Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo Zaambiyaa: Kaadhimamaan paartii mormiituu Haakaindee Hichilemaa injifate
Komishiniin Filannoo Zaambiyaa filannoo pirezidaantii torban darbe keessa gaggeefameen dursaan paartii mormiituu Haakaindee Hichilemaan injifachuu mirkaneesse.
Mr Hichilemaan dorgomaa isaaniifi pirezidaantii biyyattii kan turan Edgaar Lunguu caalmaa sagalee miiliyoonaa olitiin mo'achuun barameera.
Dorgommiin pirezidaantummaa kun MR Hichilemaaf yeroo jahaffaa yoo ta'u, deeggartoonni isaas daandiiwwan magaalaa guddoo biyyattii Lusaakaatti bahuun gammachusaanii ibsataa jiru.
Jalqabaratti Mr Lunguun filannoon bilisaafi haqa baqeessa miti jechuun balaaleeffatanii ture.
Innis qondaaltoonni filannoo Paartii Adda Gotootaa irraa ta'an buufataalee filannoo keessaa ari'atamuun haalli kenniinsa sagalee hin hordofamne jedhanii ture.
Deebii isaatiif ammoo Paartii Mr Hichilemaa Paartiin Misooma Biyyaaleessaa ibsa baaseen, ''gochaa abdii kutannaa dhumaa bulchinsii taasisuudha'' jedheenii ture.
Akkasumas, Komishiniin filannoo biyyattii Mr Hichilemaan sagalee 2,810,777 argachuun yoo injifatan, Mr Lunguun sagalee 1,814,201 argachuu guyyaa Kamisaa ifa taasise.
Biyyattii keessatti namoota miiliyoona torbatuu filachuuf galmaa'ee ture.
Caalmaa sagalee hedduun injifachuun Mr Hichilemaa kunis pirezidaantiin duraanii akka komii kaasan hin gargaarre.
''Hichilemaan pirezidaantii Zaambiyaa kan ittii aanu ta'usaaniin labseera,'' jedhan Dura taa'aan Komishinii filannoo biyyattii Esaawu Chuluu wayita bu'aa filannichaa Lusaakaa keessatti labsaniitti.
Aangoon waggoota jahaa Mr Lunguu sarbama mirgoota namoomaa, malaammaltummaa, kufaatii dinagdee biyyattii fi hojii dhabdumaaf komatamaa turan.
Mr Hichileman kan umuriin waggaa 59 komiiwwan pirezidaantii duraan irratti ka'an kan akka carraawwan dinagdee biyyattii geeddaru irraa eegama.