Keeniyaatti dho'insa taankarri boba'aa Kaawuntii Siyaatiin yoo xinnaate namoonni 13 du'an

Keeniyaatti dho'insa taankarii boba'aa Lixa biyyattiitti Dilbata kaleessaa mudateen yoo xinnaate namoonni 13 lubbuusaanii dhaban.

Balaan kun kan mudate konkolaachisaan konkolaataa boba'aa fee'ee ture tokko akka konkolaataa fulduraan dhufaa tureen walitti hin buuneef jalaa miliquuf wayita yaalaa tureetti jedhame.

Lixa biyyattii Kisumuu fi Busiyaa jidduu daandii konkolaataan itti baayyatu irratti balaan kun kan mudate.

Konkolaataan bobo'aa fe'ee ture akkuma garagaleen namoonni boba'aa waraabbachuuf jarikaanii qabachuun gara sanatti figaa turan, battala sanatti taankariichi dho'e ibiddi itti qabate.

Daa'imman dabalate namoonni 11 ta'an haala cimaan ibiddaan erga miidhamaniin booda hospitaalaatti argamu.

Baraartonni iddoo balaan ibiddaa mudate Kaawuntii Siyaa Magaalaa Maalaangaa gahuuf sa'aatii lama kan itti fudhate. Iddoon kunis magaalaa guddoo biyyattii Naayiroobii irraa fageenya kilomeetara 315tti argama.

''Mootorri ibbiddi ittiin balleeffamu Naayiroobii waan jiruuf Kaawuntii Siyaatii argachu hin dandeenye,'' jedhe hogganaan poolisii naannichaa Moreeso Chaachaa.

Gareen farra ibiddaa gargaarsaaf kaawuntii ollaa irraalleen dhufanii ture, jedhan.

Konkolaataan aannan fee'ee Busiyaa kan dhiheenya daangaa Yugaandaatti argamtu irraa gara Kisumuutti adeemaa tureetuu konkolaataa boba'aa fe'ee kallattii biraa irra dhufaa jiru kana waliin walitti bu'e, jedhan ajajaan poolisii.

Biyya Baha Afriikaa Keeniyaatti, saffiisni konkoolaachiftoota daandii guddicha tokko biyyattiin qabdurratti, balaan konkolaataa kan barameedha jetti gabaaftuun BBC Mersii Jumaa.

Keeniyaatti waggaa waggaan namoonni 300 sababii balaa konkolaataatiin lubbusaanii dhabu.