Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa eeyyamni hojii 'Addis Standard' akka deebi'uuf murteesse

Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa eeyyama hojii 'Addis Standard' yeroodhaaf dhorkee ture amma kaasuun hojiitti akka deebi'uuf murteessuu isaa hime.

Abbaan Taayitichaa fuula Tiwiitera isaa irratti akka beeksisetti, Addis Standard waliin dogogora darbe irratti wal hubachuun, haaluma gaaffii akkaataa seera biyyattiitti hojjechuuf dhiyaateefiin eeyyamni isaanii dhorkamee ture akka ka'uuf murteessineerra jedhe xalayaa barreesse irratti.

Abbaan Taayitichaa tibbana bu'aa qorannoo qabiyyee gabaasa Addis Standard irratti taasisane jedheen, yaaddoo seeraa fi danbii miidiyaa biyyittii kabajuu muraasaan walqabatee ture yeroof akka eeyyamni isaa dhorkamu murteessuu kan hime.

Ergasii marii Gulaaltota miidiyichaa waliin taasifneen murtoo keenya akka irra deebinee ilaalluuf waajjira keenyaaf gaaffii dhiyeessan jedhe.

Marii taasisaniini gulaaltonni abbaa qabeenyaa kaampanichaa dabalatee Addis Standard qaama kam irraayyuu bilisa tahanii akka hojjechaa jiran nuuf mirkaneessaniiru jedhe, xalayaa fuula tiwiiterii isaa irratti maxxanseen.

Akkasumas gabaasa madaalawaa tahee fi garee kamiifiyyuu hin loogne akka hojjetan nuuf mirkaneessaniiru kan jedhu abbaan taayitichaa, itti fayyadama jechoota muraasa eeyyamni isaa dhorkamuuf sababa ta'es kan adeemsa gulaallii yookaan editooriyaalii keessa miliqe akka tahe himeera jedhe.

Kanaafu, ''dogongora darbe irratti wal hubannaarra gahamuu fihara fuula duraatti akkaataadhuma seera biyyattiitti hojjechuuf gaaffii nuuf dhiyeessaniin eeyyamni isaanii dhorkamee ture akka ka'uuf murteessineerra,'' jedhe xalayaan Abbaa Taayitichaa kun.

Addis Standard maal jedhe?

Addis Standard Onlaayin dhaabbata Jaken jalatti kan hojjetu yoo tahu, Jaken akkaataa seera miidiyaa Itoophiyaa haaraatti Caamsaa 28, 2013 eeyyama Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa irraa fudhachuu hundeessituun Jakenii fi Addis Standard Tsedaalee Lammaa himte.

Jaken ministera daldalaa jalatti akka dhaabbata dhuunfaatti galmaa'uun hojjechaa akka ture kan himtu Tsedaaleen, Addis Standard ammoo akka miidiyaa oonlaayiniitti Abbaa Taayitichaa irraa eeyyama fudhachuu himti.

Murtoon Abbaan Taayitaa Miidiyaalee eeyyama Addis Standard akka dhorkamuuf murteessee ture adeemsa seeraa kan eeggatee fi dabalataan ammoo eeyyama isaan fudhachuu qabanis hinturre, Jaken ministera Daldalaa jalatti galmaa'ee waan tureef jette.

Kana dura qabiyyee gabaasa isaanii ilaallatee akeekkachiinsi afaaniis tahe kan barreefamaa isaan gahee akka hin beekne BBC'tti himteetti.

Sadarkaa boordiitti irratti mari'atamee murtoo fudhatame osoo hin taane, abbaa taayitichaatti daarektoreetii kenna eeyyamaa fi beekamtii kennuu kan tahan hojjettoota Addis Standard Finfinnee jiraniif bilbilanii murtoo kana fudhachuu akka itti himan dubbatti.

Qaama shororkeessaa waliin hidhata qabdu jechuunis sobaan nu himatan jette Tsedaaleen.

Itti dabaluun himanni kun ''nu hin ibsu waan taheef, nuuf haa sirratu jennee gaafanneerra. Sanbata darbe garee oduu irraa namoonni lama gulaaltuu ol aantuu fi namni biraa tokko filamuun qaamaan hogganaa olaanaa Abbaa Taayitichaa akka hubachiisan murteessine. Jalqaba murtoon kun nama tokkoon qofa waan taheef,'' jetti.

Ibsa miidiyaa graagaraaf kennan irrattis namni murtoo kennan qaama shororkeessaa waliin hariiroo qabu waan jechaa turaniif, kun ammoo nageenya gaazexessitoota keenyaaf yaaddoo waan tahuuf, akka qoratamuu fi uummataaf ibsa akka baasu gaafanne jette Tsedaaleen.

Qaama mootummaan haleellaan miidiyilee irra gahu akka dhaabbatu kan gaafattu Tsedaaleen, ''gaggeesitoonni Abbaa Taayitichaas seera miidiyaa biyyattii haaraa baheef bitamuun hojiirra oolchuu qabu malee maqa- balleessii irratti bobba'uu hin qaban'' jette.

Yoo qabiyyeen gabaasa keenyaas rakkoo qabaate adeemsa seeraa eeggatee akka beeksifamuu qabu himti. Tarkaanfii hayyama dhorkuu Addis Standard irratti fudhatame tures qaamoleen idila adunyaa akka Gamtaa Awurooppaa, CPJ fi kaan balaaleffachuunsaanii ni yaadatama.