Saamiyaa Suluuhuu Hasan: Dubartiin jalqabaa pirezidantii Taanzaaniyaa ta'uuf jiran eenyu?

Saamiyaa Suhuuluu

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidaantii Itti aantuu Taanzaaniyaa kan ta'an Saamiyaa Suluuhuu Hasan erga Joon Magufuuliin du'aan addunyaa kanarraa boqotanii booda pirezidaantii biyyattii ta'uun kakuu seenuuf jedhu.

Koronaavaayirasii itti qoosaa turaniin qabamaniiru jedhamuun shakkamanii erga ija hawaasaa duraa dhokatanii erga turanii booda tasa dhibee onneen du'uunsaanii kaleessa galgala kan dhagahame Joon Magufuuliin, aangoo pirezidaantummaa marsaa lammaffaa kan waggaa shaniif turu bara darbe qabatan.

Kaleessa(Roobii) galgala pirezidantichi boqochuu kan ibsan Aadde Saamiyaa Suluuhuu Hasan aangoo kana fudhachuun hanga marroon pirezidaantummaa kun obba'utti biyyattii bulchuuf jiru.

Kanaanis pirezidaantii dubartii jalqabaa Taanzaaniyaa fi Afriikaa keessattis dubartii duree biyyaa jalqabaa ta'u.

Afriikaa keessaa biyyi yeroo ammaa pirezidaantii dubartii qabdu Itoophiyaa yoo taatu, garuu aangoo guddaan harka Ministira Muummee waan jiruuf hagas mara aangoo biyya bulchuu hin qaban.

Aadde Saamiyaa Suluuhuu Hasan bara 2014, wayita itti aantuu dura teessuu koree heera biyyattii bocuun fooyyessuu ta'uun filatamanii as siyaasa keessatti daran beekamaa dhufan.

Bara 2015 michuu Joon Maagufuulii ta'uun waliin dorgomanii Itti Aantuu Pirezidaantii ta'uun filataman, bara darbemmoo irra deebiin filataman.

Joon Magufuulii fi Samiyaa Suhuuluu Hasan

Madda suuraa, AFP

Qondaalli siyaasaa umrii waggaa 61 kun tibba duula na filadhaa gaggeessaa turanitti gareen weellistootaa fi kaan isaan dabaalan harmee jedhanii akka isaan waaman itti himaa turan.

Kunis aantummaa lammiilee biyyattiif qaban irraati jedhu namoonni isaan beekan.

'Hooggantuu cimtuu'

Namoonni siyaasaa itit dhihaatan akka dhugaa bahanitti, Saamiyaa Suluuhuu Hasan nama jabduu Taanzaaniyaan ammallee itti hin fayyadamneedha.

''Akkuma nama siyaasaa kamittuu of ilaalti. Dhugaan jiru garuu kana miti. Isheen dandeettii addaa qabdi. Waliin hojjedheen arge,'' jedhe miseensi mana maree bakka bu'ootaa January Makaambaa.

Kaan ammoo isheen goota, siyaasa keessatti qooda guddaa ba'atteetti ittiin jedhu.

Haata'u malee akkaataa bulchiinsa isaanii kan pirezidaant Magufuulii irraa dhaalan akkanumaan itti fufsiisu moo jijjiirama fidu kan jedhu gaaffii ta'eera.

Keessattuu waa'ee weerara koronaavaayirasii irratti shakkii pirezidaantichi qabaachaa turanii fi ejjennoo falmisiisaa isaan agarsiisaa turan irratti murtee mataasaanii fudhachuutu irraa eegama.

Samiyaa Suluuhuu Hasan pirezidaantichaaf amanamoo turanis ejjennoo isaanii irratti nama cichaniidha.

Kanaaf ammoo agarsiistuu guddaan, bara 2017 qondaala paartii mormituu ajjeechaa irratti aggaamame jalaa baraaramee hospitaala ture Tundu Issu jedhaman Keeniyaa magaalaa Naayiroobii keessatti dhaqanii gaafatanii ture.

Pirezidant Saahilawarq Zawudee

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaatti pirezidantii caalaa aangoo guddaa kan qaban ministira muummeedha

Jireenya dhuunfaa

Bara 1960 biyya gariin of-dandeesse Taanzaaniyaatti maxxantee jirtu odola Zaanzibaar keessatti dhalatan.

Barnootasaanii digirii jalqabaan gosa barnootaa bulchiinsa uummataa (public administration) jedhamuun Taanzaaniyaa keessatti baratan, achii digirii lammataa(MA) UK, Yuuniversitii Maanchistar keessatti baratan.

Bara 1978 ogeessa qonnaa fi nama jireenya gadi aanaa jiraatu Haafiz Ameeyir nama jedhamutti heeruman.

Garuu erga pirezidaantii itti aantuu ta'anii waliin mul'atanii hin beekan.

Ijoollee afur qaban keessaa tokko, Mwanu Haafiz Ameeyir, miseensa mana maree Zaanzibaar ta'ee jira.