kan yeroo darbe buufata xiyyaaraa Kaabulitti haleellaa boombii raawwachuun lammiilee 170 ta'an galaafate balleessuu keessatti Taalibaan wajjin qindoomuun akka hojjetan ibsan.
Haleellaa sanaan loltoonni US 13 du'aniiru.
Gareen IS-K jedhamu Afgaanistaan keessatti garee balaafamaa tarsimoo waraanaa irratti Taalibaan waliin adda addummaa qabuudha.
Gareen kun Taalibaan waraana dirree dhiisee galuusaatti komii dhiyeessa.
Ministirri Ittisaa US Lloyd Austin gamasaaniin waa'ee hariiroo fuulduraa raaguu akka hin barbaanne himanii, qondaaltonni garee IS-K irratti qiyyaafachuun waan danda'an hunda gochuu danda'u jedhan.
''Garee kana hordofnee, neetworkii isaa adda baasnee, seeratti dhiyeessuurratti waan nurraa eegamu hunda ni goona.''
Hanga ammaatti lammiileen 123,000 ta'an Afgaanistaan keessaa baafamuu hima mootummaan US.
Lammiileen Ameerikaa 100 hanga 200 ta'an ammallee Afgaanistaan keessa jiru.














