Gara jabinni mala liiqaa kennitoota Keniyaa dheekkamsa kaase

Madda suuraa, AFP
Xalayaawwan gazexeessitoota afriikaatiin BBC'f barreeffaman keessaa kan har'aa, gaazexessaa Keeniyaa Waahigaa Mwaawuraa, namoonni maallaqa liqeessan mala attamiitiin liqaassanii deebisanii akka funaanan ilaalchisuun akkasiin barreesseera.
Namni maallaqa liqeeffate yoo osoo deebisee hinkanfalin tursiise mala attamiin akka sodaachisan kaasa.

Paastariin tokko waajira keenya magaalaa guddoo Keeniyaa, Naayiroobiitti argamutti iyyata adda ta'e tokko qabatee dhufe.
Gara torban tokkootiif bilbilli paastarii kanaa nama liqaa kennu tokkoon irra deddeebiin bilbilamaafii ture.
Innis kan bilbilamuuf dubartii waldaa isaaniitti waaqeffattuufi kan paastariin wabii ta'aniif tokko liqaa fudhattee hinkanfallee kan jedhu ture.
Jalqaba irratti dhimma qoosaa itti fakkaatee turulleen booda irra garuu irra deddeebbiin bilbilli itti bilbilamnaan shakkuu fi aaruu eegale.
Haalli haasaa bilbilaas guyyaadhaa gara guyyaatti dabalaa adeeme.
Jalqabarratti namtichi bilbilaafii ture kun tasgabbiidhumaan miseensi waldaa isaa maallaqa baatiin dura irraa liqeeffatte akka deebiftee kanfaltuuf akka gaafatuuf itti himaa ture.
Booda garuu namtichi bilbilaafii ture kunis paastarii sobaa hirmaattuu waldaa isaatti dhugaa dubbachuu dide jechuun arrabsuu eegala.
Kana malees irra deddeebiin sittti bilbiluun si dhiphisa jechuun dhaadachuu eegale.
Haatii warraa paastarii kanaa jidduugaluun itti dubbachuuf wayita yaaltettis ishees arrabsan.
Guyyoota heddufis paastarichi sababiidhuma kanaatiin bilbila harkaa isaanitti fayyadamu dhaaban.
Dhimmi kunis miidiyaalee hawaasaa irratti #Debtofshame hashtag jedhuun bal'inaan qodamuu eegale, lammiilee Keeniyaa kaanis mudannoo kennitoota liqaatiin isaan mudate qooduu eegalan.

Madda suuraa, AFP
Fayyadamaan toora tiwitaraa tokko, yoo liqaa fudhate kanfaluu didee ''kaleesaa fudhachuuf akka dhaqan'' akkeekkachiisuu hime.
Dubartiin tokko ammoo yeroo tokko Shilingii Keeniyaa kuma liqeeffattee guyyoota 10 booda ''Morma kiyyarra na dhaabbatan. Akkan itti rafu hafee akkan itti yaaduun dhabee ture. Arrabsoo yaadamu hundas argadhee,'' jechuun waan ishee mudate qoodde.
Namni sadaffaan akka bakka bu'aa liqaa deebisiisuuf mindeeffamee hojjataa ture kan hime ammoo, guyyaatti karoora kaa'ameef fiixaan baasutu irraa eegama.
''Abbaan qabeenyaa ati attamiin akka kanfaleef dhimma hinqaban. Kan isaan cinqamaniif hamma maallaqa ati deebiisiifteef qofaadha,'' jedhe.
Liqaa maallaqaa karaa intarneetii
Lammiilee Keeniyaa hedduun liiqaa karaa appii dijitaalaatiin kennamu fudhataa jiru. Malli kunis baayyee salphaa fi waa qabsisuu kan hinbarbaadneedha.
Malli kun wayita hojiirra oolfamus, amala fayyadamtoota isaanii irraa eenyuutuu dhugaa deebiise kafala jechuun ilaaluun malee gareen lamaanu qaamaan wal arganii hinbeekan.
Haata'u malee lammiileen Keeniyaa mala liiqaa karaa onlaayiniitiin kennamu kana dafanii simachusaanii, muraasni dhalli isaanii seeraan ala akka taasise himu.
Baankiiwwan jidduugalaatti dhalli liqaa waggaan %12 fi %14 yoo ta'u, liiqaa karaa appii bilbila harkaatiin garuu waggaatti %75 fi %395 jidduu akka ta'e himama.
Qabeenyaa karaa appii bilbilaatiin qabsiifamu
Dura taa'aan Waldaa Liqeessitoota Dijitaalii Keeniyaa, Keevin Mutisoo, dhimma kanarratti atattamaan yaada kennuun miseensota isaaniif waakkata.
Liiqaa akka dhimma qaaniitti ibsuun yaada daldaltoonni sadarkaa gadaanaarratti argaman akka ariitiin maallaqa argachuun hojjataniif carraa banaaf jiru kana maqaa xureessuudha jedhu.

Madda suuraa, AFP
Itti dabaluunis osoo liiqaan karaa dijitaalii kun hinjiraanne ta'ee lammiilee biyyatti hedduun tibba weerara Covid-19 kan waggaan ol ta'e kanatti waan ittiin jiraatan hinargatan ture jedhu.
Namoonni karaa liiqaa appii bilbila harkaa kanaatiin nyaata bitachuu, kiraa manaa kanfalu, geejibaa fi tajaajilawwan mana keessaa akkasumas mana barnootaaf kanfaluu danda'an jedhu.
Kanaafuu namoonni muraasni damee kana to'achuuf seerri to'atu jiraachuu qaba yoo jedhan, kaan ammoo seerri yoo bahe dinagdee sababii koronaatiin miidhame keessatti haala cimsuu danda'a jechuun yaaddoosaanii ibsu.
Akka xiinxaltoonni gabaa muraasni jedhaniitti, dameen kun dhihootti madda faayinaansii dhaloota itti aanu kan qabeenyaa karaa bilbilaatiin itti qabsiifamee liiqaan argamu ta'uu danda'a.
















