Barattoonni kuma 10 yuunivarsitoota Tigraay keessaa deebifaman

Barattoota kuma 10 fi 164 yuunivarsitoota naannoo Tigraay keessa jiran keessaa baasuun hanga magaalota Kombolchaa fi Finfinneetti fe'uusaa Minsteerri Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo beeksise.

Xalayaa Ministirri Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Dr. Saamu'eel Urqaatoo barreessanii fi ergaan ministeerichi miidiyaa hawaasummaasaarratti barreesse akka mul'isanitti, barattoonni kunneen yuuniversitiiwwan Addigiraat, Aksuum, Maqalee fi yuunvarsitii Raayyaa keessa kanneen turaniidha.

Adoolessarraa jalqabee waqtiin gannaa kun yeroo boqonnaa ta'us, waraana naannoo Tigraay keessa jiruun walqabatee sodaa jirurraa kan ka'e barattoonni gara bakka dhufaniitti galuuf rakkachuusaanii ibsaa turan.

Torbanoota sadan darban keessa Addigiraat irraa barattoota 2,355 , Aksuum irraa 2,992, Maqaleerraa 3,668, Raayyaarraa barattoota 1,149 walumaagalatti barattoota 10,164 karaa Yuuniversirtii Samaraa sochoosuun danda'ameera.

Waraana naannoo Tigraayiin yaaddoo guddoo keessa kan jiran barattoonni kunneen, yeroon boqonnaasaanii hanga ammaatti ji'i tokko waan gubateef yeroon dabalataa akka kennamuuf ibsa ministeerichaa keessatti eerameera.

Barattoota yuuniversitoota Addigiraat, Aksuum fi Maqalee bara 2021 eebbaaf qophaa'anii fi kanneen barnootasaanii hin xumuratin jiran ilaalchisee ministeerichi kallattii kaa'ee hojjechaa jiraachuu ibseera.

Barattoonni barnootasaanii xumuranii, akkaataa ittiin eebbifamuu danda'anirrattis haala akka mijeessus eereera ministeerichi.

Gama biraan ammoo barattoonni sagantaa gannaatiin yuuniversitii Maqaleetti baratan sababa sodaa nageenyaaf jecha garas imaluu akka hin dandeenye himameera.

Barattoota kunneeniif haala kan mijeessu ta'uu kan ibse ministeerichi, akka obsaan eeggatanis dhaameera.