Joon Magufuulii: Hoggantoonni gadda ibsatan mormitoonni garuu mootummaan du'asaarratti 'kan sobe' qaba jedhu

Pireezidant Magufuuliifi itti aantuu isaanii

Madda suuraa, Getty Images

Du'a Pireezidantii Taanzaaniyaa Joon Magufuuliin hogganotni biyyoota Afrikaa gadduu isaanii dhaamaa jiru. Gama kaaniin hoogganaan dhaaba mormituu ammoo du'a isaanii duuba mootummaan sobaa jira jedha.

Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad boqachuu Pireezidantii Taanzaaniyaa Joon Maagufuulii ilaachisee mootummaa fi uummata biyyattiif ergaa gaddaa dabarsan. ‘Lubbunsaanii nagaan haa boqotus ‘ jedhan.

Akkasumas Pireezidantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataan ‘du’a pireezidant Maagufuuliin dhagahuun gadda guddaatu natti dhagahame,’’ jechuun haadha warraa isaaniifi ummata Taanzaaniyaaf jajjabina hawwan

Keeniyaataan Maagufuuliin goota Paan-Afrikaanisimii dha.’Hiriyyaa,waa’elaa fi nama mul’ataan na deeggarun dhabe,’’ jedhan.

Pireezidantichi yeroo ammaa dura taa’aa hawaasa Afrikaa Bahaa (East African Community) yoo tahan, Keeniyaatti guyyoota gaddaa biyyaalessaa torba labsaniiru. Hamma guyyaa awwaalcha Pireezidaantii duraanii Taanzaaniyaattis alaabaan Keeniyaafi East African Community gad-bu’ee akka fannifamus jedhan.

Pireezidaantiin Afrikaa Siiriil Raamaafoosaanis gadda guddaa itti dhagahame ibsuun,’’Afrikaan Kibbaa yeroo ulfaataa kanattii uummataa fi mootummaa Taanzaaniyaa waliin dhaabbatu,’’ jedhan

Pireezidant Maagufuliin guyyaa kaleessaa, Bitootessa 17,2021 hopitaala Daa es Salaamitti lubbuun isaanii waggaa 61tti darbeera.

Pireezidant Maagufuuliin hanga Hagayya 2020tti dura taa’aa Southern African Development Community ibsa kennan keessatti Raamaafoosaan himaniiru.

Pireezidantichi pireezidantii itti-aantuu Taanzaaniyaa Saamiyaa Suluhuu Hassanitti bilbiluunis dhuunfaan ergaa gaddaa dhaamaniiru.

''Uummatni Taanzaniyaa Sobamaa jira''

Hogganaan mormituu Taanzaaniyaa oduun du'aa Maaguufuulii nama hin dinqu jedhe.

Duutii Magufuulii biyyattii ''fiixee balaarraa deebisee carraa uumuufi mala'' jechuun sagantaa BBC Newsday jedhamutti himan.

''Siyaasni, imaammatniifi Covid ganuun isaanii biyyattii balaatti ofeeraa'' jedhan qeeqaan isaanii kun.

Lissuun yeroo ammaa baqannaan Beeljiyeem kan jiraatu yoo tahu, Bitootessa 7 akka inni haalaan dhukkubsate nan beeka,eessabuuteesaas gaafataan ture jechuun TV Keeniyaa KTN'tti dubbate.

Pireezidaantichi Covid-19'n akka qabmes ''maddeen amanamoo mootummaa'' irraa bareeraa jedhe.

'Waan na ajaa'ibe garuu mootummaan isaa ammallee sobuu itti fufuu dha,'' jedhe.

''Maaguufuuliin koronaadhaan du'uun waan tokko,lammata gaafa Roobii miti kan inni du'e,isa dura akka du'e madda wal-fakkaataarraa dhagaheera,'' jechuun KTN'tti himeera.

Pireezidantiin itti-aantuu Taanzaaniyaa Saamiyaa Suluhuu Hassan haasaa gaafa Roobii televizhiniin taasisaniin Maagufuuliin sa'atii muraasa dura dhukkuba onneen qabamanii hospitaala Daar ees Salaamitti lubbun darbuu himan.

Pireezidantichi torbee lamaa oliif addabaabaayitti hin mul'anne,fayyaa isaanii ilaalchisees oduun jette jettee adeemaa ture.