Naayijeeriyaan haadholii fi daa’imman 100 butamanii turan bilisa baasuu himte

Qondaalotni Kaaba-Lixa Naayijeeriyaatti haadholii hoosisanii fi daa’imman 100 garee nama butanii maallaqaan geeddaraniin fudhatamanii turan bilisa baasnee jedhan.

Namoonni kunneen gaafa Waxabajjii 8 kutaa bulchiinsa Zaamfaaraa keessaa butaman. Mudannoo guyyaa sanaanis namoonni afur ajjeefamaniiru.

Qondaalotni bulchiinsi Zaamfaaraa qarshiin tokkollee otoo isaaniif hin kaffalamiin gadhiisan jedhu, ta'us ibsa dabalataa hin kennine.

Namoonni bilisa bahan kunneen mana isaaniitti otoo hin deebi’iin dura fayyaan isaanii ni ilaalama jedhameera.

Baatii mursaan asitti naannichatti buttaan namootaa baay’inaan mudachaa jira.

Mudde 2020 qabee namoonni 1000 ol tahan butamaniiru. Baay'een isaanii boodarra qarshiin kaffalamee bilisa bahaniiru.

Qondaalotni warra ‘saamtota, hattoota loonii fi gareen milishaa naannichaa qarshii barbaadan ‘baandaa’ jechuun maqaa dhahu.

Bara 2014 gareen hidhattoota Islaamaa Bookoo Haraam barattoota shamarranii 276 bulchiinsa Boornoo irraa erga buteen as hidhattoonni baay'ee barattootaa butanii fudhachuu jalqabaniiru.

Pireezidant Mohaammaduu Bohaariin loltoonnisaa yakkamtoota bulchiinsota Zaamfaaraa, Kaaduunaa fi Kaatsinaa jiran akka haxaa’an ajajeera.

Jalqaba torbee kanaatti xiyyaarri humna qilleensaa yeroo haleellaa yakkamtoota kanarratti raawwatu itti dhukaafamee kufeera. Paayilatiin xiyyaaraa garuu nagaan baheera.