Cilee gurguruu irraa hamma humna qilleensaa keessa tajaajiluutti- Dargaggoo Zaambiyaa Biwaalyaa Kaatoongoo

Biwaalyaa Kaatoongoo lammii Zaambiyaa yoo tahu, barnoota isaa yunvarsiitii xumuree erga eebbifamee hojii dhabee ture. Sababa hojii barnoota isaan dhabeen waggootaaf cilee gurguraa ture.

Biwaalyaa Kaatoongoo bara 2015 'Library and Information Studies' damee jedhamuun yuunvarsiitii Zaambiyaa jedhamuun beekamu irraa eebbifame.

Akkuma namoota kaanii bakka hedduu dhaquun beeksisa barbaadee dorgomaa ture.

Ragaa barnoota isaas bakka hedduu galchee hojii idilee barnoota isaa kanaan argachuuf yaaleera.

Garuu homaa milkaa'uu hin dandeenye. Kana irraa ka'uun waggootaaf walitti aansee cilee gurguree jiraataa ture.

Bara darbe garuu chaanelii You Tube tokko irratti dhiyaachuun mudannoo jireenya isaa kana haasa'e.

Humni qilleensaa Zaambiyaas erga seenaa Biwaalyaa Kaatoongoo dhagaheen booda hojii kenneefi idileen isa qacare.

Ji'oota jahaaf erga leenjii irra turee ammoo Jimaata darbe Itti-aanaa Letinaant tahuun muudame. Ergasii hammam akka gammade nama 'You Tube' ishee irratti isa dhiyeesitee carraan kun banameefiitti himeera.

Miira guddaadha. Ulfaataafi itti gaafatamummaa guddaa waliinis kan dhufedha. Seenaan jireenya koo yeroo akkas ilaalame sana hagas guddaa taha jedhee hin yaadne ture,'' jedhe.

'' Gorsi ani dargaggootaaf qabu, abdii hin kutiinaa. Yeroo haalli jireenyaa isaniif tahuu diddu, haala jireenya keessan mijataa sana keessaa tarkaanfii tokko bahaa. Osoon cilee gurguruu hin jalqabne tahe, namoota jireenya koo jijjiiran kanneen waliin wal hin argun ture,'' jedhe.

Biwaalyaa Kaatoongoo cilee qophheessuuf mukeen hedduu muraa akka ture dubbateera.

Kun faalama qilleensaa fiduun roobni akka badu akka godhu nan beeka.

Akka nama balleessaa hojjetuuttan of ilaala, yeroo mukeen muree cilee qopheessu. Garuu kanaan ala carraa biraa hin qabu ture jechuun chaanelii You Tube Ken jedhamu irratti dubbate.

Biwaalyaa Kaatoongoo abbaa ijoollee lamaa yoo tahu, maatii isaa sooruuf hojii kanatti bobba'uu hime. Waggoota jahaaf erga cilee gurguraa turee booda amma humna qilleensaa biyyattii keessatti qacaramuun guddinas argate.