Hakainde Hichilema: Pirezidaantii haaraan Zaambiyaa mormitoota Afriikaa jajjabeessan

Madda suuraa, AFP
Gameessi siyaasaa paartii mormituu Zaambiyaa Hakainde Hichilema Kibxata har'aa kakuu seenuun pirezidaantii biyyattii ta'uuf jiru.
Hooggantoonni paartilee morkattootaa biyyoota Afriikaa kanneen mootummaadhaan hiraarfamaa jiran guyyaa tokko irra aanuun isaanis mootummaa ni ta'u jechuunis abdii itti horaniiru Aab Hichilema.
Qondaalli siyaasaa tiksee horii ta'an kun filannoowwan darban shan irratti hirmaachuun osoo hin milkaa'in kan hafan oggaa ta'u, yeroo mara filannoon walqabatee hookkara ka'u keessatti adda durummaan dararamaa, gaazii nama imimmaanessuun hiraarfamaa fi hidhamaa turan.
Bara 2017 ammoo gareen isaanii doqdoqqeewwan pirezidaantii duraanii biyyattii Edgar Lungu dabaalanitti daandii cufan jedhamuun, Aab Hichilema hidhamanii turan.
Gameessi siyaasaa nyaapha biyyaa jedhamuun farrajamee ture kun dararaa isarra ga'eef osoo hin jilbeenfatin, yeroo ammaa pirezidaantii torbaffaa biyyattii ta'uun waadaa seenuuf jira.
Aab Hichilema filannoo pirezidaantummaa Hagayya 12, 2021 gaggeeffameen pirezidaanti Lungu injifachuun pirezidaantii torbaffaa ta'aniiru.
Bara 2017 tikoota mootummaan yeroo 16 itti dhukaafamee lubbuun hafuu kan himu dureen mormituu Tanzaaniyaa Tundu Lissu, ''kun nuuf jajjabina guddaadha, hagam miidhamnullee, hagam nu hidhanillee hinuma danda'ama. Zaambiyaan kana nuuf mirkaneessiteetti,'' jedhe.
Aab Lissu filannoo bara darbeerratti Joon Magufuuliidhaan injifatame, filannochi waliin dhahameera jedhamuun komatamaa ture.
Duuba qondaaltonni nageenyaa fi tika biyyattii hidhuuf wayita yaalan miliqee biyyaa ba'e.

Madda suuraa, AFP
Qondaalli siyaasaa paartii mormituu Taanzaaniyaa Zitto Kabwe heerri walabummaa komishinii filannoo mirkaneessu yoo jiraate malee carraan paartiin mormituu filannoo mo'achuu hin jiraatu jedha.
"Zaambiyaa keessatti dhaabbileen dimokiraasii kan biyyoota Afriikaa biroo caalaa dantaa uummataaf kan dhaabbataniidha. Humni waraanaa, poolisiin, tajaajilli tikaa fi komishiniin filannoo dantaa uummataaf dhaabbachuun ardii Afriikaaf ergaa guddaadha.''
Ergaan Aab Hichilema biyya ollaa hedduu walga'aa jira, ollaansaanii Zimbaabween bakka ergaan kun qaqqabe keessaati.
''Kan itti aanu Zimbaabweedha,'' jedhe dureen paartii mormituu biyyattii tokko tiwiitarii irratti wayita Hichilema'f ergaa baga gammaddee barreessu.
Pirezidaant Emmerson Mnagangwa kana dhagahanii akkas jedhan: "Kan Zaambiyaa keessatti ta'e asitti gonkumaa hin ta'u.''
Inumaa haasaa dubbi himaasaaniirraa akka hubatamutti, humni waraanaa mormitoonni akka aangoo qabatan hin eeyyamuyyuu.

Madda suuraa, AFP
Dureen paartii mormituu Afriikaa Kibbaa, hiriyaa Aab Hichilema kan ta'an, Mmusi Maimane ''Zimbaabweef kun fakkeenya gaariidha,'' jedhe.
Qondaalli siyaasaa gameessi paartii mormituu Keeniyaa Raila Odinga Aab Hichilema mo'achuusaaniitti akkaan gammaduu himan.
Bu'aan filannoo Zaambiyaa kun ''wanti hin danda'mne akka hin jirre kan waahillan koo Afriikaa yaadachiiseedha,'' jedhan.















