Waraana Tigraay: Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa loltuus ta'e meeshaa waraanaa kamiyyu gara naannoo Tigraayitti akka hin fe'iin hime

Daandii Qilleensaa Itoophiyaa

Madda suuraa, ETHIOPIAN AIRLINES

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa meeshaa waraanaafi loltoota gara naannoo Tigraayitti akka deddeebisutti wantonni miidiyaalee hawaasaarratti himamaa jiran oduu dharaati jedhe.

Daandiin Qilleensichaa ibsa Dilbata baaseen himannaawwan kunneen waan ta'ee hin jirreefi bu'ura hin qabnedha jechuun cimsee balaaleffateera.

Ibsa isaa kanaan Daandiin qilleensichaa balaliinsawwan gara naannoo Tigraayiitti taasifaman hundi Muddee 2020 irraa kaasee kan dhaabbate ta'unsaa yaadatamu qaba jedheera.

Yeroo muraasaaf naannoon qilleensaa wayita banameettis Daandiin Qilleensichaa hojiidhuma daldalaan namoota nagaa qofa naannichatti deddeebisaa turuu himeera.

Balaliin gara naannichaatti taasifamu ji'a tokko dura cufamuu kan eeru ibsichi, ''erga sanaa kaasees balaliinsi gara naannichaatti taasifamees ta'e xiyyaarri dhaabbatichi naannoo waraanaa keessa qubatanis hin jiran,'' jedhe.

Daandii Qileensa Itoophiyaa akkaataa ulaagaalee idil-addunya hundan tajaajila nageenyi isaa eegamu akka kennuufi seerootaafi dandbiiwwan idil-addunyaa hunda kabajuun akka hojjetus ni mirkaneessa jedha ibsichi.

''Dhugaan qabatamaan lafarra jiru kana ta'ee osoo jiruu garuu namoonni dhuunfaa muraasni maqaa guddaa Daandii Qilleensichaa balleessuuf suuraawwan duriifi kan walitti hin dhufne 'footooshooppii' tolchuudhaan fayyadamaa jiru,'' jedhe.

Maxxansa X irra dabri, 1
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 1

Namoonni uffata danbii uffatan geejiba ummataatti fayyamanuun adeemsuma addunyaati kan jedhe ibsichi, ''haata'u malee kana jechuun naannicha keessatti gara naannawaa waraanni jirutti isaan geejjibsiiseera jechuu miti,'' jedheera.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa ulaagaaleen nageenyaa isaatiin sadarkaa idil-addunyaatti haalaan beekamtii kan qabu yoo ta'u, akka Waldaa Geejiba Qilleensa Idil-Addunyaa (IATA)tti, daandiiwwan qiilleensaa addunyaa keessaa sadarkaa 20 irratti akka argamu ibsamunsaa ni yaadatama.

Maxxansa X irra dabri, 2
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 2

Ibsa waa'ee viidiyoo, ETn gaaga'ama Covid-19 akkamiin dandamataa jira?