Saamiyaa Suluhuu: Pirezidantiin Taanzaaniyaa dubartoota ispoortii hojjetan waan dubbataniif qeeqaman

Saamiyaa Suluhuu

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidaantiin Taanzaaniyaa Saamiyaa Suluhuu Hasan shamarran kubbaa miilaa taphatan ''laphee battee fi qaama heerumaaf hin hawwanne qabu,'' jechuun erga dubbatanii booda, dubbiinsaanii kun miidiyaa hawaasummaarratti qeeqa jabaa kaaseera.

Pirezidaantittiin kana kan dubbatan masaraa mootummaa magaalaa Daaresalaam keessatti erga gareen biyyaalessaa dorgommii Cecafa umrii waggaa 23 mo'atanii booda wayita waancaa simatanitti ture.

Gareen kubbaa miilaa biyyaalessaa Taanzaaniyaa umrii waggaa 23, dorgommii taphattoonni biyya keessa taphatan qofa irratti hirmaatan, Cecafa, irra aanee boojuun galeera.

Dureen biyyaa kun waan jedhan, dubartoonni waancaa injifachuun biyya boonsaa jiraatanis, baayyeensaanii garuu sababa dhaabbii qaamasaaniif jecha heeruma malee hafaa jiru jedhan.

"Osoo hundasaanii fidnee as hiriirsinee, kanneen lapheensaanii battee/diriiraa ta'e hundisaanii dubartii osoo hin taane dhiira fakkaatu.''

Akka pirezidaantii kanaatti dubartoonni hedduun carraa argatanii heerumanillee, kaansaanii garuu hin heeruman.

''Kunis waan isaan fakkaatanii fi dhaabbii qaamasaaniirraa madda. Isaaniif jireenyi gaa'ilaa abjuudha.''

Namoonni ispoortii keessatti hirmaatan, booda wayita keessaa ba'an carraa badaa fi jireenya ulfaataatu isaan mudataa jira jechuun dubbatan.

Pirezidaantiin kun wayita soorama ba'an jiruu dansaa akka qabaatan aanga'oonni damee ispoortii xiyyeeffannoo kennuun hojjechuu qabu jechuun dhaaman.

''Keessattuu rakkoon kun dubartootarratti hammaata. Lukti isaanii akkaan dadhaba, qaamni isaanii dhaabbii bada.''

Namoonni tokko tokko dubbii pirezidaantittii kana tiwiitarii irratti qeeqan. Fayyadamaan tiwiitarii tokko dubbii pirezidaantittii qeequun maxxanse.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

''Pirezidaanti Samiyaa Suluhuu garee kubbaa miilaa shamarranii irratti dubbii sirrii hin taane dubbatan. Shamarran harma guddaa hin qabne carraa heerumuu hin argatan jechuun himan.

''Magufuuliinis shamarran ulfaa akka mana barumsaa hin deemne dhorkee ture. Saamiyaanis kanuma itti fufsiisaa jirti. Isheenimmoo inumaa shamarran hiyyeeyyii kubbaa miilaan injifannoo argata arrabsaa jirti,'' jechuun barreesse namni kun.

Namni biraan Harry Mwala jedhamu, "Kan isheen jette dhugaa miti. Osoo ragaa saayinsii hin qoratin waanuma sammuusheetti dhufe dubbattee shamarran ispoortii keessa jiran hunda arrabsite.

''Kana gochuusheetti dogoggorteetti, kijibdeettis,'' jedhe.