Afgaanistaanitti kufaatiin US michootaafi morkattoota USf maal jechuudha?

    • Barreessaa, Jonathan Marcus
    • Gahee, Diplomatic analyst and former BBC Defence & Diplomatic Correspondent

Bulchiinsi Baayidan Afgaanistaan keessa bahuuf ariifachuun firaafi diinarraa qeeqa irratti kennamus kanneen isaan waliin Afgaanistaan keessa tajaajilaa turaniifi lammiilee Afgaaniin osoo hin hafiin akka ganuutti lakkaa'ameera.

Viidiyoo fi suurri buufata xiyyaaraa Kaabul irraa guyyoota dura mul'atees agarsiistuu kanaa ta'uu caala ergaan dabarsu hin jiru.

Warri lixaa Afgaanistaan keessatti dhiigaan, yeroo fi maallaqaan hedduu itti baasan. Kan warra Afgaan garuu hedduu hedduu guddaadha.

Qeeqxota bulchiinsa Baayidan kana waliin dhimma Afgaanistaan keessaa ''sardamanii'' bahuurratti yaada waljijjiiruun ulfaataadha.

Ta'uus Afgaanistaan baraaramuu hin dandeessu ta'a, mootummaan isaas hunda bakka hin bu'u mallaammaltummaas qaba.

Yaadni kun ammoo Afgaanistaan kan kufte waggoota lamaan kana osoo hin taane waggoota 20 darban keessa ta'uu mul'isa.

Hunda dhiisanii baqachuun kun garuu amanamummaa US'tti balaa guddaadha. US'n akka michuu amanamtuutti ilaaluu keessatti akkasumas hamilee US dhimmoota addunyaa dura itti dhaabbattuuf balaa guddaadha.

Yeroo kanatti taatee Afgaanistaan kana kan Veetinaam waliin fakkeessanii ilaaluun jira. Keessumaa akkatti hilikooptarri lammiilee Ameerikaa magaala harka hidhattootaa galte keessaa baasuuf yaalaniin. Haala kanaan walfakkeenyi jiraatus, ta'iiwwan lameen gidduu garaagarteewwanis jiru.

Kibbi Veetinaam kan kufte loltootni US achii erga bahanii waggaa lama boodadha. Akka amma Ameerikaan michootni ishee loltoota ishee malee Afgaanistaaniin yeroo murtaaheef kka eegan gochuuf akka yaadde jechuudha.

US Veetinaamiin ni injifatamte, uummatichi wal-qoqqoodee ture, humni waraanaas hamilee loluu dhabeera.

Bara Waraana ololaa(Cold War) san keessa Veetinaam agarsiiftuu badiisaa taatus, US morkii san injifattee ture. Nato' niis hin laafne. Michootni US biyyittiirraa deeggarsa eeguurraa boodatti hin jenne. US siyaasa idila addunyaa keessatti kan aboo qabdu taatee itti fufte.

Kan Afgaanistaan ammaa kun adda. Waraana Afgaanistaan ilaalchisee walqoodinsi keessoo US kan Veetnaam waliin kan madaalamu miti. Duulli US Afgaanistaan guutummaatti deeggaramaa hin turre, ta'uus uummatni gad bahee hin mormine.

Haalli qabatamaa idila addunyaa kan bara 1970'ootaan adda jira. US, michoota ishee warra lixaa waliin ta'uun morkiiwwan hedduu keessatti argamu. Gariin isaanii injifataniiru. Afgaanistaan keessatti garuu duula farra shororkeessummaan jedhamuun balaa guddoo keessa bu'an.

Waraana Dimookrasiifi abbaa irrummaa gidduu godhamu jedhamee bal'isamee yeroo ilaalamu kufaatiin Waashingitan akka booddeetti deebi'uutti fudhatama.

Kufaatii US Afgaanistaan hordofee Mooskoofi Beejingi seeqaa jiru ta'a, yeroodhaaf. Moodeelli gidduu seentummaa warra Lixaa(liberal interventionism) kan kaayyoon isaa dimookrasii babal'isuufi ooltummaa seeraa dhugoomsuu Afgaanistaan keessatti qoramee kufeera kufeera ta'a.

