Tookiyoo 2020: Ciilalluun iddoo Olompiikiin itti dorgomamu weerare Tookiyoo yaaddesse

Madda suuraa, Getty Images
Qondaalotni Tookiyoo iddoo ijoo dorgommiin Olompiikii itti adeemsifamutti keessummaan hin eegamne hojii suphaadhaaf doolaara miiliyoona 1.28 isaan baasise jennaan yaaddoodhaan eegumsa gochaa jiru.
Daandiin galaanaa Tookiyoo 'Sea Forest Waterway' jedhamu dorgomtoota warreen bidiruu oofuun dorgomaniif dursee qophaa’ee ture.
Ciilalluun itti nam'ee weerara jedhee namni eege garuu hin turre.
Haata'u malee ciilalluun lakkoofsa guddaa qabu meeshaalee dambalii bishaanii dhorkuuf kaa'amerratti maxxananii argaman.
Qondaalotni olompikii meeshaaleen meeshaaleen dambalii ittisuuf kaa'aman maaliif dhidhimuu akka eegalan yoo qoratan ciilalluu ta'uu argan. Rakkoo kana furuun rakkisaa fi kan yeroo fudhatu tahe.
Meeshaa hanga kiiloomeetira 5.6 diriirfame gara qarqara galaanaatti fiduu ykn immoo idduma jirutti qulqulleessuun dirqama ture. Haala kanaanis ciilalluu toonii 14 tahu baasaniiru.
Ciilalluuwwan kunneen gariin isaanii Jaappaanitti yeroo qorraa kan nyaataaf oolani dha.
Haata'u malee carraa kana fayyadamanii nyaataaf hin oolchine.
"Nyaachuudhaaf hin yaadne,’’ jedhan miseensi garee hojii kanaa. Sababiinsaa immoo ‘nagaa tahuu isaanii mirkaneessuun dirqama,’’ jedhan.
Gabaa addunyaa irrattii gatii adda addaa qabaatanis ciilalluuwwan kuma baay'een gurguramu.
Daandii bishaanii 'Sea Forest Waterway' jedhamu kana qofatu biyyattii keessaa sadarkaa idil-addunyaa qaba.
Qondaalotni erga dorgommiin kuni darbee furmaata waaraa kennina jedhanii abdatu.















