Dinagee Itoophiyaa: Hirmaannaa diyaasporaan guddina dinagdee keessatti qaban

Hojjetoota warshaa

Madda suuraa, Pittards

Waggoota kudhaniif Ameerikaa jiraataa kan turte Jaaneet Lammaa gara Itoophiyaatti kan deebiite bara 2016'tti ture.

Erga gara Itoophiyaa deebiiteen boodas dhaabbata uccuu omishu 'Gaber Wear' jedhamu hundeessuun hojii eegalte.

Ameerikaatti hojii galii gaarii ittiin argachaa ture akka qabdu kan himte Jaaneet, gara biyyaatti deebii'uun hojii eegaluun ofiisheefi warra kaaniifis carraa hojii uumuun dhimmi yeroo dheeraaf barbaadaa turte akka ta'e dubbatti.

Ijoolluummaa isheetii kaaftee faashiniidhaaf fedhii olaanaa qabaachaa akka turte kan himtu Jaaneet, omisha biraandii mataashee kan gabaa idil-addunyaa keessatti dorgomaa ta'e omishuuf barbaadaa akka turte himti.

''Hojiin irratti hirmaadhus kan gumaata hawaasummaa qabu akka ta'un fedhaa ture,'' kan jettu Jaaneet gara biyyaatti deebii'uu kun yaada ka'umsaa akka ta'eef kaafti.

Wayita ammaa kanattis dhaabbata ishee Gaber Wear jedhamu keessatti hojjattoonni dhaabbataafi yeroo 100 ta'an mindeeffamuun hojjataa jiraachuus ibsiti.

Jaaneet gama carraa hojii umuutiin gahee ishee gumaachuu himuun, omisha ishees gara Ameeriikaa fi Kaanaadaa erguu eegalu dubbatti

Daldalawwan diyaasporaa lammilee Itoophiyaa

Lammiilee Itoophiyaa biyyoota addunyaa garaa garaa keessa jiratan bara 2020tti maatiisaanii gargaaruu fi hojiiwwan daldalaa gargaraa gaggeessuuf jecha doolaara biiliyoona 3.7 ergusaanii ragaaleen ni mul'isu.

Jaaneet Lammaa
Ibsa waa'ee suuraa, Jaaneet Lammaa

Maallaqni biyya alaarraa gara biyya keessatti ergamaa jiru yeroodhaa gara yerootti guddataa kan jiru yoo ta'u, akkasumas hojiiwwan daldalaa lammileen Itoophiyaa biyya alaa jiraatan sochosan guddataa dhufuu mootummaan ni ibsa.

Hojiiwwan daldalaa lammiileen Itoophiyaa biyya alaa jiraatan itti hayyama hojii fudhatan guyyaadhaa gara guyyaatti dabalaa jiraachuu odeeffannoo Eejjansii diyaasiporaa irraa argame ni mul'isa.

Daarektarri Ittaanaan Eejjansii Diyaasporaa Itoophiyaa Obbo Mohaammad Idiriis, wayita weerarri Covid-19 dameewwan hojii hedduu danqee tureetti, waggaa darbe qofaatti hayyamni hojii 35 diyaasporaaf kennam BBCtti himan.

Waggoota sadiin dura ammoo daldalliiwwan diyaasiporaan banamuun gara hojiitti galan 54 jiraachus dubbataniiru.

Bara bajataa kanatti ammoo, diyaasporaawwan 84 dameewwan hojii garaa garaa irratti bobba'uuf hayyama fudhachusaanii ibsaniiru.

Walumaagalatti, Itoophiyaatti invastimantiiwwan 5,100 maqaa diyaasporaan galmaa'uun socho'aa jiraachuu dubbatan.

Damee maanufaakchariingitiin invastimantiin diyaasporaan parsantaa 40 kan haguguu ta'uu kaasan.

Kana malees, damee riil isteetii, maashinarii, tajaajila kiraa, qonnaafi dameewwan tajaajilaatiin dameewwan hojii wal duraa duubaan diyaasporaan irratti hirmaataa jirudha jedhan.

Mootummaan diyaasporaan dameewwan garaa garaarratti akka hirmaatu gochuuf filamaatawwan lamatti akka fayyadamu Obbo Mahaammad ni kaasu.

Inni jalqabaa, biyya keessatti dhimmoonni seeraafi dhaabbilee invastaroota diyaasporaatiif kan mijatan gochudha jedhu.

Kan biraa ammoo diyaasporaan gara biyyaa dhufee qabeenyaa isaa akka ittiin hojjetuuf kakaasuu, jajjabeessuufi deeggarsa taasisuudha.

Akka aanga'aan Eejjansii Diyaasporaa Itoophiyaa kun jedhaniitti, invastimantiiwwan diyaasporaa 84 ol qofti kaappitaala birrii biiliyoona 4 ol baasuun, lammiilee hedduuf carraa hojii umuusaanii akka fakkeenyaatti kaasuun gahee olaanaa damee invastimantii keessatti carraa hojii umuuf qaban ibsu.

Waliigalattis carraawwan hojii kuma 30 ta'an dameewwan invastimantii diyaasporaa qofaan banamaniin umamuusaanii kaasu.

Obbo Mohaammed Idiriis

Wayita ammaa kanattis mootummaatti aanee mindeessaa olaanaan invastimantii diyaasiporaa ta'uu Obbo Mahaammad ni himu.

Dameewwan invastimantii diyaasporaa hawwatan

Mootummoonni Gamtooman (UN) raga daldalaa fi guddinaan walqabatee baaseen, Itoophiyaan invastimantii alaa kallattii (direct foreign investment) hawwachuun biyyoota shan ardii Afriikaa keessaa tokko ta'ushee kaa'eera.

Bara 2019 qofaatti Itoophiyaan invastimantii biyya alaa kallattiin hawwachuun doolaara biiliyoona 2.5 argattee jirti.

Obbo Addis Alamaayyoon invastimantii biyya alaa kallattiifi invastaroota diyaasporaa waliin walitti dhufeenya akka qaban dubbatu.

Kampaanii biiraa omishan olaanaa waggoota lamaan dura gara biyyaa galan kaasuun, diyaasporaan gara biyyasaatti deebi'ee invasti akka godhuu kakaasuuf gumaata taasisuu dubbatu.

Diyaasporaan gara Itoophiyaatti deebii'uun damee kamuu irratti osoo hirmaatanii carraan jiru baayyee olaanaa ta'uu kaasuun, irra caalaa ammoo dameewwan ICT, huccuu, qonnaafi lojistikiin dandeettii hawachuu kan qaban ta'uu himu.

Diyaasiporaan gara Itoophiyaa dhaquun invasi gochuuf yaadu jalqaba maal beeku qabu? kan jedhu kan gaafataman Obbo Addis, odeeffannoo sirrii nama sirrii ta'e irraa argachuun dhimma dursaa ta'uu qabaata jedhan.

Namoonni baayyeen hollaafi hiriyyoota isaanii irraa gorsa argachuun invastimantii eegaluun rakkoo keessa akka galan dubbatu.

Kan biraa namoonni dandeettiifi ogummaa umamaasaanii hubachuun isarratti hirmachunis kan baasu ta'uu kaasu.

Hunda caalaa ammoo hawaasa waliin kabajaafi mariidhaan hojjachuun akka gargaaru gorsu.

Jiraattoonni naannichaa waa'ee naannoo sanaa caalaa kan beekaniifi akka hubatan ibsuun, diyaasporaan addunyaa alaarratti muuxannoo akkamiituu qabaatulleen hawaasa naannichaa kabajuun socha'uun murteessaa ta'uu himu.