Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa saayiberii qaqqabeef US, Raashiyaa irratti tarkaanfii fudhatti jedhan Baayidan
Pirezidaantiin Ameerikaa Jooy Baayiden gita isaanii Raashiyaa Vilaadmir Putinitti akka himanitti, US haleellaa saayiberii Raashiyaa irraa dhaqqabuuf '' tarkaanfii barbaachisaa hundayyuu ni fudhatti,'' jechuu Waayit Haawus gabaase.
Haasaa bilbilaa dheeraa sa'a tokkoof gaggeesitoota lamaan gidduu ture irratti gaazexessaan Raashiyaa irratti tarkaanfiin ni fudhatamaa jedhee gaafannaan, ''eeyyee'' jedhan.
Mooskoon garuu himata Ameerikaan dhimma haleellaa saayiberii irratti irra deddeebiin Raashiyaa qunnamuu himtu dhara jedhan.
Haasaa bilbilaa Baayidenii fi Putin Jimaata gaggeessan marii ji'a darbe Jeneevitti gaggeessan hordofeeti.
Haleellaa saayiberii tibbana akkaan dabalee fi kan kaampaanota 1,500 hojii dhaabsise hordofeeti mariin kunis kan gaggeeffame.
''Ifa godhee itti himeera. Mootummaadhaan ispoonsera tahuu baatus oppireshiniin kaffaltii beenyaa [ransomeware] biyya isaa irraa yeroo dhufu Ameerikaan osoo odeeffannoo kenniteef qaama irratti hojjechuu barbaadan irratti hojjechuu akka danda'an ni eegdi,'' jedhan Baayiden haasaa bilbilaan booda yeroo miidiyaatti dubbatan.
Gaazexessaan Ameerikaan serverii haakerootaa yookaan qaama haleellaa saayiberii dhaqqabsisuu ni haleeltii jedhee gaafannaan, ''eeyyee'' jedhan pirezidaanti Baayiden.
Jimaataan booda garuu Mooskoon waa'ee haleellaa saayiberii kana irratti Ameerikaan na hin qunnamne jette.
''Raashiyaan yakka odeeffannoo irratti dhaqqabu balaaleffachuuf qophii taatus, ji'a darbe keessa gaaffiin kana ilaallatu dippaartimentii US irraa dhufe hin jiru,'' jedhe ibsi waajjira Puutinii bahe.
Qondaalli mootummaa US maqaa hin dhahamne tokko ammoo yaada Raashiyaa kana hin fudhanne. AFPtti akka himetti bulchiinsi Baayiden '' tarkaanfiin akka fudhatamuuf gaaffii baay'ee fi addattis dhiyeessaa ture,'' jedhan.
Ibsi Kiremiliin akka jedhutti qaamoleen lamaan nageenya odeeffannoo irratti wal deeggaraa turan. Raashiyaan hojiin kun ''dhaabbataa, ogummaadhaa fi siyaasaan ala tahuun karaa qunnamtii addaa, akkaataa seera idil-adunyaatti hojjetamuu qaba,'' jedhan.
Biyyootni lameen yeroo haasaa bilbilaa isaanii kanatti Sooriyaaf deeggarsa namoomaa gochuuf wal tumsuuf waliigalaniiru.
Ransomeware jechuun kaffaltii haakerootni odeeffannoo dhaabbata tokkoo butuun gadhiisuufiif ammoo gaafatan- yeroo dhiyoon as akkaan dabaleera.
Ameerikaan akka jettutti haleellaa cimaan irra gahe Raashiyaa irraa dhufaa kan tureefi beekumsaan kan gaggeeffame, akkasumas tajaajila nageenya odeeffannoo Raashiyaa irraallee beekamtii kan qaban tahuu agarsiisa jette.