Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Shiftoonni jeettii waraanaa Naayijeeriyaa rukutanii kuffisuu waraanni biyyattii beeksise
Xiyyaarri waranaa Kaaba Naayijeeriyaa keessatti qaamoolee namoota ukkaamsuun butan adamsaa ture gareewwan yakkamtootaatiin rukkutamu waraanni biyyattii beeksiise.
Dubbi Himaan Humna Qilleensa Naayijeeriyaa akka jedhaniitti, Xiyyaarri Alpha jedhamu kunis Dilbata wayita rukkutamuun kufeetti hojii isaa haalaa erga xumureen booda jedhan.
Akkasumas balaliinsaa xiyyaarichaa Leetanaant Abaayoomii Daa'iroo utaalee bu'uun ''lubbuun hafuufi' akka to'annoo jala hinoolfamneef jiraattoota naannichaa keessa dhokatee argamus himan.
Haleellaa kun daangaa bulchinsoota Zaamfaaraa fi Kaadunaatti mudate.
Gareewwan hidhachuun sochaniif naannichatti ''shiftoota'' jedhamuun beekaman kunneenis kaaba-lixa Naayijeeriyaa keessatti taateewwan ukkaamsanii namoota butuu raawwatamuun himatamu.
Barattoonniifi daa'imman mana barnootaa kan irra jireessa irratti xiyyeefatamu yoo ta'u, erga Mudeetii asitti kanneen 1,000 ol ta'an butamaniiru.
Baayyeen isaaniis erga kanfaltiin maallaqaa itti gaafatameen booda gadhiifamuun gaafamulleen muraasni ajjeefmaniiru.
DHiyeenya kanas Pirezidaanti Muhaammadu Buhaariin yakkamtoota kanneen hari'achuuf bulchinsoota Kaatsinaa, Zaamfaaraa fi Kaadunaatti wanta barbaachisu hunda akka raawwataniif waraana ajajanii ture.
Humni Qilleensaa Naayijeeriyaa bulchiinsoota sadan kanneen keessatti humna lafoo waliin ta'uun alkanii guyyaa haleellaa qilleensaa raawwataa jirachu himee ture. Xiyyaarri waraanaa kunis kan guyyaa Dilbataa rukutamee opareeshiiniiwwan kanneen keessaa isa tokkoorratti ture.
''Opareeshiiniiwwan walitti fufaa qilleensaa kanaan, shiftoonni dhibbaatamaan lakkaa'aman barbadaa'uun, eddoowwan dahoosaanii hedduun barbadaa'eera,'' jedhan ibsi Humna Qilleensa Naayijeeriyaa baasee.
Biyyattiitti bara kana keessa xiyyaariwwan hedduun kufuun kan cacaban yoo ta'u, garee hidhattootaan kufiifamuun yoo gabaafamu kun kan jalqabaati.
Caamsaa keessa wayita Leetanaati Janaraal Ibraahim Ataahiru qondaaltoota biraa 10 waliin balaa xiyyaaraatiin du'aniitti Naayijeeriyaa keessatti naasuu olaalaa umee ture.
Ebla keessattis akkasuma Jeettiin Alphaa tokko bulchiinsa Bornoo, bakka milishoonni Bookoo Haaraam keessa socho'aniitti kufee cacabee ture.
Xiyaarichi gare milishootaan rukkutamee kufiifamee gabaasaaleen jedhan waraanni haalee ture.
Isaan duras baatii Guraandhaaa keessa xiyyaarri waraanaa Abujaa keessaa tokko osoo daa'imman mana barnootaa butaman barbaacharra jiruu kufee cacabee ture. Balaa sanaanis namoonni xiyyaaricha keessa turan torbanu du'anii ture.
Biyyattiin xiyyaara waraanaa 12 US irraa baasii doolaara miliyoona 496 kan bittee yoo ta'u, jahan jalqabaa baatii kaan keessa galchuuf karoorfameera.