'Akkoon koo biyyatti hin deebi'in naan jette' - Atileetii Beelaruus Olompikii Tookiyoof Jaappanitti imalte

Madda suuraa, Reuters
Atileetiin Beelaruus gareen ishee Olompikirra gara jalqabaatti akka biyyatti xiyyaaraan deebitu ajajnaan didde, akkoon koo biyyatti deebinaan nageenyi koo balaa keessa jira jettee natti himatte jechuun ifoomsite.
Kiristinaa Timanovsakaaya BBC'tti akka himtetti, buufata xiyyaaraatti konkolaataan geeffamaa otoo jirtuu akkoon ishee bilbilteefii ''deebite hin dhufiin' akka jetteen himte.
Atileetiin kun leenjistoota ishee qeequu hordofuun gara biyyaattii akka deebitu ajajamtee turte.
Timanovsakaay viizaa baqattummaa argatteen Pooland dhaqxe.
Beelaruus atileetii kana miira isheerraa ka'uun garee biyyaleessaa keessaa haqamte jechuun beeksifte.
Atileetiin ganna 24 Timanovsakaay garuu, kun dubbii dharaati jette.
Beelaarusitti dhimmi atileetii kanaa deebi'ee xiyyeeffannoo argate.
Beelaarus bara 1994 irraa kaasee biyya pirezedantii abbaa irree Aleksaander Lukasheenkootiin bulaa jirtudha.
Bara darbe pirezedantichi deebi'ee filatamuu hordofee, mormiin biyyattii walgahee, qaamoleen nageenyaa humnaan ukkaamfaman.
Timanovsakaay, garee biyyaalessaa keessaa kan haqamte miidiyaa hawaasaarratti dorgommii ulee walharkaa fuudhuu 4x400m akka seentu yeroo gabaabatti itti himamuu isaaf erga komii dhiyeessite booda, miseensonni garee ishee muraasni dorgommichaaf ulaagaa barbaachisu akka hin guutne barame.
Viidiyoon qeeqa wayita dhiyeessitu agarsiisu miidiyaa biyyattirratti qeeqa jabduu kaasuun, miidiyaan biyyatti tokko sirumayyu garee biyyaleessa waliin dorgomuuf fedha hin qabdu jedhee qeeqe.
Timanovsakaay akka jettutti, leenjistootni lama kutaa ishee bultu seenuun ''borsaa kee xaxadhuu dafii asii bahi''jechuuni hordofuun gara biyyatti deebi'uuf qophoofte turte.
Yeroo sanatti nan miidhame akka jettee himattu itti himamees ture.
Atileetiin fageenya gabaabarratti dorgomtu kun akkoon ishee dhimma kana ilaallaturratti gabaasa miidiyaan biyyatti dhiyeessan erga ilaalanii booda waan hamaan ishee mudachuu mala jedhanii nageenya isheef yaadda'u ibsite.
''Akkoon koo biyyatti hin deebi'iin jettee natti himuu amanuun dadhabe, garuu dhuguma jettaa ? jedhee gaafadheera.
Akkoon eeyyee naan jette.
Irra deebi'uun, ''Deebitee hin dhufiin jette''jechuun ibste.
''Sababa kanaaf jechan poolisii bira dhaqe.''

Madda suuraa, Reuters
Buufata xiyyaaraatti Timanovsakaay akka saffisaan dhiyaattu gaafatamu bilbila isheeraa poolisootatti agarsiisuun, xiyyaaraan akka biyyatti hin deeebifne akka gargaaran gaafatte.
Sana booda eegumsa poolisii taasifameefi gara imbaasii Poolandi Tookiyootti argamu akka dhaqxu taasifame.
Roobii gara Poolanditti imaltetti.
Beelaruusitti hiriira mormii bara darbe hammaate qaamoleen nageenyaa humnaan bittimsaa kana turan yoo ta'u, namoonni kumaatamatti lakkaa'aman hidhaman.
Atileetoonni sadarkaa biyyaaleessatti beekaman muraasni mormii kanarratti kan hirmaatan yoo ta'u, kanneen garee biyyaalessaarra hir'ifamanii fi hidhamaniille turaniiru.
Timanovsakaay garuu 'nama siyaasaa miti'', hojii ispoortiirrattin xiyyeeffadha jetti.
''Waa'ee siyaasaa hin beeku, Siyaasaa keessa hin turre''jette.
Timanovsakaay BBBCtti akka himtetti, Beelarusitti deebi'uu barbaaddi, garuu ammatti haalli jiru naaf hamaadha jette.
Abbaan warraa ishee Beelarusii kan baqate wayita ta'u, Viizaa Poolaand argateera, firoottan ishee kaan garuu Beelaruusitti hafan.
Timanovsakaay akka jettutti maatiin ishee ammatti nagaadha,''mufii xiqqoo'' kanaaf ammaf gabaasa TV'n waa'ee intalaa isaniirratti dhiyeessu hordofuu dhiisuuf yaalaa jiru jette.
''Na beeku, dhugaa jirtus beeku,akkasuma maaltu akka ta'es ni beeku''jette.
Timanovsakaay deeggarsi namooota kutaalee addunyaa garaa garaa irraa argatte akka ishee cimse himteetti.
Dhimma biraatiif hoggantoonni paartii mormituu Beelaruus lama torban kana keessa himatamaniiru.
Hoggantoonni paartii mormituu kun jeequmsa kakaasuun nageenya biyyaa jeequun himatan.