Tarii biyyi adeemsa akka kanaaf fedha qabaatu fuulduratti hin jiraatu ta'a.

Michootni Waashingitan waliin Afgaanistaanitti duulan akka ganamaniitti ilaalaa jiru. Ministiroonni UK osoo hin hafiin hariiroo addaa ittiin boonan kana ifatti murtee Pireezidant Baayidan kana qeequun agarsiisaa jiru.

Ta'iin Afgaanistaan kun waayee michoota Ameerikaa warra Awurooppaa wanti hubachiisu hagam takka hirkattoota US ta'uu isaaniiti. Waayit Haawus kallattii ta'e tokkorra deemuuf erga murteessitee ilaalchi isaanii fudhatama hangam xiqqaa qabaachuus akeeka.

Warra Lixaaf ta'iin Afgaanistaan oduu akkaan badaadha. Ta'uus seeqni Beejiing, Mooskoofi Islaamaabaad hangam tura?

Sababoota tarsiimawaa teessuma lafaan walqabateen Taalibaaniif dahoo ta'ee kan gargaaraa ture Paakistaani.

Bulchiinsi Taalibaan haaraan kun bakka dur turetti deebi'ee shororkeessummaan idila-aaddunyaa dahoo haaraa yoo argate Paakistaaniif dhiibbaa hin mallee fidee dhufa.

Kufaatii US arguun Chaayinaa ni gammachiisa. Baayidan humnoota isaanii Afgaanistaanii kan baasan dorgommii morkattuu isaanii Chaayinaarraa dhufu irratti xiyyeefachuuf yoo ta'e, tarkaanfiin kun Chaayinaan dhiibbaa ishee Afgaanistaaniifi kaan irrattis akka gootu carraa banaaf.

Haata'u malee Chaayinaan xiqqoos taatu Afgaanistaan waliin daangaa kan qooddattu ta'uun yaaddoo mataa isaa itti uuma. Chaayinaan hawaasa Musliimaa mataa ishee dararaa jirti. Kanaaf shororkeessitootni jibba Beejiing qaban Afgaanistaan buufachuu malu. Dippiloomasiin Chaayinaa Taalibaniirra qubachuuf sardamee eegaa jiraachuun isaa kanarraa kan ka'e nama hin dinqu.

Raashiyaanis Afgaanistaanitti tasgabbii dhabuufi shororkeessummaan deebi'uun ishii yaaddessa.

Waayee ofii yeroo yaaddu garuu Akkuma Tokkummaa Sooviyeetiin bara 1980 keessa mo'atamte Ameerikaanis Afgaanistaanitti mo'atamuun aara galfii wayii ni kennaaf.

Fedhiin ishee inni guddaan garuu gidduugala Eeshiyaa kan biyyootni hedduun michuu ishee ta'an keessa tasgabbii jiruudha.

Tibba kana Raashiyaan Taankiiwwan ishee gara daangaa Tajikistaaniifi Afgaanistaanitti bobbaasuun shaakala gooteetti. Ergaan isaa ammoo kufaatii Afgaan duuba jeeqama naannoo sanitti uumamuu malu hambisuuf murannoo qabdu agarsiisuudha.

Ammaaf taateen Afgaanistaan morkattoota warra Lixaa ni fayyada. Garuu ilaalchi isaanii waan jijjiiramu miti.

Wanti murteessan michootni Waashingitan hangam tokkummaa isaanii jabeessu isa jedhudha.

Muuxannoo Afgaanistaan irraa maal baratu? Miseensonni Nato, Israa'eel, Taayiwaan Kooriyaa Kibbaafi Jaappaan fa'aa US'n akka michuu amanamtuutti ilaaluu? Yooo ni ilaalu ta'e, Murteen Baayidan Afgaanistaan keessaa bahuuf murteessan carraa qabeessa ta'a.