Duulli ijaarsa hidha Haaromsaaf baatii tokkootti $ mil. 1 walitti qabuu eegalame

Marsariitii toora intarneetiin ijaarsa hidha Haaroomsaaf maallaqa walitti qabuuf tolfame Sanbata darbe ifa taasifameen, lammiileen Itoophiyaa biyyoota garaa garaa keessa jiraatan sa'aatii 48 keessatti doolaara kuma 70 ol (birri miliyoona sadii ol) walitti qabuu Humni Elektirikaa Itoophiyaa beeksiise.

Direektarri Korporeetii Komunikeshinii dhaabbatichaa Obbo Mogas Makonniin BBCtti akka himaniitti, karaa toora banamee kanaatiin sa'aatii tokko keessatti gumaata doolaara 1,500 taasifamaa jira.

Maallaqichi sadarkaa olaanaan kennamaa kan jiru lammiilee Itoophiyaa fi dhalattoota Itoophiyaa Afriikaa, Kaaba Ameerikaa fi Oshiiniyaa jiraataniin ta'u himaniiru.

Arjoomtota Afriikaa keessa jiraatan irraa dolaarri kuma 50 ol kan argame yoo ta'u, maallaqni hanga ammaa walitti qabames namoota 600 ol kan addunyaarra biyyoota adda addaa keessa jiraataniin jedhameera.

Adeemsi maallaqa walitti qabu kunis yeroon daangeeffame kaa'amuufi baatulleen, karaa mala deeggarsa walitti qabamu haaraa kanaatiin ''yeroo baatii jahaa gadiitti'' jiddugalaan doolaara miiliyoona tokko waliitti qabuuf akka yaadame aanga'aan kun dubbataniiru.

Itti dabaluunis maallaqni osoo toorri kun sadarkaa beeksiifamurratti argamu waliitti qabame fi deebiin argame karoorri qabame yeroo qabameefiin duratti fiixaan bahuu akka danda'u kan mul'isuudha jedhan.

''Haala amma jiruun kan yaadameen ol walitti qabamuun akka danda'amu kan agarsiisuudha,'' jechuun ibsan.

Torri deeggarsa maallaqaa hidhichaaf waliitti qabuuf tolfame 'MyGERD.com' dhaadannoo ''ashaaraa hin badne keenya hidhichara haa keenyuu'' jedhuun ifa taasifame kunis, namoota Itoophiyaan alatti argamaniif ijaarsa hidhichaatiif gummaachuu barbaadaniif kan haala salphiseedha jedhu Obbo Mogoos.

Ijaarsa hidha kanaatiif deeggarsa taasisuuf ''haala salphaa fi amansiisaa ta'e hin qaban ture. Kanaan dura deeggarsa taasiisuuf bakkeewwan imbaasiiwwan ykn Qontsilaawwan argaman dhaquu qabaatu ture,'' jedhu.

''Carraa bakkuma jiran taa'anii marsariitii saaquu qofaan filmaata maallaqaa barbaadamuun deeggarsa taasisuu dandeessisutu umamee,'' jedhu.

Ijaarsi hidha Haaromsaa laga Abbayyaa erga eegalamee waggaa 10 kan lakkoofsiise yoo ta'u, karaa ergaa gabaabaa fi gurgurtaa boondii dabalatee karaawwan adda addaatiin deeggarsi walitti qabamaa ture.

Toorri kun wayita hojiirra oolfameetti dhimmoonni ''filmaata dhiyeessuu, baankiiwwaniin walitti hidhuu, dhimmootawwan nageenyaa darbuu, amansiisummaansaa mirkanaa'uu,'' kanneen dursi kennameef akka ta'e ibsan.

Kana malees sirnichi haala appii bilbila harkaatiinis qophaa'aa jiraachuuf, appichis qophiinsaa xumuramee sakkatta'insii nageenyummaa taasifamaaf akka jiru, yeroo dhiyoottis hojii akka eegalu dubbatu Obbo Mogas.

Deeggarsi kun attamiin ijaarsa hidhichaa gargaara?

Deeggarsi karaa toora kanaatiin walitti qabamu kan sharafa alaa biyyattiin ittiin rakkataa jirtuun galii taasifamuudha. Kunis saffisa ijaarsa hidhichaa haalaan kan deeggaru ta'u dubbatu.

Hojii ijaarsa hidhichaa irratti hirmaataa kan jiran dhaabbileen ijaarsaa idil-addunyaa waan jiraniif, "kanfaltii kan gaafatan sharafa biyya alaatiini, kanaafuu maallaqa haala kanaan argamuun kanfaluun yoo danda'ame, saffisa fooyya'een ijaarsi akka raawwatamu taasisa," jedhu.

"Lammaffaa sababii hir'ina sharafa alaatiin rakkoon homtu osoo hin mudanne kan yaadame fiixaan gahuun akka danda'amu kan agarsiisuudha,'' jechuun ibsu.

Deeggarsi maallaqaa kunis amma doolaara Ameerikaatiin raawwatamaa kan jiru yoo ta'u, itti aansee ammo paawundii Yunaayitid Kingdam dabalatee sharafawwan biraa dbaluuf akka yaadame himuun, ''kanas guyyoota lamaa fi sadii keessatti ni xumurra jedheen yaada,'' jedhan.

Waan haraa maal qabate dhufe?

Toorri maallaqa deeggarsaa ittiin waliitti qabamu kun maallaqa walitti buusuun alatti, namoonni beebbeekamoo ta'an ijaarsa hidha Haaromsaa kanaaf maallaqa walitti qabuuf duula akka gaggeessan dandeessisa.

Hanga ammaattis namoonni 36 miidiyaalee hawaasaa irratti duula gaggeessuun namoonni karaa sirna diriirfamee kanaatiin maallaqa galii akka taasisan gochaa jiru.

''Namoonni tokko tokkos deeggarsa taasisaniin alatti, karaan ittiin namoota kaan ittiin kakaasan, ofiin deeggarsa gochu yoo dadhabanilleen carraan ittiin warra kaan dadammaqsan jira,'' jedhu Obbo Mogos.

Namoonni kunneenis duula miidiyaalee hawaasaa haa taasisan malee, maallaqichi karaa toora marsariitii qophaa'ee kallattiin gara akkaawuntii baankii Zamanitti saaqameetti kan galfamu yoo ta'u himu.

"Carraan gara nama duulicha gaggeessee itti dhaqu ''gutummaa gutuutti kan cufameedha'' jedhan.

Namoonni deeggarsa isaanii wayita galchan, waraqaa raga Hogganaa Olaanaa Humna Elektirikaa Itoophiyaatiin mallata'e karaa dijitaalaan isaan qaqqaba. Kunis waan waltajjiicha adda taasisuudha jedhan.

Odeffannoon Humna Elektiriikaa irraa argame akka mul'isutti, waggoota 10 darban keessa ijaarsa hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaatiif birriin biiliyoonni 15 ol karaa arjoomtootaa fi gurgurtaa boondiitiin walitti qabameera.

Karaa maallaqa waliitti qabuu ergaa gabaabaa lammiilee biyya keessaa qofaaf dhiyaateen, marsaa sadiin waliigalatti birriin miiliyoona 252 ol ta'u argameera.

Itoophiyaan hidha haaromsaa marsaa lammaffaa bishaan milkiin xumuruu fi kunis baatilee muraasa itti aanan keessatti Elektiriika maddisiisuu akka eegaltu kan dandeessisu ta'uu beeksifteetti.