Muuziqaan gurra gaari kan qabdu Rihaanaan tarree biliyeenaroota galte

Madda suuraa, Getty Images
Dubartiin muuziqadhaan gurra gaarii horatte Rihaanaan addunyrratti dubartii weellistuu qabeenyaan tokkoffaa taate jedhamuun tarree biliyeenarootaa galuushee barruun Foorbis ifa godheera.
Rihaanaan amma qabeenyi ishee waliigalaa dolaara biliyoona 1.7 qaqqabuun tujaara galmee biliyeenarootaa keessa galteetti.
Muuziqaa labata ammaa keessatti kan jaallatamtu Rihaanaan, madda sooruma ishee keessaa dolaara biliyoona 1.4 kan ta'u kampanii meeshaa miidhaginaa Fenty Beauty jedhummaari.
Qabeenyi ishee kun sharafa yeroo ammaa kanaan yeroo jijjiiramu gara birrii biliyoona 76 akka qaqqabu danda'a.
Qabeenyi Rihaanaa kan hafe ammoo kampanii ishee Savage x Fenty jedhamu kan uffata keessoo gurguru irraa dhufe. Gurgurtaa uffata keessaa kanarraa galuu dolaara miliyoona 270 kan ta'utu hufa. Maddi galiishee kaan ammoo muuziqaafi gahee fiilmii keessatti taphatturraati.
Dubartoota addunyaa bashanannaafi bohaartii keessatti maqaa guddaa hortan keessaa Rihaanaan Opiraah Wiinfireetti aantee sadarkaa lamaffaa qabattee jirti;
Maqaa galmee Roobiin Fentii jedhamuun kan beekamtu Rihaanaan, maqaa Fenty Beauty jedhamuun meeshaa miidhaginaa daldaluu kan jalqabde ammoo bara 2017 irraa eegalteeti.
Yeroo daldla jalqabde sanattis kaayyoon kampanii kiyya omisha dubartoota hundaaf ta'u dhiyeessuudha jettee turte.
Waadaa galte kana osoo hin cabsiin meeshaalee gara garaa halluuwwan 40 qaban dhiyeessunis dinqisiifatamteetti.
Omishni isheen dhiyeessitu kun beekamtuu guddaa horachaa kan dhufe yeroo warshaaleen isheetiin morkatan ishee akkeessuu jalqabanitti ture. Kampaaniin Rihaanaa garuu qulqullina omishaa gaarii ta'een itti fufee beekamuun bara hundeeffame keessatti qofa dolaara miliyoona 550 buufachuullee danda'eera.
Rihaanaan suuqiiwwan biraa ishee baasuu didee jennaan deebistee cuftes ni qabdi.
Dubartiin umuriin ishee waggaa 33 muuziqaatiin beekamtee, tujaarte kun 'biraanii faashinaallee' qabdi ture garuu osoo waggaa lama hin guutiin cufame.
Barbaadositti kan dhalatte Rihaanaan hojiin muuziqaashee miliyoona 250 ta'u gurgurameeraaf.
Rihaanaan erga albama baaftee amma waggaan ja'a fuutaa jira. Albama isa dhumaa kan baste bara 2016 keessa yommuu ta'u, dinqisiifattoonni ishee ammatti heduu ishee eegaa jiru.
Haata'u malee, viidiyoon muuziqaan dhiyeenya kana jaalallee ishee Raappar Esaap Rookii osoo waraabaa jirtuu dhoksaan argamtee turte.












