Saamiyaa Hasan: Pirezidantii dubartii jalqabaa Taanzaaniyaa ta'uun seenaa haaraa hojjette

Pirezidant Saamiyaa Hasan

Saamiyaa Suluhuu Hasan pirezedaantii dubartii jalqabaa Taanzaaniyaa taatee muudamuun seenaa hojjette.

Muudamin Saamiyaa kun du'a pirezidantii biyyattii Joon Pombee Magufuulii hordofee yommuu ta'u, masaraa mootummaa biyyattii Daaresalaam jirutti dursaa olaanaan dhimma Haqaa biyyattii Ibraahim Jumaan kakuu raawwachiiseera.

Amma Saamiyaa Hasan pirezidantii Taanzaaniyaa 6ffadha.

Dubartiin kun bara 2015 irraa kaastee Pirezedaantii itti-aantuu taatee hojjechaa kan turte yommuu ta'u, Joon Magufuulii sababa dhibee onneetiin Bitootessa 17, 2021 waggaa 61 isaatti du'aan boqochuu isaa hordofee pirezidantii taateetti.

Heerri mootummaa Taanzaaniyaa akka kaa'utti, marsaa filannoo waggaa shanii qabu kana keessaa waggoota hafan aangoo kanarra tajaajilti.

Dubartiin umuriin ganna 61 kun aangoo siyaasaa guddaa kana qabachuudhaan pirezidantummaan tajaajiluun, Afrikaa keessatti yeroo ammaa dubartii aangoo siyaasaa akkasii qabachuun tokkitti ishee taasisa.

Pirezidantii ta'uun dubartoonni tajaajilaa jiran kan biyyoota biroo jiraatanillee, kan aangoo siyaasaa hin qabnedha.

Itoophiyaanis yeroo ammaa pirezedaantii biyyaa dubartii taate kan qabdu ta'ullee, kan Saahilawarq Zawudee kun garuu aangoo siyaasaa kan hin qabnedha.

Aadde Saamiyaa Suluuhuu Hasan aangoo kana fudhachuun hanga marroon pirezidaantummaa kun obba'utti biyyattii bulchu.

Kanaanis pirezidaantii dubartii jalqabaa Taanzaaniyaa fi Afriikaa keessattis dubartii duree biyyaa jalqabaa taateetti.

Aadde Saamiyaa Suluuhuu Hasan bara 2014, wayita itti aantuu dura teessuu koree heera biyyattii bocuun fooyyessuu ta'uun filatamanii as siyaasa keessatti daran beekamaa dhufan.

Bara 2015 michuu Joon Maagufuulii ta'uun waliin dorgomanii Itti-aantuu Pirezidaantii ta'uun filataman, bara darbemmoo irra deebiin filataman.

Saamiyaan akkuma kakachuun aangoo qabatteen, ajajjuu waraanaa biyyattii ol-aantuu waan taateefis madfiin 21 kabaja isheetiif dhukaafameera.

Biyya keessatti jaalala namaaf qabduun Maamaa Saamiyaa jedhamuun kan beekamtu pirezedantiin kun, dubartii aangoo siyaasaa biyyoota Afrikaa keessatti qabatanii jiran takkittii taatee jirti.

Saamiyaan odolawwan Zaanzibaar hanga tokko of danda'an keessaa bahuun, pirezidantii Taanzaaniyaa taate.

Saamiyaa Hasan eenyu?

Namoonni siyaasaa itit dhihaatan akka dhugaa bahanitti, Saamiyaa Suluuhuu Hasan nama jabduu Taanzaaniyaan ammallee itti hin fayyadamneedha.

''Akkuma nama siyaasaa kamittuu of ilaalti. Dhugaan jiru garuu kana miti. Isheen dandeettii addaa qabdi. Waliin hojjedheen arge,'' jedhe miseensi mana maree bakka bu'ootaa January Makaambaa.

Kaan ammoo isheen goota, siyaasa keessatti qooda guddaa ba'atteetti ittiin jedhu.

Haata'u malee, akkaataa bulchiinsa isaanii kan pirezidaant Magufuulii irraa dhaalan akkanumaan itti fufsiisu moo jijjiirama fidu kan jedhu gaaffii ta'eera.

Keessattuu waa'ee weerara koronaavaayirasii irratti shakkii pirezidaantichi qabaachaa turaniifi ejjennoo falmisiisaa isaan agarsiisaa turan irratti murtee mataasaanii fudhachuutu irraa eegama.

Samiyaa Suluuhuu Hasan pirezidaantichaaf amanamoo turanis ejjennoo isaanii irratti nama cichaniidha.

Kanaaf ammoo agarsiistuu guddaan, bara 2017 qondaala paartii mormituu ajjeechaa irratti aggaamame jalaa baraaramee hospitaala ture Tundu Issu jedhaman Keeniyaa magaalaa Naayiroobii keessatti dhaqanii gaafatanii ture.

Jireenya dhuunfaa

Bara 1960 biyya gariin of-dandeesse Taanzaaniyaatti maxxantee jirtu odola Zaanzibaar keessatti dhalatan.

Barnootasaanii digirii jalqabaan gosa barnootaa bulchiinsa uummataa (public administration) jedhamuun Taanzaaniyaa keessatti baratan, achii digirii lammataa(MA) UK, Yuuniversitii Maanchistar keessatti baratan.

Bara 1978 ogeessa qonnaa fi nama jireenya gadi aanaa jiraatu Haafiz Ameeyir nama jedhamutti heeruman.

Garuu erga pirezidaantii itti aantuu ta'anii waliin mul'atanii hin beekan.

Ijoollee afur qaban keessaa tokko, Mwanu Haafiz Ameeyir, miseensa mana maree Zaanzibaar ta'ee jira.

Saamiyaan muudamasheerratti taasifteen, "garaa garummaa awwaaluu" barbaachisaa ta'uu simsitee kan dhaamte yommuu ta'u, tasgabbiin akka jiraatu irra deddeebiin mirkaneessiteetti.

Itti-gaafatama guddaa kana haalaan ba'achuu akkan danda'uuf Pirezidantiin duraanii Joon Magufuuliin sirriitti na qopheesseera jette.