Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Itoophiyaaatti mudannoo namoota 'koronaan dhukkuba dabalataaf isaan saaxilee'
Itoophiyaatti koronaavaayirasiin erga mul’atee as namoonni kuma 280 ol vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa’eera, kanneen 4,381 ta'an ammoo lubbuun darbeera.
Weerarri kun yeroo garaagaraatti takkaa akkaan tatamsa’aa yeroo kaan ammoo hir’isaa yeroo ammaa marsaa sadaffaan tatamsa’aa jiraachuu qondaaloti fayyaa Itoophiyaa himaa jiru.
Dhukkubni kun addunyaa irratti erga mul’ateen as gosa garaagaraan biyyoota adda addaa keessatti mul’achuun gabaafameera. Gosti inni Deeltaa jedhamu garuu biyyoota baayyeetti kan tamsa’e yoo tahu, isa hamaadhas jedhu ogeessonni.
Namoonni dhibee kanaan akka malee dhukkubsataniifi du’an keessaa duraan dhukkuba biraa kan qabaniifi namoota umriin isaanii deemeeru lakkoofsi isaanii guddaadha.
Keesumaa namoonni duraan dhukkuba biraa qaban vaayirasichaan yoo qabaman irraa fayyuun isaan rakkisa.
Haatahu malee, Itoophiyaattis tahe biyyoota birootti namoonni dhukkubichaan qabaman baayyeen isaanii bayyanachuu, gabaasaaleen guyyuu bahan ni agarsiisu.
Gama biraan garuu namoonni koronaavayirasiin qabamanii bayyanatan dhukkuba biraaf saaxilamuun dubbii ijoo tahaa jira. Haaluma kanaan namoota rakkoon akkasii isaan mudate lama gaafanneerra.
Guyyaa guutuu suunfachaafi dhandhamaan oole
Abrihaam (barreefama kanaaf maqaan kan jijjiirame) jiraataa magaalaa Finfinneedha. Dhiyoo kana kondominiyeemii abbaa ciisicha tokkoo kireefatee qofaa jiraachuu jalqabe.
Abrihaam maatiisaa keessaa namni dhukkuba sukkaaraa qabu waan jiruuf akka hin saaxilamneef of eeggannoo guddaa taasisa.
Hamma sukkaaraa dhiigasaa keessa jiru ilaalamuunis haalasaa yeroo yerootti hordofa.
‘’Yeroon ilaalamaa ture sukkaara qabaachuu dhiisiitii waan nama yaaddessullee hin qabu ture. Firootasaa dhiyoofi abbaan haadha warraasaa sukkaara ijaa qabaniif anaaf of eeggannoo gochuun salphaadha jedha.
‘’Nyaata sirnaan sooradha. Hangan danda’e ispoortii nan hojjedha, waan miyaa'aa badaa hin fayyadamu’’ jedha.
Baatii Mudde darbe, gaaf tokko hirribaa yeroo ka’u miira gaarii hin qabu ture. Akka qufaan isa qabe barus garuu akka yeroo kaanii itti hin taane ture.
Kibxataafi Roobii na dhukkubeera jedhee iddoo hojiitti beeksisuun manaa hin baane ture. Guyyaa lameen kanatti miirri dhukkubbii takkaa dhufaa, takkaa irraa deemaa ture.
Gaafa Kamisaa qaamnisaa isa guyyaa kaaniin addatti ni guba, buusaafi maashaa isaallee isa dhukkubuu jalqabe. Amma koronaavaayirsiin oduudhaan qofa dhagahaa ture isa bira gahe.
Amanuu didee ‘nan qabanne’ otoo jedhuu, mallattoosaa baruuf immoo ‘Google’ godha ture. Daqiiqaa 30f rafee yeroo ka’uu qaamnisaa ho’a cimaa qaba ture.
Ho’a qaamaa akkasii ‘jireenya kootti argee hin beeku’ jedha. Akkuma tahetti gaafas mana hakiimaa otoo hin deemiin bulee ganama yoo ka’u humna laafee ture, cireesaas nyaachuu hin dandeenye.
Kiliinika naannoosaa jiru deemee qorannoo taasisuun gara manasaatti deebi’e. Garuu dhukkubbiin itti jabaachaa dhufe. ‘’Yeroo na qufaasisu dhukkubbii ijaan qabuuf laphee koo karaa lamaaniin harkaanin qabadha ture,’’ jedhe.
Guyyaa sadaffaa irraatti koronaavaayirasiin akka qabame itti himame. Tahuu danda’a jedhee yaadee kan ture tahus, gaafa itti himamu garuu ‘’isuma dhugaa dhiphachuu jalqabe,’’ jedhe.
