Koreen Olompikii Tookiyoo meedaaliyaa kantiibaan ciniine haaraan bakka buusuuf

Madda suuraa, Kyoto/Reuters
Dorgommii softball athlete jedhamuun meedaaliyaa warqii kan argatte Miyuu Gootoo, kantiibaan magaalaashee meedaaliyaashee ilkaaniin waan ciniineef kan biraan kennamuufiif jedha.
Kantiibaan magaalaa biyya Jaappaan, Nagoyaa kan ta'an Takashi Kawamura sirna qophaa'erratti argamuun maaskiisaa ofirraa baasee erga meedaaliyaa warqii kana ilkaaniin ciniinee booda miidiyaa hawaasummaarratti mufii guddaatu isa mudate.
Qondaalli kun tarkaanfii Covid-19 to'achuuf kaa'ame sarbuu fi kabaja irraa eegamu agarsiisuu dhabuun himatameera.
Kantiibaan kun erga dhiifama gaafachuun gatii ittiin meedaaliyicha bakka buusan nan kaffala jedhee booda qondaaltonni olompikii meedaaliyaa Miyuu Gootoo, kan haaraa boci isaa hin babbadneen bakka buusuuf waadaa galaniiru.
Kantiibichi torbee darbe wayita biyyisaanii USA irratti dorgommii gosa softball athlete jedhamuun injifannoo argatte kabajuuf sirni qophaa'e ture, kan meedaaliyaa warqii dorgommii kanarratti argame ilkaaniin ciniinan.
Dorgommii kana Jappaan dubartootaan USA injifattee meedaaliyaa warqii argatte.
Taatee kanaan booda fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaa gochi kun gocha xuraawaa fi kabaja atileetotaa kan gadi buuseedha jechuun duula banan.
Olompikii Tookiyoo irratti meedaaliyaa meetii kan argate Yuki Ota, "atileetonni mataansaanii meedaaliyaa argatan yookiin ofii qabatu yookiin ammoo waahillan isaaniitu qabaaf malee nama biraatti hin kennan. Inni garuu meedaaliyaa harkaa fuuchuurra darbee ilkaaniin ciniine, kun kabaja atileetii gadi cabsuudha,'' jechuun tiwiitarii isaarratti barreesse.
Dhaabbati abbaa qabeenyaa garee Goto ta'e Toyotan, gochi kantiibichaa sirrii kan hin taanee fi kan akkaan itti gaabbuu qabaniidha jedhe.
Taatee kana booda komiiwwan 7,000 caalan bulchiinsa magaalattii qaqqabaniiru, maanguddoon umrii waggaa 72 kunis dhiifama jedhaniiru.
''Anatu bakka koo wal'aalee, amala hin taane agarsiise,'' jechuun erga gaabbiisaanii ibsanii booda, meedaaliyaa bakka buusuuf akka kaffalan himan.
Meedaaliyaan biraan akka kennamuuf Koree Olompikii Idil-addunyaa fi Aadde Goto gidduutti waliigalteen uumamuu kan eere ibsi qindeessitoota Olompikii Tookiyoo 2020, baasii meedaaliyaa kanaa koree olompikiitu danda'a jedheera.
Yeroo baay'ee dorgommiirratti meedaaliyaa ciniinuun waan baratameedha, garuu abbaa mo'ate qofaaf eeyyamama.















