Seenaa Olompikii keessatti Itoophiyaan qabxii gadaanaa kan galmeessite yoomi?

Pascal Thiebaut of France (C), surrounded by Abel Anton Rodrigo of Spain (L) and Fita Bayisa of Ethiopia (R), waves after winning the Men's 5000m semi- final athletics event of the Barcelona Olympic Games, on August 6, 1992 in Barcelona.

Madda suuraa, KAZUHIRO NOGI

Ibsa waa'ee suuraa, Fiixaa Baay'isaa, Olimpiikii Baarseloonaa 1992 irratti, gulaallii meetira 5,000

Sababa weerara koronaavaayirasii bara 2020 gaggeeffamuun kan irra ture bara kanatti kan dabarfame olompikiin Tookiyoo xumurameera.

Dorgommii kana Ameerikaan medaaliyaa 113 argachuun tokkoffaa, Chaayinaan lammaffaa, qopheessituun dorgommichaa Jappaan sadaffaa, biyyi ollaa Itoophiyaa Keeniyaan 19ffaa, Itoophiyaan ammoo 56ffaa baateetti.

Dorgommii Olompikii baranaarratti Itoophiyaan qabxii gadi aanaa fidde jechuun ni danda'ama.

Dorgommiiwwan ispoortii addunyaarratti beekaman keessaa Itoophiyaan atileetiksiin kan beekamtu yoo ta'u, lammiileen biyyattiis atileetota isaaniirraa qabxii olaanaa eegu.

Dorgommii Olompikiirratti miila qullaa fiiguu dabalatee ciminaan dorgomuun walitti aansee fiigicha maraatoonii mo'achuun warqii kan argate Abbabaa Biqilaa, bakka inni itti seenaa hojjete Tookiyootti atileetonni Itoophiyaa injifannoo guddaa argatu jedhamee akkaan eegamaa ture.

Haata'u malee barana Itoophiyaan akka eegamte hin taane.

Gareen kun jalqabumarraa atakaaroo keessa seenuun, wayita dorgommiitti ba'u warqii tokko, meetii tokkoo fi nahaasa lama walumaagalatti meedaaliyaa afur qofa argachuun, Itoophiyaan qabxii waggoota 20 darban galmeessaa turteen gadi galmeessiteetti.

Itoophiyaan meedaaliyaa warqii tokko qofa kan argatte oggaa ta'u, innis kan Atileet Solomoon Baaraggaa meetira 10,000'n argatedha.

Atileet Girmaa Lammeechaa fiigicha gufachiisaa meetira 3,000'n meetii tokko, Atileet Lattasanbat Gidey fi Gudaaf Tsaggaay ammoo mata mataan nahaasa biyyasaaniif argamsiisaniiru.

Itoophiyaan atileetota 34, dorgommii bishkileetiin dubara tokko, dorgomii bishaan daakuutiin nama tokkoo fi teekwaandoodhaan nama tokko waliigalatti dorgomtoota 37 qabattee turte gara Tookiyoo kan imalte.

Biyyattiin dorgommii Olompikii bara 2016 Biraaziil, Riyootti dorgamamerratti warqii tokko, meetii sadi fi nahaasa afur argachuun waliigalatti meedaaliyaa saddeetiin galte.

Itoophiyaa waggoota 20 darban keessatti

Qabxiin Itoophiyaan Olompikii Tookiyoo baranaarratti argatte waggoota 20 darban keessatti qabxii isheen argatte keessaa isa gadi aanaadha.

Waggaa 20n dura Olompikii Siidnii irratti Atileet Haayilee Gabrasillaasee fi Shaalaqaa Daraartuu Tulluu fiigicha meetira 10,000, kan dhiirotaa fi kan dubartootaan, akkasumas Atileet Miiliyoon Waldee fi Atileet Gazzaahenyi Abarraa walumaagalatti meedaaliyaa warqii afur Itoophiyaaf argamsiisanii turan.

Dabalataan Geexee Waamii, Asaffaa Mazagabuu fi Tasfaayii Tolaa meedaaliyaa afur argachuun, walumaa galatti dorgommii sanarratti Itoophiyaan meedaaliyaa saddeet argattee turte.

Olompikii Siidnii booda dorgommii magaalaa guddoo Giriis Ateensitti qophaa'errattis Itoophiyaan meedaaliyaa torba argatteetti.

Yeroo sana Atileet Qananiisaa Baqqalaa fi Masarat Daffaar meedaaliyaa warqii lama argamsiisan, atileetonni kaan ammoo meedaaliyaa shan argatan.

Olompikii Ateensi booda dorgommicha kan qopheessite Chaayinaa magaalaa Beejiingittis Atileet Qananiisaa Baqqalaa fi Atileet Xurunash Dibaabaa fiigicha meetira 10,000 fi 5,000'n lamaansaaniiyyuu meedaaliyaaa warqii lama lama argataniiru.

Warqii afur Qananiisaa fi Xurunash argatani irratti dabalataan meedaaliyaa Atileetoonni akka Masarat Daffaar, Silashii Sihin fi Tsaggaayee argatan sadi, walumaagalatti meedaaliyaa torba argatteetti Itoophiyaan.

Olompikii Landan bara 2012 irrattis Itoophiyaan meedaaliyaa saddeet argatteetti.

Dorgommii kanarratti Atileetonni akka Xurunash Dibaabaa, Masarat Daffaar fi Tiikii Galaanaa tokkoon tokkoonsaanii meedaaliyaa warqii yoo argatan, atileetonni kaan ammoo meetii lamaa fi nahaasa sadi argataniiru.

Olompikii Riyoo bara 2016 irrattimmoo warqii tokko, meetii lamaa fi nahaasa shan walii galatti meedaaliyaa saddeet argatte.

Kan baranaa meedaaliyaa afur yoo ta'u, kan bara hundaatii gadidha.

Seenaa hirmaannaa dorgommii Olompikii- Itoophiyaa

Yeroo jalqabaaf Olompikii Melbarn, Awustiraaliyaa irratti bara 1956 kan hirmaatte Itoophiyaan, dorgommicharratti meedaaliyaa hin arganne turte.

Haata'u malee dorgommii itti aanee gaggeeffame Olompikii Room irratti yeroo lammaffaaf wayita hirmaattu, karaa Atileet Abbabaa Biqilaa meedaaliyaa tokko argatte.

Dorgommii bara 1976 Kanaadaa, Montiriyaal, itti aansuun kan Loos Anjalasii fi kan Kooriyaa Kibbaa, Se'ulitti qophaa'erratti Itoophiyaan hin hirmaanne.

Isa booda bara 1980 dorgommii Moskootti gaggeeffamerratti garuu hirmaachuun meedaaliyaa warqii lamaa fi nahaasa lama argatteetti.

Itoophiyaa dorgommii olompikii jalqabaa hanga ammaatti hirmaatterraatti atileetiksiidhaan meedaaliyaa 55 argatteetti.

Kanaanis Afriikaa keessaa Keeniyaa fi Afriikaa Kibbaatti aantee sadaffaarra jirti.

Olompikii Tookiyoo 2020 bara kana gaggeeffameen ammoo meedaaliyaa afur argachuun Afriikaarraa shanaffaa taateetti.