Yeroo keessa qufaanis dadhabbiinis badaa deeme. Fedhiin nyaataaf qabu garuu ittuu hir’isaa deeme.
‘’Nyaachuun dirqama gatii taheefan nyaadha malee homaa fedhii hin qabu,’’ jedha.
Abrihaam,’’vaayirasicha haa tahuu sababa biraa sa’atii dheeraaf nan rafan ture. Guyyaa afuriifi shan booda garuu naa wayyaa dhufe,’’ jechuun yaadata.
Guyyaa shanaffaa irratti mallattoon otoo hin badiin narra ture qufaa qofa dha. Humna argatee bunas danfifatee dhuguu jalqabe.
Koronaavaayrasiin akka qabame erga baree guyyaa shan booda saamunaa ittii dhiqatu suunfachuu akka hin dandeenye bare.
Vaayirasichi miira suunfachuu akkanni balleessu ijaa beekuuf dafee kutaa dhiqannaatii bahe.
Shittoo suunfachuu yaale, wantoota foolii qabu jedhe hunda suunfachuu yaalus hin dandeenye ture. Shittoo isa tokko qofatu foolii jabaa funyaan waraanu qaba ture jedha.
Bunni inni jaalatus arrabsaa irratti homaa dhama dhabe.
Qorannoo koronaavaayirasii lammata taasifateenis akka irraa bayyanate mirkaneessera, yeroo kuni hundi uumamu. ‘’Akka suunfachuufi dhandhamuu hin dandeenyeefi akka na gadhiisu hakiimonni natti himanii turan,’’ jedha.
Urgaa bunaa jaalatu otoo suunfachuufi dhandhamuu hin danda’in guyyooti baayyeen darban.
‘’Fooliin funyaan kootti dhufaa ture ibsuun na rakkisa, kana dura waanin suunfadhe beeku miti,’’ jedha.
‘’Yeroo hunda hirriba koorraa yeroon ka’u suunfachuufi dhandhamuu akkaan danda’u baruu nan yaala garuu yeroo tahuu didu, guyyaa itti aanuttii yaaluu hin dhiisu.’’
Gaaf tokko fuula dhiqatee yeroo ilkaansaa rigatu saamunaa ilkaanii dhandhamuu danda’e.
‘’Hin amnne. Wantoota foolii qaban hunda suunfachuun yaale, funyaan koo sirriitti hojjeta ture.’’
‘’Mana keessaa waan dhandhamuu danda’u hunda afaan keewwadheera. Isa tokkotti yoo dide jedheen waan hunda dhandhamaa oole,’’ jedha.
Gaaf tokko mana adaadaasaa deemee waa’ee fayyaasaa otoo haasa’anii qubi miilasaa akka isa hadoodu itti hima.
''Xiqqoo waa'ee dhimmichaa erga haasofne booda meeshaa qorannoo haga qabiyyee sukkaaraatiin safarte. Lakkoofsi nutti agarsiise kan nama naasisu ture.''
''Saffisaan kilinika dhaqeen haala ture himadhee qoratame. Lakkoofsichi garaa garummaa guddaa hin qabu. Guyyoota muraasaaf haala soraata isaa sirreessee, sochii qaamaa gochaa qorannoo sukkaaraa itti fufe. Jijjiramni homtuu hin turre.
''Kanan yaadadhu koronaavaayirasiin qabamuu koo baruu guyyoota sadii dura qoratamee hangi sukkaara qaama kootii sirrrii ture,'' jedha.
Amma garuu hakiima waliin mariyachuun, dawaa dhibee sukkaaraa fudhachuu eegaleera. ''Of amansiisuun natti hin ulfaanne, Miseensoti maatiikoo keessaas namni dhibee sukkaaraa qaban waan turaniif hedduu natti hin ulfaanne.
Maal gochuu akkan qabu nan beeka. Waanti ulfaataan dawaa fudhachuun hin jaalanne guyyaa guyyaadhaan fudhachuudha'' jechuun yaadasaa gunduunfe.
Abirahaam dawaa dhibee sukkaaraa fudhachuu erga eegalee ji'a dabarseera.
''Amanuu mitii fudhachuuf rakkadheen ture''
Seenaa isaa namni nutti hime kan biraan maqaan isaa akka eeramu hin barbaadne 'Tashooma' jenne seenasaa himuutti fufnerra.
Itoophiyaatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii wayita dabale ji'a Sadaasa keessa Tashoomaa miilli akka dhukkubaa ture yaadata.
Dhaabbilee fayyaa garaa garaas dhaqeera. Rakkoo narvii ta'uu itti himuun dawaa kennaniifi turan. ''Dawaa fudhee, natti wayyaa'a jedhee gara manaatti deebinaan akka jabduu na dhukkubaa ture''jedhe.
