Naayijeeriyaatti ijoolleen dhiiraa mana barnootaa butamanii turan deebifaman

Madda suuraa, Reuters
Ijoolleen dhiiraa Naayijeeriyaa 300 ol ta'an mana barnootaa kaaba-lixa biyyattii keessatti argamu keessaa milishootaan butamanii turan torbaniin booda maatiin walitti makaman.
Ijoolleen kunneenis magaalaa guddoo bulchiinsaa kan taatee Kaatsinaa wayita gahan mul'ataniiru.
Gabaasoonni akka jedhanittiis baayyee kan dadhaban fakkaachuun alatti nagaadha. Gareen isaanii ammalleen uffata dambii mana barnootaa isaanii akkuma uffataniitti jiru.
Muddee 11 ture milishoonni isilaamaa gareen Bokoo Haaraam mana barnootaa maagaalaa Kaankaaraa keessatti argamurratti haleellaa kan qaqqabsiisan.
Ijoolleen butamanii turan hundi gadhiifamuusaanii ammatti kan ifa ta'e hinijiru.
Bulchaan Kaatsinaa, Amiinu Beelloo Maasaarii guyyaa Kamiisaa ijoolleen 344 qondaaltoota nageenyaatti deebiifamu himanii turan.
''Akkan yaaduutti... ijoollee baayyee deebiisiifneera yoo hunda isaanii ta'u baateelleen'' jechuun APtti himanii ture.
Ijoolleen kunneenis wallaansa fayyaa akka argatan himameera.
Mucaan tokko TV irratti akka dubbateetti, erga qabaniin booda daabboofa'i laataafii turan. Eddoon sun baayyee kan qorru ta'u himuun, gara manaa deebiifamusaatti ''dhuguma baayyee gamadeera'' jedheeras.
Maatiinis ijoollee isaanii waliin deebiisanii wal arguutti baayyee gammadaa jiru. ''Ollaan dhufee dhugaa ta'u hanga natti himuutti waanan dhagee amanu hindandeenyeen ture,'' Haafsaat Faantuwa haadha mucaa waggaa 16ti madda oduu Rooyitarsiitti hime.
Baraarsi ijoollee kanaa attamiin raawwate?
Motummaan erga qaamaa ijoollee kanneen bute waliin marii gaggeesseen booda gadhiisiisuuf maallaqani akka hinraawwatamneef didee ture.
Milishoonni garee Bokoo Haaraam buttaa kana duuba nutu jira jedhan illeen, kun qondaaltoota Naayijeeriyaatiin haaameera.

Madda suuraa, Reuters
Buchaan bulchiinsa Zaamfaaraa, bakka keessatti ijoolleen baraaramanii, Bello Matawalle BBCtti akka himaniitti, ijoollee kanneen gadhisiisuuf waliigalteewwan sadiitu gagggeefame.
Ijoolleenis Kamiisa galgala Magaalaa Zaamfaaraa keessatti gadhiisifamuu aanga'oonni himanii ture.
Mr Matawalle BBC Hausatti akka himaniitti, tibba marii gaggeefameettis qaamooleen ijoollee butan aariiwwan adda addaa kaasaa turan.
"Komiiwwan kaasan keessaa namoonni loon keenya nu jalaa ajjeessuufi gareewwan hidhattootaa garaa garaa nu jeequ'' kan jedhu ni argama akka bulchaan himaniitti.
Motummaanis komii qaamoolee kanneen akka xiyyeeffanaan ilaalu himan.
Horsiistootaafi hawaasa qonnaan bultootaa jiduutti walitti bu'iinsi bulchiinsoota jidduugala, fi kaaba-lixa Naayijeeriyaatti kan barameedha jedha gabaasaan BBC Ndulu Orjinmoo Leegoos irraa.
Gareen lamaan waggoota dheeraaf wal lolan illeen dhiheenya keessa garuu, keessattu kaaba-lixa Naayijeeriyaatti gareen lamaanu hidhattoota waan qaxaraniif walitti bu'insi hawaasa lamaan jidduutti haalaan dabaleera.














