Hogganaan sirna Olompikii Tookiyoo sababa qoosaatiin hojiirraa ari’ame

Madda suuraa, Newscom / Alamy Stock Photo
Hogganaan sirna baniinsa Olompikii Tookiyoo sagantichi eegaluuf guyyaan tokko yemmuu hafu kaleessa sababii qoosaa innii waggootaan dura waa'ee holokosti irratti qooseen hojiirra ari’atame.
Viidiyoon Kentaro Kobayahii bara 1990’n keessa waraabame yeroo inni wa’ee Holokaastii qoosu kan agarsiisu fakkaata.
Hogganaan Olompikii Jaappaan Seeko Hashimotoo viidiyoon kun “dhugaa seenaa gaddisiisaa ta’e” irratti kan qoosudha jedhan.
Hojiirraa ari’amuun aanga'aa kanaas taatee salphinaa dhiheenya dorgomicha mudate keessaa isa dhihooti.
Qophiie sirna Tokiyoo 2020 kann sababa koronaavaayirasiin waggaa darbe irraa baranatti dabarfame- jalqaba 2021 irraa eegalee namoonni sadii hojii akka gadhiisaniif dirqisiiseera.
Jalqaba torban kanaatti artistiin muuziqaa sagantaa kanaa qindeessa ture, kana dura hirriyyaasaa miidhama qaamaa qabu mana barnootaatti rakkisaa akka ture yemmuu baramu hojii isaa gadhiiseera.
Bitootessa keessa hogganaan qindeessa Olompikii Hiroshii Sasakii komediyaaniin furdoo taate Nayoomii Watanaabee akka “Booyyee Olomipikii” ta’uu dandeessi erga jedheen booda hojii gadhiiseera. Boodarra dhiifama gaafateera.
Guraandhala keessa ammoo Hogganaa Koree Qindeessituu Yoshiroo Mori, komii jacha ''safuu hinqabnee'' jedhamuun dubartoota irratti yaada kennuun hojii gadhiise.
Moriin dubartoonni baayyee odeessu, walga’iin hoggantoota boordii dubartoota waliin gaggeefamu “yeroo dheeraa fudhata” jechuun dubbachuu isaatu himame.
Dhimmi dhiheenyaa Kobayashii kun ammoo kan inni wagga 23 dura diramaa irratti komeediyaanii biraa waliin akka bohaarsitoota ijoollee ta’uun tabateen hojiiraa ari'aame.
Innis hirriyaasaatti garagaluun “tapha Holokaastii” haa taphannu” jechuun isaa qeeqa guddaa kaaseera akka gabaasa AFPtti.
Ministeerri Muummee Jaappan Yoshihidee Suga haasaa kana “badaa fi kan simatama hin qabne” jedhaniiru.
“Namni kamuu amma barbaadee nama kalaqaa ta'us miidhamtoota ajjeechaa Naaziitiin qoosuuf mirga hin qabu,'' kan jedhan ammoo Wiirtuu Qorannoo Simon Wiesenthal irraa kanat a'an Rabii Abraahaam Kuuppa.
Kobayashiin boodarra arii'amuusaarratti deebii kenneera.
Sagantaan dorgommii Olompikii Torban lamaaf gaggeeffamu Jimaataa har'aa eegalamuu jira.
Dhiyeenya qorannoo gaggeeffameen sodaa koronaavayirasiin jiraattonni Jaappaan %55 ta’an Olompikiin kun haqamu qaba jechuun mormuu isaanii Rooyiratsi gabaaseera.
Ammumaanuu lakkoofsi atleetoota fi qondaaltoota koronaavayirasiin qabamanii dabalaa jira.
Hanga guyyaa Kamisaatti, namoonni dorgommii kana irratti hirmaattan 91 koronaavayirasiin qabamuu isaanii gabaasameera.