''Halkaan halkan na dhukkuba ture. Taa'uufi ciisuullee hin danda'u. Rakkina narvii akka ta'e himuudhaan dhukkubbiin isaa cimaa akka ta'e hakiimonni natti himaa turan,''
''Miillikoo socho'uu dide. Keessa isaatii na dhukkuba. Hakiimonni qoricha akkan fudhadhu natti hima waan turaniif dhukubbicha waliin falmiitti seenuu''hima.
Dawaan garuu jijjiirama hin fidne. Sababii kanaaf qorannoo waliigalaa gagggeessuuf jecha hakiimoota waliin mariyatee dawaa fudhata.
Qorannoo sana keessaa tokkoo qorannoo koronaavaayirasii wayita ta'u wayita ta'u, firiin qorannoosaatii vaayirasichaan qabamuu agarsiisaa ture.
Koronaavaayirasii qofaa miti,dhukkuba narvii, dhiibbaa dhiigaa fi sukkaaraa akka qabutu itti himame. Maatii isaa keessaa dhibee sukkaarafi dhiibbaa dhiiga firoottan isaa qaban jiraachuu kan beeku ta'ullee, sababa isaa hubannoo hin qabu ture.
'' Hangi sukkaara kootii olaanaa ta'uurraa kan ka'e dhibee sukkaaraa qabaachuu koo akkan hin beekne hakiimotatti wayitan himu nan amanne turan,''
Hangi sukkaaraa olaanaa ta'uurraa kan ka'e,'' akkamitti otoo mallattoo tokkooee hin agarsiisiin sadarkaa kanarra geesse jedhanii na gaafataniiru'' jedhe.
Mana yaalaa wayita qaqqabu hangi sukkaaraa koo olaanaa ture, Xiqqoo otoon turee rakkisaa akka ta'u natti himameera.''
Gosoota dhibeee sukkaara lamaanu akka qabu ogeeyyiin fayyaa itti himaniiru. Tashoomaan si'a tokkichatti dhibee gosoota hedduun qabamuun kan itti himame miilli isaa dhukkubuu hordofeeti.
Dhibeeewwan birootiin qabamuun isaa kan barame ta'ullee, koronaavaayirasiin qabamullee mallattoo hin agarsiifne. ''Guba qaamaa, bowwoo mataas ta'ee, mallattoo koronaavaayirasii biroo guyyaa tokkollee ofirratti hin argine'' jedhe.
Hakiimonni sababii koronaavaayirasiitiin dhibeewwan isa qaban itti hammaachuu akka hin oolle itti himaniiru.
''Miidiyaaleerra akka dhaga'etti biyyoota garaa garaa keessatti weerara Covid booda dhibeewwaan namarra turaniin namoonni qabaman jiraachuu dubbiseera,'' jedhullee, harki caalan isaanii namoota Covid hammaate hospitaala seenaan ta'uu ragaaleen kan agarsiisan.
Inglaand keessatti namoota Covid itti hammaatee hospitaala seenan keessaa harka shan kanneen ta'an dhibeen sukkaaraan akka qabamaniif dhibichi ka'umsa ta'a jedhameera.
Tashoomaan guyyaa guyyaatti dawaa jaha fudhataa jira.
''Jalqabarratti baayyee ulfaataa ture. Sababa dhukkubbii xiqqaan miilarra na jalqabeeen dhibee umriin guutuu, guyyaatti dawaa jahan liqimsaan jiraadha jedhe miti jalqaba mana yaalaan deema jedhee yaadee hin beeku, amanuu mitii fudhachuun natti ulfaatera'' jedhe
''Ani namni qoricha liqimsuu jibbu guyyaa guyyaatti dawaa liqimsuu alatti haala jireenya koo akkan hin jijjiirre dhorkameera.
Waanti nyaatamuufi dhugamuu hundi ofeeggannoon fudhatama''jedhe. Namoonni itti dhiyenyaan beeku du'anii, maatiin isaanii wayita bittinnaa'an arguurraa kan ka'e yaada isaa akka geeddaratu gargaaru himeera.
''Namootan dhiyootti isaan beeku du'aniiru. Ijoolleen warra malee wayita hafan argeera. Waayilli koo tokkoo sababii dhibee kanaatiin lubbuu dhabeera,''
''Wayitan kana argu , Waaqayyoo gadduu caala ijoollee kootiif du'a na oolchen jedha.''
''Hakiimonni dhibeewwan garaa garaan namoota qabaman wajjiin wayita madaalamuati carra-qabeessa naa jedhan, Anillee namoota dhibeewwan gosa garaa garaatiin qabaman miidhama irra gahe wayitan ilaalu carra-qabeessan ofiin jedha.''