Naayijeeriyaatti hidhattoonni barattoota, narsootaafi daa’imman wallaansarra turan butan

Maappii Zaariyaa Naayijeeriyaa keessatti

Naayijeriyaatti hidhattoonni Dilbata ganama yoo xinnaate namoota saddeet hospitaala keessaa, Wiixata ganama ammoo barattoota hedduu Kaaba-lixa biyyattiiti butuusaanii poolisiin beeksiise.

Haleellaa Dilbata ganama Jiddugala Wallaansa Daranyoo sombaafi dhukkuba Juuzam Biyyaaleessaa kan Zaariyaatti argamu keessatti raawwatameen, daa'immaniifi narsoota dabalatee namoonni saddeeti butamuu poolisiin naannichaa beeksiise.

Haata'u malee gabaasaaleen baay’inni namoota garee kanaan butamanii kanaan ol jechaa jiru.

Gama biraan ammoo achuma kaaba- lixa biyyattii bulchiinsa Kaadunaa keessatti barattoonni mana barnootaa sadarkaa lammaffaa Beetel, kan qabeenyummaansaa kan waldaa Baaptistii ta’ee hedduun Wiixata ganama butamuun gabaafame.

Bulchiinsa Kaadunaatti dura taa’aan Waldaa Kiristiaana Naayijeeriyaa lubni Joon Jooseef Hayaap BBCtti akka himaniitti, nama barnootichaa keessa barattoonni 180 turuuf ammatti 20 qofti jiraachu himuun, kan hafan hundi butamu ykn baqachuu akka hin baramne himan.

Haleellaan walfakkaatuu bulchiinsuma keessatti fageenya daqiiqaa 30 irratti ture guyyaa Dilbata narsoota, daa’immaniifi humnootii nagaa irratti magaalaa Zaariyaatti raawwateetti kan ture.

Dhiheenya kanas maallaqa gaafachuuf jecha manneen barnootaa fi yunvarsitiiwwan irraa akkasumas barattoonni butamuun gabaafamee ture.

Poolisiin akka jedhuutti, hidattoonni kunneen garee yekkaa akka biyyaatti garee ‘‘shiftootaa’’ jedhamaniifi magaalattii keessatti buufata poolisiirratti haleellaa bananiin.

Osoo isaan walitti dhogaasaa jiranuu ture gareen gara biraa hospitaalicha irratti haleellaa kan raawwate.

‘‘Haleellaan buufata poolisii irratti raawwatame tures wayita garee kaan kutaa hojjattoota wiirtuu fayyaa irratti miidhaa qaqabsiisan xiyyeeffannaa geeddarchiisuuf kan raawwatameedha,’’ jedha jiraataan AFPn dubbise tokko.

Gareen kunis miidhamtoota waliin bosona dhiheenyatti argamutti baqatan.

Hojjataan hospitaalichaa maqaan akka hindhamne gaaffachuun BBC Haawusaatti dubbate tokkoos, hidhattoonni kunneen daa’imman waggaa sadii gadii fi guddattuu tokko dabalatee, yoo xinnaate namoota 12 butaniiru.

Qondaalli motummaa naannichaas miidhamtoota barbaachuuf loltoonni bobba’niiru jedhan.

Hidhattoottaan butamuun Naayijeeriyaa keessatti baramaa kan dhufe ta’eera. Guraandha darbe keessa ijoollee 300 ta’an bulchiinsa Zaamfaaraa irraa mana barnootaatii butamanii ture.

Aanga’oonnis gochaa haleellawwanii dhiyeenya manneen barnootaa Kaaba - liixaatti shiftootaan raawwatan kunneenis, saamtoota loonii, hattoota hidhataniifi milishoota hidhatanii maallaqa argachuuf naannicha keessa socho’aniin jedhan.

Erga shamarran Chibook 276 bara 2014tti mana marnootaa sadarkaa lammaaffaa keessaa bulchiinsa Bornootti garee milishoota Bookoo Haaraamiin butamuun himamee as, gareewwan hIdhatan hedduun barattoota jumlaan butuutti deebii’an.